Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 63

Yesuus Nama Gufachiisuu fi Cubbuu Ilaalchisee Gorsa Kenne

Yesuus Nama Gufachiisuu fi Cubbuu Ilaalchisee Gorsa Kenne

MAATEWOS 18:6-20 MAARQOS 9:38-50 LUQAAS 9:49, 50

  • GORSA NAMA GUFACHIISUU ILAALCHISEE KENNAME

  • OBBOLEESSI TOKKO CUBBUU YOO RAAWWATE

Yesuus ilaalcha duuka buutonni isaa qabaachuu qaban fakkeenyaan isaaniif ibsee kaʼuu isaa ti. Akka ijoolleetti of ilaaluu, jechuunis xinnoo akka taʼanittii fi iddoo guddaa akka hin qabnetti of ilaaluu qabu. Barattoonni Yesuus ‘mucaa xinnoo akkanaa maqaa isaatiin simachuudhaan Yesuusiin simachuu’ qabu.—Maatewos 18:5.

Ergamoonni guyyoota muraasa dura eenyu hunda irra akka caalu wal falmaa turan; kanaaf yaada Yesuus dubbate akka sirreeffamaatti fudhachuu dandaʼu. Amma immoo Yohaannis ergamaan wanta uumamee ture kan biraa dubbate. Akkana jedhe: “Namni tokko maqaa keetiin utuu jinniiwwan baasuu isa argine; inni nama nuu wajjin si duukaa buʼu waan hin turreefis isa dhowwuuf yaalii goone.”—Luqaas 9:49.

Yohaannis, namoota fayyisuuf ykn jinnii baasuuf aangoo kan qaban ergamoota qofa akka taʼanitti yaadaa jiraa? Akkas taanaan, namni Yihudii kun hafuurota hamoo baasuu kan dandaʼe akkamitti? Yohaannis, namni kun Yesuusii fi ergamoota isaa wajjin waan hin turreef, dinqii akkasii hojjechuu akka hin qabne waan isatti dhagaʼame fakkaata.

Yesuus yaada armaan gadii yeroo dubbatu, Yohaannis dinqisiifachuu hin oolu: “Namni maqaa kootiin dinqii hojjetee, yeruma sana immoo waaʼee koo wanta gadhee dubbachuu dandaʼu tokko illee waan hin jirreef, isa dhowwuuf yaalii hin godhinaa. Sababiin isaas namni nu hin mormine hundi gara keenya dha. Sababii isin kan Kiristoos taataniif namni bishaan kubbaayyaa tokko isiniif kennu hundi, dhuguman isiniin jedha, inni matumaa gatii isaa hin dhabu.”—Maarqos 9:39-41.

Yeroo kanatti namni kun Yesuusiin deggeruuf isa faana taʼuun isa hin barbaachisu. Hamma yoonaatti gumiin Kiristiyaanaa waan hin hundeeffamneef, namni kun Yesuusii wajjin deemaa hin jiru jechuun mormituu dha ykn amantii sobaa babalʼisaa jira jechuu miti. Namichi maqaa Yesuus irratti amantii akka qabu beekamaa dha; wanti Yesuus jedhes akka inni gatii isaa hin dhabne argisiisa.

Gama biraatiin immoo, namichi dubbii fi gocha ergamoota Yesuusiin yoo gufate dhimmi isaa baayʼee cimaa taʼa. Yesuus akkana jedhe: “Namni warra xixinnoo amantii qaban kana keessaa tokko gufachiisu hundi, dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti yoo gatame isaaf wayya.” (Maarqos 9:42) Itti aansuudhaan Yesuus, duuka buutonni wantoonni gatii guddaa qaban, jechuunis kanneen akka harkaa, miillaa ykn ijaa isaan gufachiisu taanaan gatuu akka qaban dubbate. Wantoota gatii guddaa qaban kana qabaatanii Gahaannam (Sulula Hiinoom) keessatti gatamuu mannaa, wantoota kana dhabanii Mootummaa Waaqayyootti galuu wayya. Ergamoonni sulula naannoo Yerusaalemitti kosiin itti gubamu kana arguu hin oolan; kanaaf, yaadni kun badiisa bara baraa akka argisiisu hubachuu dandaʼu.

Akkasumas Yesuus, “Dhuguman isiniin jedha, maleekonni isaanii warri samii keessa jiran yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii waan ilaalaniif, warra xixinnoo kana keessaa isa tokko akka hin tuffanne of eeggadhaa” jechuudhaan akeekkachiise. ‘Warri xixinnoon’ akkasii Abbaa isaa duratti gatii hammamii qabu? Yesuus waaʼee namicha hoolota 100 qabuu fi tokko jalaa baddee dubbate. Namichi hoolota 99n dhiisee ishii badde barbaaduu deeme; yeroo argatettis warra 99n caalaa ishiitti gammade. Itti dabaluudhaan Yesuus, “Abbaan koo inni samii warra xixinnoo kana keessaa tokko illee akka badu hin barbaadu” jedhe.—Maatewos 18:10, 14.

Yesuus ergamoonni isaa eenyu hunda irra akka caalu wal falmuu isaanii yaadatee taʼuu hin ooluu, “Keessa keessanitti soogidda qabaadhaa; walii wajjin nagaa qabaadhaa” jechuudhaan isaan gorse. (Maarqos 9:50) Soogiddi nyaata miʼeessa. Soogiddi akka fakkeenyaatti caqasame dubbiin nama tokkoo fudhachuuf akka namatti salphatu gochuudhaan nagaan akka jiraatu taasisa. Wal falmuun garuu nagaa akkasii hin argamsiisu.—Qolosaayis 4:6.

Yeroo tokko tokko, dhimmi ulfaataan uumamuu dandaʼa; Yesuus wantoota akkasii akkamitti furuun akka dandaʼamu dubbate. Akkana jedhe: “Obboleessi kee cubbuu yoo si irratti hojjete dhaqiitii bakka atii fi inni qofti jirtanitti dogoggora isaa ifatti itti himi. Yoo si dhaggeeffate, obboleessa kee deebistee argatte jechuu dha.” Yoo dhaggeeffachuu baate hoo? Yesuus, “Wanti hundinuu ragoota lama yookiin sadiin waan mirkaneeffamuuf, nama tokko yookiin nama lama fudhadhuu dhaqi” jechuudhaan isaan gorse. Kunis furmaata argamsiisuu yoo dide, “gumiitti” jechuunis, jaarsolii gumii itti gaafatamummaa qabanii fi murtoo dabarsuu dandaʼanitti himuu qabu. Namni cubbamaan sun ammas yoo dhagaʼuu dide hoo? “Akka nama Waaqayyotti hin amannee fi akka nama qaraxa sassaabuutti” isa ilaalu. Yihudoonni namoota akkasii wajjin hidhata hin qaban turan.—Maatewos 18:15-17.

Ilaaltonni ol aanaa gumii Dubbii Waaqayyootiin geggeeffamuu qabu. Namni tokko cubbuu akka hojjetee fi sirreeffamni akka isa barbaachisu yoo hubatan, murtoon isaan isa irratti dabarsan “dursee samii irratti hidhameera.” Namichi cubbuu akka hin hojjenne yoo mirkaneeffatan garuu, “dursee samii irratti hiikameera.” Gumiin Kiristiyaanaa yeroo hundeeffamu qajeelfamni kun faayidaa irra oola. Yesuus dhimmoota iddoo guddaa qaban kana utuma dubbatuu akkana jedhe: “Lama yookiin sadii taʼanii bakka maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani isaan gidduutti nan argama.”—Maatewos 18:18-20.