Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 27

Maatewos Ni Waamame

Maatewos Ni Waamame

MAATEWOS 9:9-13 MAARQOS 2:13-17 LUQAAS 5:27-32

  • YESUUS MAATEWOS ISA QARAXA SASSAABU WAAME

  • KIRISTOOS CUBBAMOOTA GARGAARUUF ISAANII WAJJIN YEROO DABARSE

Yesuus namicha lamshaaʼe erga fayyisee booda guyyoota muraasaaf Qifirnaahom ishii qarqara Galaana Galiilaatti argamtu keessa ture. Ammas, namoonni hedduun gara isaa kan dhufan siʼa taʼu, innis isaan barsiisuu jalqabe. Utuma deemaa jiruu, Maatewos inni gosa Lewwii taʼe bakka qaraxa itti sassaaban taaʼee arge. Achiis, “Duuka buutuu koo taʼi!” jedhee isa afeere.—Maatewos 9:9.

Maatewos, akkuma Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannis, barumsa Yesuusii fi hojii inni naannoo sanatti hojjete dhagaʼee taʼa. Akkuma isaanii innis yeruma sana tarkaanfii fudhate. Maatewos wangeela isaa irratti, “Innis [Maatewos] battaluma sanatti kaʼee isa duukaa buʼe” jechuudhaan dhimma kana ibseera. (Maatewos 9:9) Kanaaf, hojii qaraxa sassaabuu dhiisee, barataa Yesuus taʼe.

Yeroo muraasa booda, tarii dinqisiifannaa waamicha addaa Yesuus isaaf dhiheesse kanaaf qabu ibsuuf taʼuu dandaʼaa, Maatewos mana isaatti afeerraa guddaa qopheesse. Yesuusii fi barattoota isaa dabalatee eenyufaatu afeerame? Eeyyee, namoonni duraan michoota Maatewos turanii fi qaraxa sassaaban afeeramaniiru. Namoonni kun abbootii taayitaa Roomaa warra uummaticha biratti jibbamoo taʼaniif qaraxa sassaabu. Qaraxa kan isaan sassaaban dooniiwwan gara buufata doonii dhufan, daldaltoota daandii guddaa irra deddeebiʼanii fi meeshaalee biyya biraatii gara biyyaa seenan irraa ti. Haa taʼu malee, Yihudoonni namoota kanaaf ilaalcha akkamii qabu? Namoonni kun yeroo baayʼee qaraxa baramaa taʼe caalaa nama irraa waan fuudhaniif uummata biratti ni jibbamu turan. ‘Cubbamoonnis,’ jechuunis namoonni gocha sirrii hin taane raawwachuudhaan beekamanis afeerraa kana irratti argamaniiru.—Luqaas 7:37-39.

Fariisonni akka qajeelootti of ilaalanii fi bakka kanatti argaman, Yesuusiin namoota akkasii wajjin qophii kana irratti yommuu argan, “Barsiisaan keessan maaliif warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaata?” jedhanii barattoota Yesuus gaafatan. (Maatewos 9:11) Yesuus wanta isaan jedhan dhagaʼee akkana jedhee isaaniif deebise: “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu. Kanaaf dhaqaa, ‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafina nan barbaada’ jechuun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Sababiin isaas ani namoota qajeeloo utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe.” (Maatewos 9:12, 13; Hoseʼaa 6:6) Fariisonni Yesuusiin, “Barsiisaa” kan jedhan garaa isaaniitii taʼuu baatus, wanta sirrii taʼe ilaalchisee waa isa irraa barachuu dandaʼu.

Maatewos namoota qaraxa sassaabanii fi cubbamoota mana isaatti kan afeere, Yesuusiin dhaggeeffatanii karaa hafuuraa akka fayyaniif taʼuu hin oolu; “sababiin isaas isaan keessaa hedduun isaanii duuka buutota isaa” taʼaniiru. (Maarqos 2:15) Yesuus, Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii akka isaan qabaatan isaan gargaaruu barbaade. Fariisota akka qajeelootti of ilaalan irraa haala adda taʼeen, namoota kana ofitti dhiheesseera. Kanas kan godhe gara laafinaan kakaʼee ti; namoota karaa hafuuraa dhukkubsataniif ogeessa fayyaa hafuuraa taʼuu ni dandaʼa.

Yesuus namoota qaraxa sassaabanii fi cubbamootaaf kan garaa laafe cubbuu isaaniitiif isaan ceephaʼuuf jedhee utuu hin taʼin, miira gara laafinaa namoota dhibee qaamaa qabanitti argisiise isaanittis argisiisuuf jedhee ti. Fakkeenyaaf mee yeroo inni nama dhukkuba nadaayiitiin qabame gara laafinaan qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!” itti jedhe yaadadhu. (Maatewos 8:3) Nutis namoota gargaarsa barbaadan, keessumaa karaa hafuuraa gargaaruudhaan gara laafina akkasii isaanitti argisiisuu hin qabnuu?