Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 26

“Cubbuun Kee Siif Dhiifameera”

“Cubbuun Kee Siif Dhiifameera”

MAATEWOS 9:1-8 MAARQOS 2:1-12 LUQAAS 5:17-26

  • YESUUS NAMA LAMSHAAʼE TOKKOOF CUBBUU ISAA DHIISE, AKKASUMAS ISA FAYYISE

PUummanni baayʼeen iddoo garaa garaa jiraatan waaʼee Yesuus dhagaʼaniiru. Namoonni baayʼeen immoo yeroo inni barsiisu dhaggeeffachuu fi yeroo inni dinqii hojjetu ilaaluuf iddoo fagoo taʼe illee ni deemu. Guyyoota muraasa booda garuu Yesuus gara Qifirnaahom ishii yeroo kanatti bakka jireenyaa isaa taateetti deebiʼe. Oduun gara biyyattiitti deebiʼuu isaa ibsu yeruma sana magaalaa qarqara Galaana Galiilaatti argamtu kana keessatti babalʼate. Kanaaf, namoonni hedduun gara mana inni jiruu dhufan. Isaan keessaa tokko tokko Fariisotaa fi barsiisota Seeraa Yerusaalem, Galiilaa fi Yihudaadhaa dhufani dha.

“Namoonni hedduun achitti waan walitti qabamaniif balbala dura illee iddoon hin jiru ture; innis dubbicha isaaniif lallabuu jalqabe.” (Maarqos 2:2) Amma, wanti iddoo guddaa qabu tokko taʼuuf jedha. Wanti taʼuuf jedhu Yesuus wanta rakkina ilmaan namootaaf sababa taʼe balleessuu fi namoota filate hundaaf fayyaa isaanii deebisu akka dandaʼu hubachuuf nu gargaara.

Yesuus mana namoonni hedduun keessa jiran kana keessatti utuu barsiisaa jiruu namoonni afur nama lamshaaʼe tokko sireedhaan baatanii fidan. Yesuus michuu isaanii kana akka fayyisu barbaadan. Haa taʼu malee, baayʼina namootaa irraan kan kaʼe, “namicha gara Yesuusitti dhiheessuu” hin dandeenye. (Maarqos 2:4) Kun hammam akka nama gaddisiisu yaadi. Baaxii manichaa isa diriiraa taʼe irra yaabanii saaqan. Achiis siree namichi lamshaaʼe irra ciisu mana keessatti gad buusan.

Yesuus isa jeequu isaaniitti aareeraa? Lakki! Amantiin isaanii isa ajaaʼibsiisee namicha lamshaaʼe sanaan, “Cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe. (Maatewos 9:2) Haa taʼu malee, Yesuus dhuguma cubbuu namaaf dhiisuu ni dandaʼaa? Barsiisonni seeraa fi Fariisonni akka inni sirrii hin taane waan isaanitti dhagaʼameef, “Namni kun akkana jedhee kan dubbatu maaliifi? Inni Waaqayyoon arrabsaa jira. Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuudhaaf dhiifama gochuu dandaʼa?” jedhanii yaadan.—Maarqos 2:7.

Yesuus yaada isaanii baree akkana isaaniin jedhe: “Maaliif garaa keessanitti wantoota akkanaa yaaddu? Namicha lamshaaʼe kanaan, ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii siree kee baadhuu deemi’ jechuutu salphata?” (Maarqos 2:8, 9) Eeyyee, Yesuus aarsaa gara fuulduraatti dhiheessuun cubbuu namichaa isaaf dhiisuu ni dandaʼa.

Achiis Yesuus, warra isa ceephaʼan dabalatee namoota achi jiranitti lafa irratti namootaaf cubbuu dhiisuuf aangoo akka qabu argisiise. Namicha lamshaaʼe sanatti garagalee, “Ani siin nan jedha, Kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee dhaqi!” isaan jedhe. Yeroo kanatti namichi sun akkuma Yesuus isaan jedhe kan godhe siʼa taʼu, utuma namni hundi isa ilaaluu siree isaa baatee deeme. Namoonni baayʼee ajaaʼibsiifaman! Waaqayyoof ulfina kan kennan siʼa taʼu, “Nuti matumaa wanta akkanaa arginee hin beeknu” jedhan.—Maarqos 2:11, 12.

Yesuus cubbuu dhukkubaa wajjin wal bira qabuun isaa fi dhiifamni cubbuu immoo fayyaa qamaa wajjin kan wal qabatu taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. Kitaabni Qulqulluun abbaa keenya isa jalqabaa kan taʼe Addaam cubbuu akka hojjetee fi hundi keenya wantoota sababii cubbuutiin dhufan, kanneen akka dhukkubaa fi duʼaa isa irraa akka dhaalle barsiisa. Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti garuu, Yesuus namoota Waaqayyoon jaallatanii fi isa tajaajilaniif cubbuu isaanii ni dhiisa. Achiis, dhukkubni bara baraaf ni bada.—Roomaa 5:12, 18, 19.