Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 45

Jinniiwwan Hedduu Irratti Humna Qaba

Jinniiwwan Hedduu Irratti Humna Qaba

MAATEWOS 8:28-34 MAARQOS 5:1-20 LUQAAS 8:26-39

  • JINNIIWWAN BAASEE GARA BOOYYEETTI ERGE

Barattoonni haala sodaachisaa galaana irratti isaan mudate keessa darbanii qarqara galaanaa erga gaʼanii booda, wanta rifaasisaa tokkotu isaan mudate. Namoonni baayʼee sodaachisoo taʼanii fi jinniidhaan qabaman lama iddoo awwaalchaa naannoo sanatti argamuu baʼanii gara Yesuusitti fiigan! Seenaan kun lamaan isaanii keessaa isa tokko irratti kan xiyyeeffatu, inni tokko baayʼee hamaa waan taʼee fi yeroo dheeraadhaadhaaf jinniiwwan kanaan qabamee waan tureef taʼuu hin oolu.

Namichi haalli isaa nama gaddisiisu kun qullaa isaa asiif achi deema. Halkanii fi guyyaa “bakka awwaalaa keessattii fi gaarota irratti ni iyya; dhagaadhaanis of mummura.” (Maarqos 5:5) Baayʼee hamaa waan taʼeef namoonni karaa sana irra darbuu ni sodaatu. Namoonni tokko tokko isa hidhuu yaalanis, funcaa ittiin hidhamu ni kukkuta, gaadii miilla isaas ni caccabsa. Namni tokko illee isa toʼachuu hin dandeenye.

Namichi kun Yesuusitti dhihaatee miilla isaa irratti yeroo kufu, jinniiwwan isa toʼatanii jiran, “Yaa Yesuus Ilma Waaqayyo Isa Hundaa Olii, maal wal irraa qabna? Akka na hin dhiphisne maqaa Waaqayyootiin sin kaksiisa” jechuudhaan akka iyyu isa taasisan. Yesuus, “Hafuura xuraaʼaa nana, nama kana keessaa baʼi” jedhee abboomuudhaan jinniiwwan irratti aboo akka qabu argisiise.—Maarqos 5:7, 8.

Namicha kana toʼatanii kan jiran jinniiwwan hedduu dha. Yesuus, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Nuti baayʼee waan taaneef maqaan koo ‘Leegewooni’” jedhee deebiseef. (Maarqos 5:9) Leegewoon, garee loltoota Roomaa loltoota kumaan lakkaaʼaman of keessatti qabatu dha. Kanaaf, namicha kanatti galanii dhiphina isaatti gammadaa kan jiran jinniiwwan hedduu dha. Jinniiwwan kun, “gara qilee akka dhaqan akka isaan hin ajajne” Yesuusiin kadhatan. Haala isaa irraa hubachuu akka dandeenyutti, wanta gara fuulduraatti isaan irras taʼe Seexana isa geggeessaa isaanii taʼe irra gaʼu hubataniiru.—Luqaas 8:31.

Hoomaan booyyee 2,000 taʼan naannoo sana dheedaa jiru. Bineeldonni kun akka Seerichaatti qulqulluu waan hin taaneef, Yihudoonni bineeldota kana horsiisuu hin qaban. Jinniiwwan sun, “Gara hoomaa booyyee sanaatti akka gallu isaanitti nu ergi” jedhan. (Maarqos 5:12) Yesuusis akka deeman kan isaanitti hime siʼa taʼu, isaanis hoomaa booyyee sanatti galan. Yeroo kanatti, hoomaan booyyee gara 2,000 taʼan sun, hallayyaa irraa didichanii galaana gajjallaa isaatti argamutti namʼan.

Tiksitoonni booyyee sanaa kana yeroo argan, wanta kana magaalaa fi baadiyyaatti odeessuuf fiiganii deeman. Namoonnis wanta taʼe kana ilaaluu dhufan. Akkuma dhufaniin, namichi jinniiwwan sun keessaa baʼan fayyee qalbii isaatti deebiʼee argan. Uffata uffatee miilla Yesuus jala taaʼee jira!

Namoonni waaʼee kanaa dhagaʼanis taʼan warri argan, gochi kun isaaniif hiika akkamii qabaachuu akka dandaʼu waan hin hubanneef baayʼee sodaatan. Kanaaf, Yesuus naannoo isaaniitii akka deemu isa kadhatan. Yesuus naannoo sanaa deemuuf bidiruu yaabbachaa utuu jiruu, namichi jinniidhaan qabamee ture isaa wajjin deemuuf isa kadhate. Yesuus garuu, “Gara mana kee fi firoottan kee dhaqiitii wanta Yihowaan siif godhe hundumaa fi gara laafina inni sitti argisiise isaanitti himi” jedheen.—Maarqos 5:19.

Yesuus yeroo hunda namoonni wanta warri kaan miiraan oofamanii isaanitti himan irratti hundaaʼanii waaʼee isaa xumura tokko irra akka gaʼan waan hin barbaanneef, namoonni inni fayyise waaʼee isaa akka hin dubbanne ni abbooma. Yeroo kanatti garuu, namichi jinniidhaan qabamee ture kun humna Yesuus qabuuf ragaa taʼa; akkasumas namoota Yesuus dhuunfaadhaan bira gaʼuu hin dandeenyetti waaʼee isaa dhugaa baʼuu dandaʼa. Wanti inni dhugaa baʼu, hoomaa booyyee galaanatti namʼan sana ilaalchisee oduun hin taane akka hin babalʼanne gochuus ni dandaʼa. Kanaaf, namichi deemee magaalaawwan Dikaappoolis keessatti wanta Yesuus isaaf raawwate labsuu jalqabe.