Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 32

Guyyaa Sanbataatti Wanti Seerichi Heyyamu Maali Dha?

Guyyaa Sanbataatti Wanti Seerichi Heyyamu Maali Dha?

MAATEWOS 12:9-14 MAARQOS 3:1-6 LUQAAS 6:6-11

  • GUYYAA SANBATAATTI NAMA HARKI ISAA LAMSHAAʼE TOKKO FAYYISE

Guyyaa Sanbataa kan biraatti, Yesuus gara mana sagadaa tarii Galiilaa keessatti argamu tokkoo deeme. Achitti nama harki isaa mirgaa lamshaaʼe arge. (Luqaas 6:6) Barsiisonni seeraa fi Fariisonni Yesuusiin xiyyeeffannaadhaan hordofaa jiru. Maaliif? “Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seeraan heyyamameeraa?” jedhanii yommuu isa gaafatan wanti yaadaa turan maal akka taʼe mulʼisan.—Maatewos 12:10.

Geggeessitoonni amantii guyyaa Sanbataatti fayyisuun kan dandaʼamu lubbuun nama ykn horii tokkoo balaadhaaf yoo saaxilame qofa akka taʼe amanu. Kanaaf, namni tokko lafeen isaa yoo cabe ykn yoo buqqaʼe, haalli akkasii lubbuu isaa balaadhaaf kan saaxilu waan hin taaneef, nama akkasii guyyaa Sanbataatti fayyisuun sirrii miti. Kanaaf, barsiisonni seeraa fi Fariisonni gaaffii akkasii Yesuusiin kan gaafatan nama hiyyeessa dhiphachaa jiru sanaaf gaddanii akka hin taane beekamaa dha. Kanaa mannaa, karaa itti Yesuusiin yakkamaa gochuu dandaʼan barbaadaa jiru.

Taʼus Yesuus, sababa isaan haxxummaadhaan dhiheessan isaan irratti bare. Namni tokko guyyaa Sanbataatti hojii akkamii hojjechuun isaa sirrii akka hin taane ilaalchisee ilaalchi isaan qaban Kitaabota Qulqulluu irratti kan hin hundoofnee fi kan daangaa darbe taʼuu isaa hubate. (Baʼuu 20:8-10) Hojii gaarii inni hojjetu yeroo morman kun isa jalqabaa miti. Yesuus namicha harki isaa lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii gara gidduutti kottu” jechuudhaan gocha isaanii fuulleetti saaxiluuf haala mijeesse.—Maarqos 3:3.

Yesuus gara barsiisota seeraa fi Fariisotaatti garagalee akkana isaaniin jedhe: “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu yoo jiraatee fi hoolaan isaa guyyaa Sanbataatti yoo boolla keessa buute harkisee achi keessaa kan hin baasne jiraa?” (Maatewos 12:11) Hoolaan madda galii waan taateef, bor baasna jedhanii boolla keessatti hin dhiisan; utuu isaan hin baasin yoo duute kasaaraadhaaf saaxilamu. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, “Namni qajeelaan jireenya horii isaatiif in yaada” jedha.—Fakkeenya 12:10.

Achiis, Yesuus fakkeenya kana irratti hundaaʼuudhaan, “Maarree namni tokko hoolaa irra guddaa hin caaluu? Kanaaf, guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuun heyyamameera” isaaniin jedhe. (Maatewos 12:12) Yesuus guyyaa Sanbataatti nama sana fayyisuun isaa seera cabseera isa hin jechisiisu. Geggeessitoonni amantii kun sababa ragaa quubsaa irratti hundaaʼee fi sirrii taʼe kana haaluu waan hin dandeenyeef ni callisan.

Yesuus karaa sirrii hin taaneen yaaduun isaanii waan isa aarseef asiif achi ilaalee, namichichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. (Maatewos 12:13) Innis harka isaa yommuu diriirsu ni fayye. Namichi kun kanatti baayʼee gammade; namoota Yesuusiin kiyyootti galchuuf barbaadanitti hoo maaltu dhagaʼame?

Fariisonni harki namichaa fayyuu isaatti gammaduu mannaa, yeruma sana gad baʼanii deemuudhaan “[Yesuusiin] ajjeesuuf garee warra Heroodisiin hordofanii wajjin isa irratti mariʼachuu jalqaban.” (Maarqos 3:6) Gareen siyaasaa kun miseensota garee amantii Saduqoota jedhamanii kan of keessaa qabu taʼuu dandaʼa. Saduqoonnii fi Fariisonni akka walii hin galle beekamaa taʼus, amma garuu Yesuusiin mormuuf tokkummaa uumaniiru.