Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 57

Yesuus Intala Tokkoo fi Namicha Gurri Isaa Duude Fayyise

Yesuus Intala Tokkoo fi Namicha Gurri Isaa Duude Fayyise

MAATEWOS 15:21-31 MAARQOS 7:24-37

  • YESUUS INTALA DUBARTII FIINQEE TOKKOO FAYYISE

  • NAMICHA GURRI ISAA DUUDEE FI ARRABNI ISAA HIDHAME FAYYISE

Yesuus aadaa isaanii isa ofittummaa irratti hundaaʼe ilaalchisee Fariisota erga balaaleffatee booda, barattoota isaa wajjin achii deeme. Achiis gara naannoo Xiiroosii fi Siidoon warra Fiinqee keessatti argamanii fi kallattii kaaba lixaatiin kiiloo meetira hedduu fagaatanii argaman dhaqe.

Yesuus mana keessa turu kan argate taʼus, namoonni bakka inni jiru akka beekan hin barbaadne. Namoonni garuu bakka inni jiru baruun isaanii hin oolle. Dubartiin Giriikii naannoo kanatti dhalatte tokko Yesuusiin argitee, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit garaa naa laafi. Intalli koo jinniidhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti” jettee isa kadhatte.—Maatewos 15:22; Maarqos 7:26.

Yeroo muraasa booda, barattoonni Yesuus, “Dubartiin kun nu duukaa buutee iyyaa waan jirtuuf, ishii geggeessi” isaan jedhan. Yesuusis, “Ani kanan ergame hoolota mana Israaʼelii badaniif malee eenyuuf iyyuu miti” jechuudhaan sababa itti ishii jalaa callise isaanitti hime. Dubartiin kun garuu abdii hin kutanne. Gara isaa dhuftee miilla isaatti kuftee, “Yaa Gooftaa, na gargaari” jettee isa kadhatte.—Maatewos 15:23-25.

Yesuus ilaalcha dogoggoraa Yihudoonni namoota lammii biraa taʼaniif qaban irratti hundaaʼuudhaan, “Daabboo ijoollee fuudhanii buchulloota jala buusuun sirrii miti” jedhe. Kan akkas jedhe amantii ishii qoruuf jedhee taʼuu hin oolu. (Maatewos 15:26) Yesuus “buchulloota” yeroo jedhetti, jaalala namoota Yihudii hin taaneef qabu argisiise. Haalli fuula isaa fi akkaataan inni itti dubbates miira kana argisiisee taʼuu qaba.

Dubartiin sun mufachuu mannaa, jibba Yihudoonni qaban ilaalchisee wanta inni dubbate irratti hundooftee, gad of qabuudhaan, “Eeyyee Gooftaa ko, garuu buchulloonni isa maaddii gooftaa isaanii irraa harcaʼe ni nyaatu” jette. Yesuusis haalli garaa ishii gaarii taʼuu isaa waan hubateef, “Dubartii nana amantiin kee guddaa dha; akkuma fedha kee siif haa taʼu” jedheen. (Maatewos 15:27, 28) Intalli dubartii kanaa achi jiraachuu baattus akkuma inni jedhe taʼe! Yeroo ishiin manatti deebitu, intalli ishii “jinniin sun keessaa baʼee,” fayyitee siree irra utuu ciiftuu argite.—Maarqos 7:30.

Yesuusii fi barattoonni isaa naannoo Fiinqeetii kaʼanii biyyicha qaxxaamuruudhaan gara kaʼumsa Laga Yordaanos deeman. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, kaaba Galaana Galiilaatiin iddoo taʼe tokkotti Yordaanosiin kan qaxxaamuran siʼa taʼu, gara naannoo Dikaappoolis deeman. Achitti gaara tokko irra kan baʼan taʼus, namoonni isaan argan. Namoonni kun warra naafatan, lamshaaʼan, qaro dhabeeyyii fi arrabni isaanii hidhame gara Yesuus fidan. Warra dhukkubsatan kana miilla isaa jala kaaʼan; innis isaan fayyise. Namoonni kun baayʼee dinqisiifatanii Waaqa Israaʼeliif ulfina kennan.

Yesuus namicha gurri isaa duudee fi arrabni isaa hidhame tokko irratti xiyyeeffate. Namichi kun namoota kana gidduutti maaltu isatti dhagaʼamee taʼuu akka dandaʼu hubachuu dandeessa. Yesuus tarii namichi kun hammam akka naʼe waan hubateef, namoota sana biraa kophaatti isa baase. Kophaa utuu jiraniis, Yesuus wanta maal gochuuf akka jedhu argisiisu raawwate. Quba isaa gurra namichaa keessa galche; erga tufee boodas arraba namichaa qaqqabe. Achiis gara samii ilaalaa “Efataa” kan jedhe siʼa taʼu, hiikni isaas “Banami” jechuu dha. Yeroo kanatti gurri namichaa ni baname, dubbachuus ni jalqabe. Namoonni wanta dhagaʼan irratti utuu hin taʼin, wanta argan irratti hundaaʼanii akka isatti amanan waan barbaadeef, akka isaan dhagaʼan hin barbaadne.—Maarqos 7:32-36.

Yesuus dinqii akkasiitiin namoota fayyisuuf humna qabaachuun isaa namoota irratti dhiibbaa kan geessise siʼa taʼu, isaanis “guddaa dinqisiifatan.” Akkana jedhan: “Inni wanta hunda baʼeessa godhee hojjete. Namoonni gurri isaanii duude akka dhagaʼan, namoonni arrabni isaanii hidhames akka dubbatan illee godheera.”—Maarqos 7:37.