Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 53

Bulchaa Haala Qilleensaa Toʼachuu Dandaʼu

Bulchaa Haala Qilleensaa Toʼachuu Dandaʼu

MAATEWOS 14:22-36 MAARQOS 6:45-56 YOHAANNIS 6:14-25

  • NAMOONNI YESUUSIIN MOOSISUU BARBAADAN

  • YESUUS BISHAAN IRRA DEEME, QILLEENSAS NI TASGABBEESSE

Yesuus dinqiidhaan namoota kumaan lakkaaʼaman sooruu dandaʼuun isaa namoota irratti dhiibbaa cimaa geessiseera. Namoonni kun Yesuus “dhuguma iyyuu Raajicha isa gara addunyaa akka dhufu dubbatame sana,” jechuunis Masiihicha akka taʼee fi mootii gaarii taʼuu akka dandaʼu mirkanaaʼoo taʼan. (Yohaannis 6:14; Keessa Deebii 18:18) Kanaaf, qabanii isa moosisuuf karoorfatan.

Inni garuu karoora isaanii bare. Namoota sana erga geggeessee booda barattoonni bidiruutti akka deebiʼan isaanitti hime. Eessa deemuuf jedhu laata? Gara Beetasaayidaa, achii immoo gara Qifirnaahom deemu. Yesuus garuu kophaa isaa kadhachuu waan barbaadeef halkan sana gaaratti ol baʼuuf jedha.

Gara barii, Yesuus ifa addeessaatiin bidiruu sana fagootti arge. Qilleensi cimaan galaanicha irratti dambalii uume; ergamoonni ‘qilleensichi gara isaaniitti waan qilleensaʼuuf galaanicha mooquuf rakkachaa jiru.’ (Maarqos 6:48) Yesuus gaaricha irraa buʼee dambalii galaanichaa irra deemaa gara isaanii dhufe. Hanga ammaatti, ‘gara kiiloo meetira shanii mooqaniiru.’ (Yohaannis 6:19) Barattoonni isaa, Yesuus isaan bira darbee waan deemu isaanitti fakkaate; achiis, sodaadhaan “Kun ekeraa dha!” jedhanii iyyan.—Maarqos 6:49.

Yesuus, “Hin naʼinaa! Ana dha, hin sodaatinaa” jechuudhaan isaan jajjabeesse. Achiis, Pheexiros “Yaa Gooftaa, si dha yoo taʼe, bishaan irra deemee gara kee akkan dhufu na ajaji” jedhe. Yesuusis, “Kottu!” jedheen. Yeroo kanatti Pheexiros bidiricha irraa buʼee, bishaan irra deemaa gara Yesuusitti qajeele. Obomboleettii sana yeroo argu garuu waan sodaateef liqimfamuu jalqabe. Kanaaf, “Yaa Gooftaa, na oolchi!” jedhee iyye. Yesuusis hiixatee Pheexirosiin qabee, “Namicha amantii xinnoo qabdu nana, maaliif shakkite?” jedheen.—Maatewos 14:27-31.

Pheexirosii fi Yesuus bidiricha yeroo yaabbatan obomboleettiin sun ni dhaabate. Barattoonni baayʼee dinqisiifatan; garuu kun isaan dinqisiisuu qabaa? “Hiika daabboo” sanaa, jechuunis hiika dinqii inni yeroo muraasa dura namoota kumaan lakkaaʼaman yommuu sooretti hojjetee utuu hubataniiru taʼee, bishaan irra deemuun isaa fi qilleensa tasgabbeessuun isaan hin dinqisiisu ture. Yeroo kanatti, “Ati dhuguma Ilma Waaqayyoo ti” jedhanii isaaf sagadan.—Maarqos 6:52; Maatewos 14:33.

Utuu baayʼee hin turin Genesaarex ishii bareedduu taatee fi kibba Qifirnaahomitti argamtu, lafa diriiraa, akkasumas gabbataa taʼe qabdu gaʼan. Bidiruu isaanii hidhanii qarqara galaanichaatti baʼan. Namoonni eenyummaa Yesuus kan beekan siʼa taʼu, namoota biyyoota naannoo sanaa wajjin warra dhukkubsatan gara isaa fidan. Namoonni kun fiixee uffata isaa yeroo tuqan ni fayyuu turan.

Warri Yesuus dinqiidhaan namoota kumaan lakkaaʼaman yeroo sooru argan immoo Yesuus naannoo isaaniitii deemuu isaa baran. Kanaaf, bidiruuwwan xixinnoo Xibriyaadosii dhufan yaabbatanii Yesuusiin barbaacha gara Qifirnaahom deeman. Yeroo isa argatanittis, “Rabbii, yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan. (Yohaannis 6:25) Akkuma itti aansinee ilaallu, Yesuus sababa quubsaa waan qabuuf isaan ifate.