Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 36

Ajajaa Dhibbaa Amantii Guddaa Akka Qabu Argisiise

Ajajaa Dhibbaa Amantii Guddaa Akka Qabu Argisiise

MAATEWOS 8:5-13 LUQAAS 7:1-10

  • GARBICHI AJAJAA DHIBBAA TOKKOO NI FAYYIFAME

  • WARRI AMANTII AKKA QABAN ARGISIISAN NI EEBBIFAMU

Yesuus gaara irratti erga lallabee booda, gara magaalaa Qifirnaahom deeme. Bakka kanatti jaarsoliin Yihudootaa tokko tokko gara isaa dhufan. Kan isaan erge nama Yihudii hin taane siʼa taʼu, namichi kun ajajaa dhibbaa humna waraanaa Roomaa ti.

Garbichi ajajaa dhibbaa jaallatamaa taʼe tokko, baayʼee dhukkubsatee duʼuuf jedha. Ajajaan dhibbaa kun Yihudii taʼuu baatus, Yesuus akka isa gargaaru barbaadeera. Yihudoonni garbichi namicha kanaa, ‘lamshaaʼee mana keessa akka ciise, akka malees dhiphachaa akka jiru’ Yesuusitti himan. Garbichi kun tarii baayʼee isa dhukkubaa jira. (Maatewos 8:6) Jaarsoliin Yihudootaa ajajaan dhibbaa kun, ‘saba isaanii akka jaallatu, mana sagadaas akka isaaniif ijaare’ dubbachuudhaan gargaarsi kun akka isaaf malu Yesuusiif ibsan.—Luqaas 7:4, 5.

Utuu baayʼee hin turin Yesuus jaarsolii Yihudootaa wajjin gara mana ajajaa dhibbaa kanaa deeme. Gara mana isaatti yeroo dhihaatan, ajajaan kun akkana jedhanii akka isatti himaniif michoota isaa gara Yesuusitti erge: “Yaa Gooftaa, ati baaxii mana koo jala seenuun kee kan anaaf malu waan ani hin taaneef hin dhamaʼin. Kanaaf, ani ofii koo si bira dhufuun akka anaaf taʼu natti hin dhagaʼamne.” (Luqaas 7:6, 7) Yaadni namichi warra kaan ajajuu bare kun dubbate akka inni gad of qabu kan argisiisu dha! Akkasumas namichi kun namoota Roomaa garboota isaanii cunqursan irraa adda akka taʼe nu hubachiisa.—Maatewos 8:9.

Ajajaan dhibbaa kun Yihudoonni namoota Yihudoota hin taanee wajjin walitti dhufeenya akka hin qabne akka beeku hin shakkisiisu. (Hojii Ergamootaa 10:28) Michoonni isaa Yesuusiin, “Tajaajilaan koo akka fayyuuf waanuma tokko dubbadhu” akka jedhan kan godhe kana yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa.—Luqaas 7:7.

Yesuus kana dhagaʼuun isaa baayʼee waan isa dinqisiiseef, “Ani isinitti nan hima, Israaʼel keessatti illee nama amantii guddaa akkanaa qabu hin arganne” jedhe. (Luqaas 7:9) Michoonni ajajaa dhibbaa sanaa gara mana isaatti yeroo deebiʼan, garbichi dhukkubsatee ture akka fayye baran.

Yesuus nama kana erga fayyisee booda, haala kanatti fayyadamee warri Yihudoota hin taanee fi amantii akka qaban argisiisanis akka eebbifaman mirkaneesse. Akkana jedhe: “Namoonni hedduun baha biiftuu fi lixa biiftuutii dhufanii, Mootummaa samii keessatti Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobii wajjin maaddiitti dhihaatu.” Waaʼee Yihudoota amantii akka qaban hin argisiisnee hoo maal jechuu dandeenya? Yesuus, “Dukkana isa alaatti gatamu. Achittis ni booʼu; ilkaan isaaniis ni qaru” jedhe.—Maatewos 8:11, 12.

Kanaaf, namoonni dhalootaan Yihudoota taʼanii fi afeerraa Kiristoosii wajjin kutaa Mootummichaa akka taʼaniif jalqaba isaaniif dhihaate hin fudhanne mirga kana ni dhabu. Warri saba Waaqayyoo hin taane garuu, “Mootummaa samii keessatti” isaa wajjin maaddiitti dhihaachuuf mirga ni argatu.