Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 43

Fakkeenyota Waaʼee Mootummichaa Dubbatan

Fakkeenyota Waaʼee Mootummichaa Dubbatan

MAATEWOS 13:1-53 MAARQOS 4:1-34 LUQAAS 8:4-18

  • YESUUS WAAʼEE MOOTUMMICHAA FAKKEENYOTA DUBBATE

Yesuus, Fariisota kan balaaleffate Qifirnaahomitti taʼuu hin oolu. Guyyuma sana saʼaatii muraasa booda, gara Galaana Galiilaa isa naannichatti dhihoo taʼee deeme; namoonni hedduunis achitti walitti qabaman. Yesuus bidiruu yaabbatee, qarqara irraa gara walakkaa bishaanichaatti siqee, waaʼee Mootummaa samii barsiisuu jalqabe. Isaan barsiisuudhaafis fakkeenyota garaa garaatti fayyadame. Wantoonni inni fakkeenya isaa keessatti caqase namoota kana biratti baayʼee baramaa kan taʼan siʼa taʼu, kunis waaʼee Mootummichaa hubachuun salphaa akka isaaniif taʼu taasiseera.

Jalqaba, Yesuus waaʼee nama sanyii facaasuu dubbate. Sanyiiwwan tokko tokko daandii qarqara kan buʼan siʼa taʼu, simbirrootatu funaannate. Kaan immoo lafa dhagaa biyyoo hedduu hin qabne irra buʼan. Hiddi isaanii gad fagaachuu waan hin dandeenyeef, akkuma biqilaniin aduudhaan waxalamanii gogan. Sanyiiwwan kaan immoo qoree gidduu kan buʼan siʼa taʼu, qoreen sun sanyichi yeroo biqilu isa hudhe. Sanyiiwwan tokko tokko immoo biyyoo gaarii irra buʼan. Isaanis ija kan godhatan siʼa taʼu, “inni tokko dachaa 100, inni tokko dachaa 60, inni tokko immoo dachaa 30 godhate.”—Maatewos 13:8.

Yesuus fakkeenya kan biraa irratti Mootummicha, haala namni tokko sanyii erga facaasee booda jirutti fakkeesse. Namichi rafes rafuu baates sanyiiwwan kun, “namichi utuu hin beekin” guddatu. (Maarqos 4:27) Ofuma isaaniitiin guddatanii firii godhatu. Innis firii kana sassaabbachuu ni dandaʼa.

Yesuus sana booda waaʼee sanyii facaasuu fakkeenya sadaffaa dubbate. Namichi tokko sanyii gaarii kan facaase taʼus, “utuu namoonni rafaa jiranii,” diinni qamadicha keessatti inkirdaada facaase. Garboonni isaa inkirdaadicha buqqisuuf isa gaafatan. Innis akkana jedheen: “Lakki, yommuu inkirdaadicha buqqiftan, qamadii sanas wajjin buqqiftu jedheen sodaadha. Dhiisaa, hanga yeroo makaraatti lamaanuu waliin haa guddatan; yeroon makaraa yommuu gaʼu, namoota midhaan haamaniin akkana nan jedha: Jalqaba inkirdaadichi akka gubamuuf bissii bissiidhaan hidhaa; sana boodas qamadicha gootaraa kootti galchaa.”—Maatewos 13:24-30.

Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran hedduun isaanii waaʼee hojii qonnaa beeku. Waaʼee firii sanaaficaa ishii baayʼee beekamtuu taatees ni caqase. Firiin kun guddattee muka waan taatuuf, simbirroonni damee ishii irratti mana ijaarratu. Firii kana ilaalchisee Yesuus, “Mootummaan samii firii sanaaficaa namni tokko fuudhee maasii isaa keessa dhaabee wajjin wal fakkaata” jedhe. (Maatewos 13:31) Yesuus waaʼee biqiltootaa barsiisaa jira miti. Guddina dinqisiisaa taʼe, jechuunis wanti baayʼee xinnoo taʼe, wanta baayʼee guddaa taʼetti guddachuu akka dandaʼu fakkeenyaan ibsaa jira.

Achiis Yesuus wanta dhaggeeffattoota isaa biratti baramaa taʼe tokko dubbate. Mootummaa samii, “raacitii dubartiin tokko fuutee . . . daakuu safartuu guddaa sadiitti maktee wajjin” wal fakkeesse. (Maatewos 13:33) Raacitiin kun mulʼachuu baatus, guutummaa bukoo sanaa keessa tamsaʼee akka inni bukaaʼu taasisa. Hammi isaa akka dabaluu fi jijjiiramni ifatti hin mulʼanne akka argamu taasisa.

Yesuus fakkeenyota kana erga dubbatee booda, namoota sana kan geggeesse siʼa taʼu, gara mana itti boqoteetti deebiʼe. Utuu baayʼee hin turin, barattoonni isaa waaʼee wanta inni dubbachaa turee hubachuu waan barbaadaniif gara isaa dhufan.

FAKKEENYOTA YESUUS IRRAA FAYYADAMUU

Barattoonni Yesuus kanaan dura fakkeenyatti yeroo inni fayyadamu kan dhagaʼan taʼus, yeroo tokkotti fakkeenyota hedduutti yommuu fayyadamu dhagaʼanii hin beekan. “Maaliif fakkeenyaan isaanitti dubbatta?” isaan jedhan.—Maatewos 13:10.

Sababii inni akkas itti godhe inni tokko raajii Kitaaba Qulqulluu raawwachuufi dha. Yaadni Maatewos barreesse akkana jedha: “Fakkeenyaan malee isaanitti hin dubbatu ture; kanas kan godhe wanta raajichi, ‘Ani fakkeenyaan dubbachuuf afaan koo nan saaqqadha; uumamuu addunyaatii jalqabee wantoota dhokfaman nan labsa’ jedhee dubbate raawwachuufi.”—Maatewos 13:34, 35; Faarfannaa 78:2.

Haa taʼu malee, fakkeenyonni Yesuus itti fayyadamu faayidaa kan biraas qabu. Ilaalcha namootaa beekuuf gargaaru. Baayʼeen isaanii Yesuusitti kan dhihaatan, nama dandeettii seenaa dubbachuu qabuu fi nama dinqiiwwan hojjetu waan taʼeef qofa dha. Nama akka Gooftaa isaaniitti isaaf ajajamuu qabanii fi wanta hunda dhiisanii isa duukaa buʼuu qaban akka taʼetti isa ilaalaa hin jiran. (Luqaas 6:46, 47) Ilaalcha wantoota garaa garaatiif qabanii fi akkaataa jireenyaa isaanii jijjiiruu hin barbaadan. Ergaan isaa ilaalcha isaanii irratti dhiibbaa akka godhu hin barbaadan.

Gaaffii barattoonni isaa isa gaafataniif akkana jedhee deebise: “Isaan ni ilaalu garuu hin argan; ni dhagaʼu garuu wanta dhagaʼan hin hubatan; akkasumas ergaa isaa hin hubatan. Ani fakkeenyaan kanan isaanitti dubbadhu kanaafi. Kanaaf, raajiin Isaayyaas akkana jedhee dubbate isaan irratti raawwatamaa jira: ‘. . . Sabni kun mata jabeeyyii taʼaniiru.’”—Maatewos 13:13-15; Isaayaas 6:9, 10.

Haa taʼu malee, yaadni kun kan hojjetu warra Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran hundaaf miti. Yesuus akkana jechuudhaan ibse: “Isin garuu wantoota kana waan argitanii fi waan dhageessaniif gammadoo dha. Dhuguman isiniin jedha, raajonnii fi namoonni qajeeloo taʼan hedduun wantoota isin argaa jirtan kana arguuf kan hawwan taʼus hin argine; wantoota isin dhagaʼaa jirtan kana dhagaʼuuf kan hawwan taʼus hin dhageenye.”—Maatewos 13:16, 17.

Eeyyee, ergamoonni 12 nii fi barattoonni amanamoo taʼan kaan mata jabeeyyii miti. Kanaaf Yesuus, “Iccitii Mootummaa samii hubachuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne” jedhe. (Maatewos 13:11) Barattoonni Yesuus fakkeenyota kana hubachuuf fedhii guddaa akka qaban waan argisiisaniif, hiika fakkeenya waaʼee nama sanyii facaasuu dubbatu isaanitti hime.

Yesuus, “Sanyichi dubbii Waaqayyoo ti” jedhe. (Luqaas 8:11) Biyyoon sun immoo garaa namootaa ti. Fakkeenyicha hubachuuf wantoota kana beekuun murteessaa dha.

Sanyii isa qarqara daandii irra biyyoo dhidhiitame irra buʼe ilaalchisee akkana jedhe: “Diyaabilos dhufee isaan amananii akka hin fayyineef dubbicha garaa isaanii keessaa fudhata.” (Luqaas 8:12) Yesuus sanyiin lafa dhagaa irra buʼe, garaa namoota dubbicha gammachuudhaan fudhatanis, dubbichi isaan keessatti hidda hin godhannee akka argisiisu dubbate. “Sababii dubbichaatiin yommuu rakkinnii fi ariʼatamni” isaan irra gaʼu ni gufatu. Eeyyee, “yeroo qorumsaatti,” tarii miseensota maatii ykn namoota kaan irraa mormiin yeroo isaan irra gaʼutti ni kufu.—Maatewos 13:21; Luqaas 8:13.

Sanyiin inni qoree gidduu buʼe hoo maal argisiisa? Yesuus namoota dubbicha dhagaʼan akka argisiisu barattoota isaatti hime. Haa taʼu malee, namoonni kun, “yaaddoon sirna kanaa fi humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu” isaan toʼata. (Maatewos 13:22) Dubbichi garaa isaanii keessa kan jiru taʼus, waan hudhameef firii hin godhatu.

Akaakuun biyyoo inni dhumaa Yesuus yaada irratti kenne biyyoo isa gaarii dha. Kun warra dubbicha dhagaʼanii garaa isaaniitti fudhatanii fi sirriitti hubatan argisiisa. Buʼaan isaa hoo maali? “Firii godhatu.” Haalli isaanii, jechuunis haalli umurii ykn fayyaa isaanii garaa gara waan taʼeef, hundumtuu qixxee hojjechuu hin dandaʼan. Kanaaf, tokko dachaa 100, tokko dachaa 60, tokko immoo dachaa 30 godhata. Eeyyee eebba Waaqayyoon tajaajiluudhaan argamu kan argatan, ‘warra dubbicha garaa qajeelaa fi gaarii taʼeen erga dhagaʼanii booda, garaa isaaniitti qabatanii obsaan firii godhatani dha.’—Luqaas 8:15.

Yaadni kun keessumaa barattoota Yesuus warra barumsa isaa akka isaaniif ibsu isa gaafatan gammachiisee taʼuu qaba! Amma fakkeenyicha gad fageenyaan hubachuu dandaʼaniiru. Yesuus isaanis dhugaa namoota kaanitti himuu akka dandaʼaniif, fakkeenyota isaa akka hubatan barbaade. Akkana jedhee gaafate: “Ibsaan guuboo jala yookiin siree jala kaaʼamuuf ni fidamaa? Baattuu ibsaa irra akka kaaʼamuuf fidama mitii ree?” Achiis, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu” jechuudhaan gorsa kenne.—Maarqos 4:21-23.

WANTA DABALATAA BARACHUUDHAAN EEBBIFAMANIIRU

Barattoonni Yesuus, ibsa inni fakkeenya waaʼee nama sanyii facaasee dubbatu irratti kenne erga dhagaʼanii booda, wanta dabalataa barachuu barbaadan. “Fakkeenya inkirdaada maasii keessa jiru ilaalchisee dubbatte sana nuuf ibsi” isaan jedhan.—Maatewos 13:36.

Gaaffii kana gaafachuudhaan, ilaalcha namoonni walitti qabaman kaan qaban irraa adda taʼe akka qaban argisiisan. Haala isaa irraa hubachuu akka dandeenyutti, namoonni kun kan dhaggeeffatan taʼus, hiika fakkeenyota sanaa fi akkamitti akka isaan hojii irra oolan beekuuf fedhii hin qaban. Wantoonni fakkeenyota sana irratti dhagaʼan qofti gaʼaa akka taʼan isaanitti dhagaʼame. Yesuus yaada armaan gadii dubbachuudhaan namoota qarqara galaana kanaatti walitti qabamanii fi barattoota isaa wantoota haaraa baruuf fedhii qaban, akkasumas barumsa dabalataa argachuuf gara isaa dhufan wal bira qabe.

Akkana jedhe: “Wanta dhageessaniif xiyyeeffannaa kennaa. Safartuu warra kaaniif itti safartanitti isiniif safarama; caalaattis isiniif ni dabalama.” (Maarqos 4:24) Barattoonni isaa wanta isa irraa dhagaʼaa jiraniif xiyyeeffannaa kennaa jiru. Fedhii garaadhaa maddee fi xiyyeeffannaa Yesuusiif safaraa kan jiran siʼa taʼu, barumsaa fi ibsa dabalataa argachuudhaan eebbifamaniiru. Yesuus gaaffii barattoonni isaa waaʼee fakkeenya qamadii fi inkirdaadaa isa gaafataniif ibsa armaan gadii kenne.

Akkana jedhe: “Namni sanyii gaarii facaase sun Ilma namaa ti; maasichi immoo addunyaa dha. Sanyii gaariin sun ilmaan Mootummichaa ti; inkirdaadichi garuu ilmaan isa hamaa sanaa ti; diinni inkirdaadicha facaase immoo Diyaabilosi. Yeroon makaraa, dhuma sirna kanaa ti; warri haaman immoo maleekota dha.”—Maatewos 13:37-39.

Yesuus wantoota fakkeenya kana keessatti caqasaman erga ibsee booda, wanta dhuma irratti taʼu dubbate. Dhuma sirna kanaatti warri haaman, jechuunis maleekonni, Kiristiyaanota fakkeessituu akka inkirdaadaa taʼan “ilmaan Mootummichaa” warra dhugaa irraa adda baasu. “Qajeelonni” kan sassaabaman siʼa taʼu, dhuma irratti “Mootummaa Abbaa isaanii keessatti” ni ifu. “Ilmaan isa hamaa” hoo maal taʼu? Dhumni isaanii badiisa siʼa taʼu, sababii kanaan “ni booʼu, ilkaan isaaniis ni qaru.”—Maatewos 13:41-43.

Yesuus itti aansuudhaan fakkeenyota dabalataa barattootatti hime; kunis isaaniif eebba dha. Jalqaba akkana jedhe: “Mootummaan samii qabeenya guddaa maasii keessa dhokfamee wajjin wal fakkaata; namni tokko qabeenya kana argatee dhokse; gammaduu isaa irraa kan kaʼes wanta qabu hunda gurguree maasicha bitate.”—Maatewos 13:44.

Itti aansuudhaan akkana jedhe: “Mootummaan samii daldalaa calleewwan baʼeessa taʼan barbaacha deemuu wajjin wal fakkaata. Namichis callee gatii guddaa qabu tokko yommuu argatu battaluma sanatti deemee wanta qabu hundumaa gurguree callee sana bitate.”—Maatewos 13:45, 46.

Fakkeenyota lamaan irratti iyyuu Yesuus, fedhii namni tokko wanta gatii guddaa qabuuf aarsaa kaffaluuf qabu addeesse. Daldaltichi callee gatii guddaa qabu sana argachuuf, battaluma sana “wanta qabu hunda gurgure.” Barattoonni Yesuus fakkeenya waaʼee callee gatii guddaa qabuu hubachuu ni dandaʼu. Namichi qabeenya maasii keessa dhokfame argates, maasicha bitachuuf “wanta qabu hunda gurgure.” Fakkeenya lamaan keessatti iyyuu wanti gatii guddaa qabu, wanta namni kan ofii godhachuu fi iddoo guddaa kennuufii qabu jira. Haala kana aarsaa namni tokko fedhii hafuuraa isaa guuttachuuf kaffaluu wajjin wal bira qabuu dandeenya. (Maatewos 5:3) Namoota Yesuus fakkeenyota kana yeroo dubbatu dhaggeeffachaa jiran keessaa tokko tokko, fedhii hafuuraa isaanii guuttachuu fi duuka buutota isaa warra dhugaa taʼuuf carraaqqii cimaa gochuuf fedhii akka qaban argisiisaniiru.—Maatewos 4:19, 20; 19:27.

Xumura irrattis, Yesuus Mootummaa samii kiyyoo qurxummii gosa hunda walitti qabuu wajjin wal fakkeesse. (Maatewos 13:47) Qurxummiiwwan kun yommuu gargar baafaman, qurxummiiwwan gaggaariin qodaatti kan naqaman siʼa taʼu, warri gatii hin qabne immoo ni darbatamu. Yesuus xumura sirna hamaa kanaatti haalli isaa akkasuma akka taʼu, jechuunis maleekonni, hamoota warra qajeelota irraa gargar akka baasan dubbate.

Yesuus barattoota isaa warra jalqabaa ‘namoota akka qabaniif’ yommuu waame, hojii karaa hafuuraa namoota qabuu hojjechaa ture. (Maarqos 1:17) Haa taʼu malee, fakkeenyi inni waaʼee kiyyoo dubbate raawwii isaa kan argatu gara fuulduraatti, jechuunis “dhuma sirna kanaatti” akka taʼe dubbate. (Maatewos 13:49) Kanaaf, ergamoonni Yesuusii fi barattoonni isaa isa dhaggeeffachaa jiran gara fuulduraatti wanti dinqisiisaa taʼe akka raawwatamu hubachuu ni dandaʼu.

Barattoonni isaa yommuu Yesuus bidiruu irra taaʼee fakkeenyota dubbatu dhaggeeffatan wanta dabalataas barataniiru. Yesuus ‘barattoota isaatiif kophaa isaaniitti wanta hundumaa isaaniif ibsuuf’ fedhii akka qabu argisiiseera. (Maarqos 4:34) Yesuus, “abbaa manaa mana kuusaa isaa keessaa miʼa haaraa fi miʼa moofaa gad baasuu wajjin wal fakkaata.” (Maatewos 13:52) Yesuus fakkeenyota kana dubbachuudhaan dandeettii barsiisuu isaa argisiifachaa jira miti. Kanaa mannaa, dhugaa isa akka qabeenya gatii guddaa qabuu taʼe barattoota isaatiif hiraa jira. Dhuguma iyyuu Yesuus ‘barsiisaa sabaa’ hunda caalu dha!