Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 58

Daabboo Baayʼise, Waaʼee Raacitiis Ni Akeekkachiise

Daabboo Baayʼise, Waaʼee Raacitiis Ni Akeekkachiise

MAATEWOS 15:32–16:12 MAARQOS 8:1-21

  • YESUUS DHIIROTA 4,000 SOORE

  • WAAʼEE RAACITII FARIISOTAA AKEEKKACHIISE

Baha Galaana Galiilaa, naannoo Dikaappoolisitti namoonni hedduun gara Yesuus dhufan. Isa dhagaʼuu fi fayyifamuuf guuboo guguddaatti galaa fidatanii dhufan.

Haa taʼu malee, Yesuus yeroo booda barattoota isaatiin akkana jedhe: “Namoonni kun guyyaa sadii guutuu anaa wajjin turaniiru; wanta nyaatanis waan hin qabneef ani isaaniif nan gadda. Isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa waan dhufaniif akkuma hagabuu isaanii jiranitti gara mana isaaniitti yoon isaan erge, karaa irratti kukkufuu dandaʼu.” Barattoonni isaas, “Iddoo namni hin jirre kanaa, nyaatni nama kana hunda quubsu eessaa argamuu dandaʼa?” jedhanii isa gaafatan.—Maarqos 8:2-4.

Yesuusis deebisee, “Daabboo meeqa qabdu?” isaaniin jedhe. Barattoonnis, “Daabboo torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa” jedhaniin. (Maatewos 15:34) Achiis Yesuus namoonni lafa irra akka tataaʼan taasise. Daabboo fi qurxummii sana fuudhee, Waaqayyoon galateeffatee namootaaf akka hiran barattootatti kenne. Kan nama ajaaʼibu, hundi isaanii hamma quufanitti nyaatan! Dhiirota 4,000 dabalatee, dubartoonnii fi ijoolleen kan nyaatan taʼus, hambaan harcaʼe guuboo guguddaa torba taʼe!

Yesuus namoota kana erga geggeessee booda, innii fi barattoonni bidiruudhaan gara Magadaan ishii lixa qarqara Galaana Galiilaatti argamtuu deeman. Achitti, Yihudoonnii fi gareen Saduuqotaa tokko samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu gaafachuudhaan Yesuusiin qoruuf yaalan.

Yesuus garuu, kaayyoo isaanii waan hubateef akkana isaaniin jedhe: “Yommuu dhihu ‘Samiin waan diimateef hin roobu’ jettu; ganama immoo, ‘Samiin kan diimate taʼus duumessa gurraacha waan qabuuf, ni qorra, bokkaanis ni rooba’ jettu. Isin bifa samii ilaaltanii wanta taʼuuf jiru dubbachuu ni dandeessu; haa taʼu malee, mallattoowwan barichaa ilaaltanii wanta taʼuuf jiru dubbachuu hin dandeessan.” (Maatewos 16:2, 3) Achiis Yesuus mallattoo Yoonaasiin alatti mallattoon biraa akka isaaniif hin kennamne Fariisotaa fi Saduuqota kanatti hime.

Yesuusii fi barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii gara Beetasaayidaa ishii kaaba baha qarqara galaanichaatti argamtuu deeman. Karaa erga jalqabanii booda, barattoonni isaa daabboo gaʼaa qabachuu akka irraanfatan beekan. Daabboo tokko qofatu isaan harka jira. Yesuus wanta yeroo muraasa dura Saduuqota warra Heroodisiin deggeranii fi Fariisotaa wajjin dubbate yaadatti qabachuudhaan, “Of eeggadhaa; raacitii Fariisotaa fi raacitii Heroodis irraas of eegaa” jedhee isaan gorse. Barattoonni Yesuus yaanni inni waaʼee raacitii dubbate, daabboo irraanfachuu isaanii wajjin kan wal qabatu akka taʼetti dogoggoraan hubatan. Yesuus dogoggora isaanii waan hubateef, “Daabboo waan hin qabanneef maaliif wal falmitu?” isaaniin jedhe.—Maarqos 8:15-17.

Yesuus dhiheenyatti namoota kumaan lakkaaʼamaniif daabboo dhiheessee ture. Kanaaf, barattoonni isaa daabboon dhibuun isaa akka isa hin yaaddessine beekuu qabu turan. Akkana jedhee isaan gaafate: “Hin yaadattanii ree, yommuu ani daabboo shan dhiirota 5,000f caccabsetti hambaa harcaʼe guuboo meeqa guutuu sassaabdan?” “Kudha lama” jedhanii deebisan. Yesuus itti fufee, “Yommuun daabboo torba dhiirota 4,000f caccabsetti hoo hambaa harcaʼe guuboo guguddaa meeqa guutuu sassaabdan?” jedhee isaan gaafate. Isaanis “Torba” jedhan.—Maarqos 8:18-20.

Yesuus, “Ani waaʼee daabboo isinitti dubbachaa akkan hin jirre akkamitti hin hubattan?” jedhee isaan gaafate. Itti fufees, “Egaa raacitii Fariisotaa fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa” isaaniin jedhe.—Maatewos 16:11.

Dhuma irratti, barattoonni isaa wanta inni jechuu barbaade hubatan. Raacitiin bukoon akka bukaaʼu taasisa. Yesuus yeroo kanatti raacitiitti kan fayyadame faalama argisiisuufi dha. Barattoonni isaa “barumsa Fariisotaa fi Saduuqotaa” isa nama faalu irraa akka of eeggatan isaan akeekkachiisaa jira.—Maatewos 16:12.