Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 50

Ariʼatamni Jiraatus Lallabuuf Qophaaʼan

Ariʼatamni Jiraatus Lallabuuf Qophaaʼan

MAATEWOS 10:16–11:1 MAARQOS 6:12, 13 LUQAAS 9:6

  • YESUUS ERGAMOOTA ISAA LEENJISEE ERGE

Yesuus ergamoonni isaa lama lama taʼanii yeroo deeman akkamitti lallabuu akka qaban qajeelfama isaaniif kenne. Taʼus, qajeelfama qofa isaaniif kennee hin dhiisne. Namoota isaan morman ilaalchisee akkana jechuudhaan isaan akeekkachiise: “Kunoo, ani akka hoolota yeeyyii gidduu jiraniitti isin nan erga . . . Namoonni mana murtiitti dabarsanii isin kennu; manneen sagadaa isaanii keessattis isin reebu; kanaaf isaan irraa of eeggadhaa. Anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota duratti ni dhiheeffamtu.”—Maatewos 10:16-18.

Eeyyee, ariʼatamni cimaan duuka buutota isaa mudachuu dandaʼa; taʼus Yesuus akkana jechuudhaan waadaa isaan jajjabeessu isaaniif gale: “Yeroo dabarsanii isin kennan akkamitti yookiin maal dubbanna jettanii hin yaaddaʼinaa. Kan dubbatu isin qofa miti; hafuura Abbaa keessaniitu karaa keessan dubbata malee.” Itti dabalees akkana jedhe: “Obboleessi obboleessa isaa, abbaan mucaa isaa duʼaaf dabarsee kenna; ijoolleenis warra isaanii irratti kaʼanii isaan ajjeesisu. Maqaa kootiif jettanii nama hundumaa biratti kan jibbamtan taatu; garuu namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabatu ni fayya.”—Maatewos 10:19-22.

Hojiin lallabaa wanta hunda caalaa dursi kennamuuf waan taʼeef, Yesuus wanti hojii kana akka hin hojjenne gufuu isaanitti taʼu akka hin jiraanneef, duuka buutonni isaa ogeeyyii taʼuu akka qaban addeesse. Akkana jedhe: “Magaalaa tokko keessatti yommuu ariʼatama isin irra geessisan, gara magaalaa isa kan biraatti baqadhaa; dhuguman isiniin jedha, hanga Ilmi namaa dhufutti matumaa magaalotaa fi gandoota Israaʼel waliin geessanii hin fixxan.”—Maatewos 10:23.

Dhuguma iyyuu Yesuus ergamoota isaa 12 niif qajeelfama, akeekkachiisaa fi jajjabina gaarii kenne! Haa taʼu malee, wanti Yesuus dubbate kun duuka buutota isaa erga inni duʼee fi duʼaa kaʼee booda hojii lallabaa irratti hirmaataniifis akka hojjetu hubachuu ni dandeessa. Kana immoo yaada Yesuus barattoonni isaa namoota ergamoonni isaa lallabaniif biratti qofa utuu hin taʼin, ‘nama hundumaa biratti akka jibbaman’ dubbate irraa hubachuu ni dandeenya. Kana malees, yaadni ergamoonni Yesuus duula lallabaa Galiilaa keessatti yeroo muraasaaf taasisan kana irratti mootota duratti akka dhihaatan ykn miseensota maatii isaaniitiin duʼaaf dabarfamanii akka kennaman dubbatu hin jiru.

Kanaaf, Yesuus wantoota kana ergamoota isaatti kan dubbate yeroo gara fuulduraa yaadatti qabatee ti. Mee yaada inni duuka buutonni isaa “hanga Ilmi namaa dhufutti” magaalotaa fi gandeen keessatti lallaban akka waliin hin geenye dubbate ilaali. Yeroo akkas jedhu, Yesuus Kiristoos Mootichi inni ulfinni kennameef, abbaa murtii Waaqayyoon muudame taʼee dhufuu isaa dura duuka buutonni isaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabanii akka hin xumurre dubbachuu isaa ti.

Yesuus, “Barataan tokko barsiisaa isaa irra, garbichi tokkos gooftaa isaa irra hin caalu” waan jedheef, ergamoonni isaa yommuu lallaban mormiin yoo isaan irra gaʼe isaan dinqisiisuu hin qabu. Wanti Yesuus jechuu barbaade ifa dha. Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu isaatiin ariʼatamni akkuma isa irra gaʼe, isaan irras ni gaʼa. Haa taʼu malee Yesuus, “Warra foon ajjeesuu malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa; kanaa mannaa, isa lubbuus taʼe foon Gahaannam keessatti balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa” jechuudhaan isaan gorse.—Maatewos 10:24, 28.

Yesuus gama kanaan fakkeenya taʼeera. Yihowaa isa hundumaa dandaʼuuf amanamaa utuu hin taʼin hafuu mannaa, sodaa tokko malee duʼa fuuldura dhaabateera. “Lubbuu” nama tokkoo (abdii namni tokko gara fuulduraatti jiraachuuf qabu) balleessuu kan dandaʼu ykn duʼaa isa kaasuudhaan jireenya bara baraa isaaf kennuu kan dandaʼu Waaqa Hundumaa Dandaʼu qofa. Kun ergamoota Yesuus baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba!

Yesuus kunuunsa Waaqayyo jaalalaan kakaʼee duuka buutota isaatiif godhu akkana jechuudhaan fakkeenyaan ibse: “Simbirroo dimbiixiin lama saantima gatii xinnoo qabdu tokkoon ni gurguramti mitii? Taʼus, isaan keessaa tokko illee utuu Abbaan keessan hin beekin lafa irratti hin kuftu. . . . Egaa hin sodaatinaa; isin dimbiixota hedduu caalaa gatii guddaa qabdu.”—Maatewos 10:29, 31.

Ergaa barattoonni lallaban miseensota maatii gargar qooda; tokko tokko ergicha ni fudhatu, kaan immoo hin fudhatan. Yesuus, “Lafa irratti nagaa fiduuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin” jedhe. Eeyyee, miseensi maatii tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu fudhachuuf ija jabina qabaachuu isa gaafata. Yesuus, “Namni ana caalaa abbaa yookiin haadha isaa jaallatu anaaf hin malu; namni ana caalaa ilma yookiin intala isaa jaallatus anaaf hin malu” jedhe.—Maatewos 10:34, 37.

Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko barattoota Yesuus akka gaariitti ni simatu. Yesuus, “Dhuguman isinitti hima, namni warra xixinnoo taʼan kana keessaa sababii inni barataa koo taʼeef bishaan qabbanaaʼaa kubbaayyaa tokko isaaf kennu, matumaa gatii isaa hin dhabu” jedhe.—Maatewos 10:42.

Ergamoonni qajeelfama, akeekkachiisaa fi jajjabina Yesuus isaaniif kenne fudhatanii, “misiraachicha lallabaa fi bakka hundumaatti namoota dhukkubsatan fayyisaa naannoo sana hunda keessa ganda tokkoo gara ganda kan biraa deeman.”—Luqaas 9:6.