Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 67

“Eenyu Iyyuu Matumaa Akka Nama Kanaatti Dubbatee Hin Beeku”

“Eenyu Iyyuu Matumaa Akka Nama Kanaatti Dubbatee Hin Beeku”

YOHAANNIS 7:32-52

  • EEGDONNI MANA QULQULLUMMAA YESUUSIIN AKKA QABANIIF ERGAMAN

  • NIQODIMOOS YESUUSIIF FALME

Yesuus ammayyuu Ayyaana Daasii ykn Gordommaa kabajuuf Yerusaalem keessa jira. “Namoota sana keessaa hedduun isaanii isatti waan amananiif” gammadeera. Geggeessitoonni amantii garuu kanatti hin gammanne. Kanaaf, Yesuusiin akka qabaniif eegdota mana qulqullummaa ergan. (Yohaannis 7:31, 32) Taʼus, Yesuus eegdota kana jalaa dhokachuuf hin yaalle.

Kanaa mannaa, Yerusaalem keessatti akkana jedhee ifatti barsiisuu isaa itti fufe: “Gara isa na erge Sanaa deemuu koo dura yeroo xinnoodhaaf isinii wajjin nan tura. Isin na barbaaddu, garuu na hin argattan; bakka ani jirus dhufuu hin dandeessan.” (Yohaannis 7:33, 34) Yihudoonni garuu yaadni kun waan isaaniif hin galleef, akkana jedhanii wal gaafatan: “Akka nuti isa hin argannetti, namichi kun eessa dhaquu barbaade? Tarii Yihudoota warra Giriikota gidduu bibittinnaaʼanii jiran bira dhaqee Giriikota barsiisuu barbaadee laata? ‘Isin na barbaaddu, garuu na hin argattan; bakka ani jirus dhufuu hin dandeessan’ yeroo jedhu maal jechuu isaa ti?” (Yohaannis 7:35, 36) Yesuus garuu akka duʼuu fi duʼaa kaafamee gara samiitti akka ol baʼu dubbachaa jira. Diinonni isaa immoo isa duukaa gara samii deemuu hin dandaʼan.

Ayyaanni kun kabajamuu erga jalqabee guyyaa torba taʼeera. Lubni tokko, guyyoota ayyaanni kun kabajamu hundatti, ganama ganama bishaan kuufamaa Salihoom keessaa waraabee gara jala iddoo aarsaa mana qulqullummaatti akka yaaʼuuf boʼoo keessatti naqa. Yesuus tarii namoonni barsiifata kana akka yaadatan barbaadee taʼuu hin ooluu, akkana isaaniin jedhe: “Namni dheebote yoo jiraate, gara koo dhufee haa dhugu. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu, anatti kan amanu hundi: ‘Lagni bishaan jireenya kennuu isa keessaa ni yaaʼa.’”—Yohaannis 7:37, 38.

Yesuus yeroo barattoonni isaa hafuura qulqulluudhaan dibamanii samii irratti jireenya argachuuf mirga argatan wanta taʼu ibsaa jira. Kan isaan dibaman erga Yesuus duʼee booda dha. Ayyaana Phenxeqosxee waggaa itti aanutti kabajamuu jalqabee, barattoonni hafuuraan dibaman dhugaa namootatti yeroo himan, lagni bishaan jireenya kennuu yaaʼuu jalqaba.

Namoonni tokko tokko wanta Yesuus barsiisaa jiru yeroo dhagaʼan, “Dhuguma iyyuu kun Raajicha dha” jedhan. Akkas kan jedhan raajicha Musee caaluu fi waaʼeen isaa dursee dubbatame yaadatti qabatanii taʼuu akka hin oolle haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Kaan immoo, “Kun Kiristoosi” jedhan. Haa taʼu malee, namoonni kan biraan akkana jechuudhaan yaadicha morman: “Kiristoos Galiilaadhaa ni dhufaa? Kitaabni Qulqulluun Kiristoos sanyii Daawit keessaa, akkasumas Beetaliheem ganda Daawitii akka dhufu ni dubbata mitii?”—Yohaannis 7:40-42.

Kanaaf, namoota kana gidduutti wal qoqqooduun ni uumame. Namoonni tokko tokko isa qabuu kan barbaadan taʼus, namni tokko illee isa hin tuqne. Eegdonni mana qulqullummaa Yesuusiin utuu hin qabin gara geggeessitoota amantiitti yeroo deebiʼan, dura buutonni lubootaa fi Fariisonni, “Maaliif qabdanii isa hin fidne?” jedhanii isaan gaafatan. Eegdonni kunis, “Akka nama kanaatti matumaa dubbatee hin beeku” jedhanii deebisaniif. Geggeessitoonni amantii aariidhaan akkana jedhanii qoosuu fi arrabsuu jalqaban: “Isinis ni gowwoomfamtanii? Bulchitoota yookiin Fariisota keessaa tokko illee isatti kan amane jiraa? Haa taʼu malee, sabni Seericha hin beekne kun abaaramaa dha.”—Yohaannis 7:45-49.

Yeroo kanatti Niqoodemos Fariisichi inni miseensa Saanhedriin taʼe, ija jabinaan Yesuusiif falmuutti kaʼe. Gara waggaa lamaa fi walakkaa dura, Niqoodemos halkaniin gara Yesuus dhaqee akka isatti amanu dubbatee ture. Yeroo kanatti immoo geggeessitoota amantii kanaan akkana jedhe: “Seerri keenya jalqaba namicha irraa utuu hin dhagaʼiinii fi wanta inni gochaa jiru utuu hin beekin nama tokkotti ni murteessaa?” Isaan hoo mormii akkamii kaasan? “Atis nama Galiilaa tii? Yoos raajiin tokko illee Galiilaa keessaa akka hin kaane qoradhuu ilaali” isaan jedhan.—Yohaannis 7:51, 52.

Kitaabonni Qulqulluun kallattiidhaan raajiin Galiilaadhaa akka dhufu hin dubbatan. Taʼus, Dubbiin Waaqayyoo Kiristoos achii akka dhufu yaada argisiisu qabateera. ‘Ifni guddaan’ ‘Galiilaa isa kan warra saba Waaqayyoo hin taʼinii’ keessatti akka mulʼatu raajiin dubbatameera. (Isaayaas 9:1, 2; Maatewos 4:13-17) Kana malees, akkuma dursee dubbatame Yesuus kan dhalate Beetaliheemitti siʼa taʼu, inni sanyii Daawiti dha. Fariisonni kana beekuu hin oolan. Kanaaf, Yesuusiin ilaalchisee yaada dogoggoraa uummata keessa tamsaʼeef kan itti gaafatamu isaan taʼuu qabu.