Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 25

Gara laafinaan nama dhukkuba nadaayiitiin qabame fayyise

Gara laafinaan nama dhukkuba nadaayiitiin qabame fayyise

MAATEWOS 8:1-4 MAARQOS 1:40-45 LUQAAS 5:12-16

  • Yesuus Nama Dhukkuba Nadaayiitiin Qabame Fayyise

Yesuusii fi barattoonni isaa arfan ‘manneen sagadaa guutummaa Galiilaa’ keessatti yeroo lallabanitti, oduun wantoota dinqisiisoo Yesuus hojjechaa jiru ibsu baayʼee babalʼate. (Maarqos 1:39) Oduun waaʼee hojii isaa dubbatamu magaalaa namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko keessa jiraatu gaʼe. Luqaas inni ogeessa fayyaa taʼe namichi kun, “qaamni isaa guutuun dhukkuba nadaayiitiin [akka] qabame” dubbateera. (Luqaas 5:12) Dhukkubni baayʼee hamaa taʼe kun yommuu nama irra turu suutuma suuta qaama namaa kukkuta.

Kanaaf, namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame kun sadarkaa balaadhaaf isa saaxilu irra kan jiru siʼa taʼu, nama irraa adda baʼee akka jiraatu isa irraa eegama. Kana malees, namoonni naannoo isaa yoo jiraatan isatti dhihaachuudhaan dhukkubichaan akka hin qabamneef, “Ani xuraaʼaa dha! Ani xuraaʼaa dha!” jechuu qaba. (Lewwoota 13:45, 46) Haa taʼu malee, namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame kun amma maal godha laata? Yesuusitti dhihaatee isaaf sagadee, “Yaa Gooftaa, yoo fedha kee taʼe na fayyisuu dandeessa” jedhee isa kadhate.—Maatewos 8:2.

Namichi kun Yesuus irratti amantii cimaa qaba! Dhibeen kun argaan isaa kan nama gaddisiisu akka taʼu isa taasiseera! Yesuus maal isaan jedha laata? Ati hoo utuu achi jiraattee maal goota? Yesuus gara laafinaan kakaʼee hiixatee isa qabe. Achiis, “Nan fedha! Fayyi!” isaan jedhe. (Maatewos 8:3) Namoota tokko tokkoof amanuuf ulfaataa taʼuu dandaʼus, dhukkubni isaa battalumatti isa gadhiise.

Mootii akka Yesuus garaa laafuu fi humna qabu qabaachuu hin barbaadduu? Karaan Yesuus namicha dhukkuba nadaayiitiin qabamee ture kana itti qabe, yeroo inni guutummaa lafaa irratti Mootii taʼu raajiin armaan gadii akka raawwatamu nuu mirkaneessa: “Inni isa dadhabaadhaa fi isa wanta barbaachisu dhabeef in ooʼa; jireenya warra wanta barbaachisu dhabaniis inni in oolcha.” (Faarfannaa 72:13) Eeyyee, yeroo sanatti Yesuus fedhii namoota dhiphatan hunda gargaaruuf qabu galmaan gaʼa.

Namicha dhukkuba nadaayiitiin qabame kana fayyisuu isaa dura iyyuu, tajaajilli Yesuus namoota dinqisiisaa akka ture yaadadhu. Amma immoo namoonni wanta dinqisiisaa inni hojjete kana ni dhagaʼu. Haa taʼu malee, Yesuus namoonni wantuma dhagaʼaniin qofa isatti akka amanan hin barbaadu. Raajii, “Sagaleen isaas karaa irratti akka dhagaʼamu hin godhu” jedhu beeka; jechuunis wanta hojjeteen of gurguddisuu hin barbaadu. (Isaayaas 42:1, 2) Kanaaf, Yesuus namicha fayye sana, “Eenyutti illee akka hin himne of eeggadhu; kanaa mannaa dhaqiitii lubichatti of argisiisi; . . . akkuma Museen ajajetti kennaa kee dhiheessi” jedhee ajaje.—Maatewos 8:4.

Haa taʼu malee, namichi fayyuu isaatti baayʼee waan gammadeef, callisuu hin dandeenye. Achiis, deemee bakka hundatti oduu kana babalʼise. Kunis fedhiin namoonni waaʼee Yesuus beekuuf qaban baayʼee akka dabalu taasise. Kana irraa kan kaʼe, Yesuus namoonni utuu isa arganii gara magaalaa seenuu waan hin dandeenyeef, yeroo murtaaʼeef bakka namni hin jirretti dabarse. Taʼus amma iyyuu, namoonnii akka inni isaan barsiisuu fi isaan fayyisuuf bakka garaa garaatii gara isaa dhufaa jiru.