Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 62

Barumsa Barbaachisaa Gad Of Qabuu Ilaalchisee Kenname

Barumsa Barbaachisaa Gad Of Qabuu Ilaalchisee Kenname

MAATEWOS 17:22–18:5 MAARQOS 9:30-37 LUQAAS 9:43-48

  • YESUUS AMMAS WAAʼEE DUʼA ISAA DUBBATE

  • SAANTIMA AFAAN QURXUMMII KEESSAA ARGAME GIBIRA KAFFALE

  • MOOTUMMICHA KEESSATTI HUNDA IRRA KAN CAALU EENYU?

Yesuus Filiphoos Qisaariyaatti dinqiidhaan erga jijjiiramee fi mucaa jinniidhaan qabame erga fayyisee booda gara Qifirnaahom deeme. Bakka inni deemu ‘namoonni sun akka hin beekneef’ kan inni deeme barattoota isaa wajjin qofa dha. (Maarqos 9:30) Kunis duʼa isaatii fi hojii sana booda hojjetaniif barattoota qopheessuuf carraa isaaf bane. Akkana isaaniin jedhe: “Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama; isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama.”—Maatewos 17:22, 23.

Yaadni kun akka haaraatti barattoota naasisuu hin qabu. Pheexiros kun ni taʼa jedhee amanuu baatus, Yesuus akka ajjeefamu dubbatee ture. (Maatewos 16:21, 22) Ergamoonni Yesuus sadan yeroo inni dinqiidhaan jijjiiramu arganiiru, akkasumas ‘addunyaa kana dhiisee akka deemu’ yeroo inni dubbate dhagaʼaniiru. (Luqaas 9:31) Duuka buutonni isaa wanta inni dubbatee guutummaatti hubachuu baatanis, wanta Yesuus dubbatetti “baayʼee gaddan.” (Maatewos 17:23) Taʼus, waaʼee dhimma kanaa yaada dabalataa isa gaafachuu ni sodaatan.

Yeroo booda, Qifirnaahom ishii Yesuus keessaa deddeebiʼee tajaajila isaa raawwatuu fi bakka dhaloota ergamoota isaa tokko tokkoo taate gaʼan. Achitti namoonni gibira sassaaban gara Pheexiros dhufan. Yesuus gibira hin kaffalu jedhanii isa himachuuf taʼuu hin ooluu, “Barsiisaan keessan gibira mana qulqullummaa hin kaffaluu?” jedhanii gaafatan.—Maatewos 17:24.

Pheexirosis, “Ni kaffala” jedhee deebise. Manatti yeroo deebiʼan, Yesuus wanta uumame baree ture. Kanaaf, Pheexiros yaadicha hamma kaasutti eeguu mannaa akkana jedhe isa gaafate: “Simoon, maal sitti fakkaata? Mootonni lafaa gibira yookiin qaraxa eenyu irraa fudhatu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa ti?” Pheexirosis, “Keessummoota irraa ti” jedhee deebiseef. Yesuusis, “Yoos immoo ijoolleen gibira kaffaluu irraa walaba dha jechuu dha” jedhe.—Maatewos 17:25, 26.

Abbaan Yesuus Mootii addunyaa maraa ti; akkasumas mana qulqullummaa keessatti kan waaqeffatamu isa qofa. Kanaaf, Ilmi Waaqayyoo gibira akka kaffalu seerri isa hin dirqisiisu. Yesuus akkana jedhe: “Garuu nuti gufuu akka isaanitti hin taaneef, gara galaanaa dhaqiitii hokkoo ittiin qurxummii qabattu darbadhu; achiis qurxummii isa jalqaba qabattu yommuu afaan isaa bantu, saantima meetii tokko ni argatta. Isa fuudhiitii anaafis ofii keetiifis kaffali.”—Maatewos 17:27.

Sana booda utuu baayʼee hin turin, barattoonni Mootummicha keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu akka taʼe Yesuusiin gaafachuu barbaadan. Namoonni kun kanaan dura waaʼee duʼa isaa isa gara fuulduraa isa gaafachuu sodaatanii kan turan taʼus, wanta fuulduratti isaan eeggatu isa gaaffachuu garuu hin sodaanne. Yesuus wanta isaan yaadaa jiran beeka. Dhimmichi, wanta isaan yeroo gara Qifirnaahomitti deebiʼaa turan irratti wal falmaa turani dha. Kanaaf, “Karaa irratti waaʼee maalii wal falmaa turtan?” jedhee isaan gaafate. (Maarqos 9:33) Kan isaan wal falmaa turan eenyu hunda isaanii akka caalu waan taʼeef, qaanaʼanii callisan. Dhuma irratti, yaada irratti mariʼachaa turan isatti himan. “Mootummaa samii keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu?” jechuudhaan isa gaafatan.—Maatewos 18:1.

Barattoonni Yesuus gara naannoo waggaa sadiif isa argaa fi dhagaʼaa erga turanii booda, dhimma akkasii irratti wal falmuun isaanii waan nama dinqisiisu fakkaata. Haa taʼu malee, namoonni kun mudaa qabu. Akkasumas, amantii aangoo fi beekamummaadhaaf iddoo guddaa kennu keessatti guddatan. Pheexiros immoo kana dura Yesuus “furtuuwwan” Mootummichaa ilaalchisee waadaa yeroo isaa seenu dhagaʼeera. Tarii kun ol aantummaan akka isatti dhagaʼamu taasiseeraa laata? Yaaqoobii fi Yohaannisis yeroo Yesuus dinqiidhaan jijjiiramu arganii waan turaniif miirri akkasii isaanittis dhagaʼameera taʼa.

Haalli isaa maal iyyu yoo taʼe, Yesuus ilaalcha isaanii sirreessuuf tarkaanfii fudhate. Mucaa xinnoo waamee, gidduu isaanii dhaabee akkana isaaniin jedhe: “Deebitanii akka ijoollee yoo taatan malee matumaa Mootummaa samiitti hin galtan. Kanaaf, namni akka mucaa xinnoo kanaatti gad of qabu, Mootummaa samii keessatti hunda kan caalu taʼa; namni mucaa xinnoo akkanaa maqaa kootiin simatu, anaanis ni simata.”—Maatewos 18:3-5.

Mala barsiisaa nama dinqisiisu dha! Yesuus barattoota isaatti aaree sassattoota ykn of tuultota isaaniin hin jenne. Kanaa mannaa, wanta ijaan argamutti fayyadamee isaan barsiise. Ijoollee xixinnoon iddoo guddaa ofii hin kennan ykn beekamummaa argachuu hin barbaadan. Kanaaf, Yesuus barattoonni isaas ilaalcha akkasii qabaachuu akka qaban isaan hubachiise. Sana booda Yesuus, “Namni guddaa jedhamu, isa hunda keessan irra akka xinnaatu godhee of yaadu dha” jechuudhaan barumsa isaaniif kennaa ture xumure.—Luqaas 9:48.