Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 49

Galiilaa Keessatti Lallabe, Akkasumas Ergamoota Isaa Leenjise

Galiilaa Keessatti Lallabe, Akkasumas Ergamoota Isaa Leenjise

MAATEWOS 9:35–10:15 MAARQOS 6:6-11 LUQAAS 9:1-5

  • YESUUS AMMAS GALIILAA KEESSA NAANNAʼE

  • ERGAMOONNI ISAA AKKA LALLABAN ISAAN ERGE

Yesuus gara waggaa lamaatiif balʼinaan lallabeera. Amma yeroon isaa, yeroo inni hojii isaa hirʼisee itti bashannanu dhaa? Lakki! Kanaa mannaa, Yesuus tajaajila isaa kan balʼise siʼa taʼu, “manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, misiraachoo Mootummichaa lallabaa, akkasumas dhukkuba gosa hundumaa fi dhibee gosa hundumaa fayyisaa magaalotaa fi gandeen [Galiilaa] hunda keessa naannaʼe.” (Maatewos 9:35) Wanti inni achitti arge hojii lallabaa isaa babalʼisuu akka qabu isa hubachiise. Haa taʼu malee, kana raawwachuu kan dandaʼu akkamitti?

Yeroo biyyattii keessa adeemu, namoota karaa hafuuraa fayyinnii fi jajjabinni isaan barbaachisu arge. Namoonni kun akka hoolota tiksee hin qabnee, cunqurfamanii, akkasumas dagatamanii turan. Namoota kanaaf gaddee, barattoota isaatiin, “Dhuguma iyyuu, midhaan sassaabamu baayʼee dha, hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa” jedhe.—Maatewos 9:37, 38.

Yesuus wanti namoota kana gargaaruu dandaʼu maal akka taʼe beeka. Ergamoota isaa 12n walitti qabee lama lamaan isaan ramaduudhaan, garee lallabdootaa jaʼa hundeesse. Achiis akkana jechuudhaan qajeelfama ifa taʼe isaaniif kenne: “Daandii gara namoota Yihudoota hin taanetti geessu irra hin deeminaa; akkasumas magaalaa warra Samaariyaa kamitti iyyuu hin seeninaa; kanaa mannaa, gara hoolota mana Israaʼel keessaa badanii qofa dhaqaa. Yommuu dhaqxanis, ‘Mootummaan samii dhihaateera!’ jedhaa lallabaa.”—Maatewos 10:5-7.

Kan isaan lallaban waaʼee Mootummaa isa Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiise irratti caqasee ti. Yesuus Kiristoos inni Mootii Mootummichaa taʼee muudame isaan gidduu waan jiruuf, ‘Mootummichi dhihaateera’ jechuun ni dandaʼama. Haa taʼu malee, barattoonni Yesuus Mootummaa kana akka bakka buʼan wanti mirkaneessu maali dha? Yesuus warra dhukkubsatan akka fayyisanii fi warra duʼan illee duʼaa akka kaasan humna isaaniif kenne. Kana hunda kan hojjetan kaffaltii malee ti. Erga akkas taʼee, nyaata guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu dabalatee, wanta isaan barbaachisu kan argatan akkamitti ree?

Yesuus barattoonni isaa lallabaaf yeroo deeman miʼa mataa isaanii akka hin qabanne isaanitti hime. Sabbata isaaniitti warqii, meetii ykn sibiila diimaa gudunfachuu hin qaban. Karaadhaaf korojoo nyaataa, uffata ykn kophee dabalataa illee qabachuun isaan hin barbaachisu. Maaliif? Yesuus, “Namni hojjetu wanta nyaatu argachuu qaba” isaaniin jedhe. (Maatewos 10:10) Namoonni ergaa barattoonni Yesuus isaanitti himan fudhatan wantoota isaan barbaachisan isaaniif guutu. Yesuus, “Mana kamitti iyyuu yommuu seentan, hamma bakka sanaa deemtanitti achuma turaa” isaaniin jedhe.—Maarqos 6:10.

Yesuus ergaa Mootummichaa namootatti yeroo himan maal gochuu akka qabanis qajeelfama isaaniif kenne. Akkana jedhe: “Yommuu mana tokko seentan, namoota mana sanaa nagaa gaafadhaa. Manichi kan isaaf malu yoo taʼe, nagaan isaaf hawwitan isaaf haa taʼu; manichi kan isaaf hin malle yoo taʼe garuu, nagaan keessan isiniif haa deebiʼu. Namni tokko illee yoo isin simachuu baate yookiin dubbii keessan yoo dhagaʼuu baate garuu, yeroo mana yookiin magaalaa sanaa baatan awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.”—Maatewos 10:12-14.

Magaalaan ykn gandi isaan keessatti lallaban guutummaan isaa ergaa isaanii fudhachuu dhiisuu dandaʼa. Iddoo akkasii irra maaltu gaʼa? Yesuus murtii cimaan akka itti murteeffamu ibseera. “Dhuguman isiniin jedha, Guyyaa Murtiitti adaba magaalaa sana irra gaʼu irra, adaba Sodoomii fi Gomoraa irra gaʼutu salphata” jedhe.—Maatewos 10:15.