Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 30

Hariiroo Yesuus Abbaa Isaa Wajjin Qabu

Hariiroo Yesuus Abbaa Isaa Wajjin Qabu

YOHAANNIS 5:17-47

  • WAAQAYYO ABBAA YESUUSI DHA

  • ABDIIN DUʼAA KAʼUU NI KENNAME

Yihudoonni Yesuus guyyaa Sanbataatti nama fayyisuudhaan seera akka cabse yommuu dubbatan, Yesuus, “Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira; anis nan hojjedha” isaaniin jedhe.—Yohaannis 5:17.

Wanti Yesuus hojjechaa jiru seera Waaqayyo Sanbata ilaalchisee kenne kan cabsu miti. Lallabuun isaa fi fayyisuun isaa hojii Waaqayyoo isa gaarii taʼee wajjin kan wal simu dha. Kanaaf, Yesuus guyyaa guyyaatti hojii gaarii hojjechuu isaa itti fufe. Deebiin inni namoota isa mormaniif kenne garuu, isa duraa caalaa waan isaan aarseef isa ajjeesuu barbaadan. Akkas kan isaanitti dhagaʼame maaliifi?

Yesuus guyyaa Sanbataatti nama fayyisuun isaa sirrii akka hin taane dogoggoraan hubachuu isaanii malees, Ilma Waaqayyoo akka taʼe dubbachuun isaa isaan aarse. Yihowaan Abbaa isaa akka taʼe yeroo dubbatu isaa wajjin of qixxeessaa akka jirutti yaaduudhaan, Waaqayyoon akka Abbaa isaatti ilaaluun isaa arrabsoo akka taʼetti fudhatan. Yesuus garuu hin sodaanne; hariiroo Waaqayyoo wajjin qabu ilaalchisee ibsa dabalataa isaaniif kenne. “Abbaan Ilma ni jaallata, waan ofii isaatii hojjetu hundas isatti argisiisa” jedhe.—Yohaannis 5:20.

Abbaan Burqaa Jireenyaa siʼa taʼu, kanaan dura namoonni warra duʼan akka kaasaniif humna isaaniif kennuudhaan kana argisiiseera. Yesuus itti fufuudhaan, “Akkuma Abbaan namoota duʼan kaasee jireenya isaaniif kennu, Ilmis nama barbaadeef jireenya ni kenna” jedhe. (Yohaannis 5:21) Yaadni kun yaada hiika guddaa qabuu fi gara fuulduraa ilaalchisee abdii namaaf kennu dha! Harʼa illee taanaan Ilmi karaa hafuuraa namoota duʼan duʼaa kaasaa jira. Yesuus, “Namni dubbii koo dhagaʼuu fi isa na erge Sanatti amanu hundi jireenya bara baraa qaba; akkasumas duʼa jalaa gara jireenyaatti darba malee isatti hin murteeffamu” jechuudhaan kan dubbate kanaafi dha.—Yohaannis 5:24.

Yesuus hamma yeroo kanaatti nama duʼe duʼaa akka kaase wanti galmeeffame kan hin jirre taʼus, duʼaa kaʼuun akkasii akka taʼu namoota isa mormanitti hime. Yesuus, “Saʼaatiin namoonni duʼanii awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa” jedhee dubbate.—Yohaannis 5:28, 29.

Yesuus gaʼee guddaa kan qabu taʼus, “Ani ofii kootiin kakaʼee wanta tokko illee gochuu hin dandaʼu” jechuudhaan Waaqayyo akka isa caalu ibse. Itti dabalees, ‘Ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa koo raawwachuu hin barbaadu’ jedhe. (Yohaannis 5:30) Gaʼee kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabus ibseera. Gaʼee kana hamma yeroo kanaatti ifatti hin dubbanne ture. Taʼus, namoonni Yesuusiin morman waaʼee gaʼee isaa kanaa isa inni dubbate caalaa beeku. Yesuus, “Isin gara Yohaannisitti namoota ergitanii turtan; innis waaʼee dhugaa sanaa dhugaa baʼeera” jechuudhaan isaan yaadachiise.—Yohaannis 5:33.

Yohaannis waaʼee isa isa booda dhufuu fi “Raajichaa” fi “Kiristoos” jedhamuu geggeessitoota amantii Yihudootaatti waan himee tureef, namoonni Yesuusiin morman kun waaʼee isaa waggaa lama dura sirriitti dhagaʼaniiru taʼa. (Yohaannis 1:20-25) Yesuus iddoo guddaa mormitoonni isaa Yohaannis isa amma hidhamee jiruuf kennaa turan isaan yaadachiisuudhaaf, “Yeroo xinnoodhaaf ifa isaatti baayʼee gammaduudhaaf fedhii qabdu turtan” jedhe. (Yohaannis 5:35) Haa taʼu malee, Yesuus Yohaannis Cuuphaa caalaa dhugaa baʼeera.

Yesuus, “Hojiiwwan ani hojjechaa jiru kun, [hojii fayyisuu inni hojjete dabalatee] akka Abbaan na erge mirkaneessu” isaaniin jedhe. Achiis, “Abbaan inni na erge ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera” jedhe. (Yohaannis 5:36, 37) Fakkeenyaaf, yeroo inni cuuphame Waaqayyo waaʼee isaa dhugaa baʼeera.—Maatewos 3:17.

Dhuguma iyyuu namoonni Yesuusiin mormaa jiran kun sababii itti isatti hin amanne hin qaban. Kitaabonni Qulqulluun warri isaan ni qoranna jedhan iyyuu waaʼee isaa dhugaa baʼu. Yesuus, “Museen waaʼee koo waan barreesseef, utuu isatti amantaniittu taʼee, anattis ni amantu turtan. Haa taʼu malee wanta Museen barreesse hin amantan erga taʼee, wanta ani dubbadhu akkamitti amantu ree?” isaaniin jechuudhaan haasaa isaa xumure.—Yohaannis 5:46, 47.