Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 51

Ajjeechaa Kabaja Guyyaa Dhalootaatti Raawwatame

Ajjeechaa Kabaja Guyyaa Dhalootaatti Raawwatame

MAATEWOS 14:1-12 MAARQOS 6:14-29 LUQAAS 9:7-9

  • HEROODIS MORMA YOHAANNIS CUUPHAA KUCHISIISE

Ergamoonni Yesuus Galiilaa keessatti tajaajila isaanii yeroo raawwatan, inni Yesuusiin beeksise garuu mirga kana hin arganne. Yohaannis Cuuphaan erga hidhamee gara waggaa lamaa taʼeera.

Yohaannis, Heroodis Antiiphaas Mootichi haadha manaa obboleessa isaa Filiphoos kan taate Herodiyaasiin haadha manaa isaa akka taatuuf fudhachuun isaa sirrii akka hin taane ifatti saaxilee ture. Heroodis, Herodiyaasiin fuudhuuf jedhee haadha manaa isaa ishii jalqabaa hiikeera. Akka Seerri Musee jedhutti gaaʼelli akkasii ejjaa wajjin tokko taʼuu isaa irra iyyuu seeraan ala dha. Heroodis immoo Seera Musee akka hordofu dubbata. Kanaaf, Heroodis Yohaannis waan isa saaxileef mana hidhaa isa galche. Akkas kan godhe, tarii dhiibbaa Herodiyaasiin taʼuu hin oolu.

Namoonni Yohaannisiin “akka raajiitti waan ilaalaniif,” Heroodis maal gochuu akka qabu wallaale. (Maatewos 14:5) Herodiyaas garuu murteessuuf hin rakkanne. ‘Haaloo waan isatti qabatteef’ karaa itti isa ajjeesisuu dandeessu barbaaduu ishii itti fufteetti. (Maarqos 6:19) Amma carraa akkas itti gootu argatte.

Ayyaanni Faasikaa Dh.K.B. bara 32⁠tti kabajamu gaʼuu isaa yeroo muraasa dura, Heroodis guyyaa dhalootaa isaa kabajuuf afeerraa qopheesse. Abbootiin taayitaa aangoo guguddaa qaban, geggeessitoonni loltootaa fi namoonni beekamoo biyya Galiilaa afeerraa kana irratti argamaniiru. Saloomee intalli Herodiyaas, Filiphoos isa duraan abbaa manaa ishii ture irraa godhatte, keessummoota duratti akka shubbistuuf waamamte. Keessummoonni kun shubbisa ishiitti baayʼee gammadan.

Heroodis baayʼee waan ishiitti gammadeef, “Wanta barbaadde na gaafadhu, anis siif nan kenna” ishiidhaan jedhe. Kana malees, “Hamma walakkaa mootummaa koo illee yoo taʼe, wanta na gaafatte hunda siif nan kenna” jedhee ishiidhaaf kakate. Saloomeen dubbachuu ishii dura harmee ishii bira deemtee, “Maal akka anaaf kennu gaafadhu?” jetteen.—Maarqos 6:22-24.

Carraan Herodiyaas barbaadaa turte kana dha! Battaluma sanatti, “Mataa Yohaannis Cuuphaa” jettee deebisteef. Saloomeenis daftee gara Heroodisitti deebitee, “Mataa Yohaannis Cuuphaa ammuma saaniitti akka anaaf kennitu nan barbaada” jettee gaafatte.—Maarqos 6:24, 25.

Kun Heroodisiin baayʼee kan dhiphise taʼus, waadaa inni ishiidhaaf gale keessummoonni isaa dhagaʼaniiru. Nama balleessaa hin qabne ajjeesuu kan isa gaafatu taʼus, diduun baayʼee isa qaanesse. Kanaaf, Heroodis yeruma sana eegduu isaa waamee ajaja gaddisiisaa taʼe kennee mana hidhaatti isa erge. Eegdichis mataa Yohaannis Cuuphaa saanii irratti baatee fide. Achiis Saloomeetti kenne; ishiinis harmee ishiitti geessite.

Barattoonni Yohaannis wanta taʼe kana yeroo dhagaʼan, dhufanii reeffa isaa fuudhanii isa awwaalan. Achiis dhimma kana Yesuusitti himan.

Yeroo booda Heroodis, Yesuus namoota fayyisaa, jinniiwwanis baasaa akka jiru dhagaʼee baayʼee sodaate. Yohaannis Cuuphaan ‘duʼaa kaafamee’ wantoota dinqisiisaa akkasii hojjechaa waan jiru isatti fakkaatee yaaddaʼe. (Luqaas 9:7) Kanaaf, Heroodis Antiiphaas Yesuusiin arguuf baayʼee hawwe. Wanta inni lallabu dhagaʼuu barbaadee akka hin taane beekamaa dha. Yesuusiin arguu kan barbaade, shakkiin isaa sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuuf waan barbaadeefi dha.