Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 72

Yesuus Akka Lallabaniif Barattoota 70 Erge

Yesuus Akka Lallabaniif Barattoota 70 Erge

LUQAAS 10:1-24

  • YESUUS BARATTOOTA 70 FILATEE AKKA LALLABAN ERGE

Amma yeroon isaa gara dhuma Dh.K.B. bara 32 ti; Yesuus erga cuuphamee gara waggaa sadii taʼeera. Guyyoota muraasa dura innii fi barattoonni Ayyaana Daasii kabajuuf Yerusaalem turan. Ammas naannoodhuma sana jiraachuu hin oolan. (Luqaas 10:38; Yohaannis 11:1) Yesuus jiʼoota hafan jaʼan tajaajila irratti dabarsu keessaa hedduu isaa Yihudaa ykn koonyaa Peeriyaa ishii Laga Yordaanos gama jirtutti dabarsa. Naannoowwan kanattis lallabamuu qaba.

Kanaan dura Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 30⁠tti kabajame booda, Yesuus Yihudaa keessatti lallabaa jiʼoota muraasa dabarseera. Achiis Samaariyaa qaxxaamuree gara Galiilaa deeme. Dh.K.B. bara 31 yeroo Ayyaana Faasikaatti Yihudoonni Yerusaalem keessa jiran isa ajjeesuuf yaalan. Waggaa tokkoo fi walakkaa sana booda ture keessatti, Yesuus baayʼinaan Galiilaa ishii kallattii kaabaatiin argamtutti tajaajilaa ture. Yeroo sanatti namoonni baayʼeen duuka buutota isaa taʼaniiru. Galiilaatti, Yesuus ergamoota isaa leenjisee, qajeelfama, “‘Mootummaan samii dhihaateera!’ jedhaa lallabaa” jedhu isaaniif kennuudhaan isaan ergee ture. (Maatewos 10:5-7) Amma immoo Yihudaa keessatti duula lallabaa qindeesse.

Duula kana jalqabuuf, Yesuus barattoota 70 filatee lama lama godhee isaan erge. Kanaaf, naannoo tajaajilaa, ‘midhaan sassaabamu baayʼee itti taʼee fi hojjettoonni garuu muraasa itti taʼan’ kana keessa, garee lallabdootaa 35tu jira jechuu dha. (Luqaas 10:2) Barattoonni kun iddoo Yesuus deemuuf jedhu, inni deemuu isaa dura dhaqu. Warri 70mman kun namoota dhukkubsatan ni fayyisu, akkasumas ergaa Yesuus labsaa ture babalʼisu.

Barattoonni mana sagadaa keessatti barsiisuu irratti hin xiyyeeffatan. Yesuus mana namootaa akka deeman isaan ajaje. “Yommuu mana tokko seentan jalqaba, ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu!’ jedhaa. Namni nagaa jaallatu achi yoo jiraate, nagaan keessan isa irra qubata” jechuudhaan qajeelfama isaanii kenne. Ergaan isaanii maali dha? Yesuus, “‘Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhihaateera’ jedhaa isaanitti himaa” jedhe.—Luqaas 10:5-9.

Qajeelfamni Yesuus warra 70mmaniif kenne, qajeelfama inni gara waggaa tokkoo dura ergamoota 12n yeroo ergetti kennee wajjin tokko dha. Kan isaan simatu namoota hunda akka hin taane isaan hubachiise. Taʼus, carraaqqiin isaan godhan yeroo Barsiisaa Guddichi achi gaʼu hedduun isaanii hawwiidhaan akka isa eeganii fi akka isa irraa barataniif namoota ergaa isaanii fudhatan qopheessa.

Utuu baayʼee hin turin, gareen labsitoota Mootummichaa 35nan gara Yesuusitti deebiʼanii gammachuudhaan, “Yaa Gooftaa, jinniiwwan illee maqaa keetiin nuuf ajajamaniiru” isaan jedhan. Gabaasni isaanii kun Yesuusiin akka gammachiise yaada inni dubbate irraa hubachuun ni dandaʼama. Akkana jedhe: “Ani Seexanni akka bakakkaatti yommuu samii irraa kufu argeera. Kunoo, ani bofaa fi torbaanqabaa irra akka ejjettan, akkasumas humna diinaa hundumaa akka mootan aangoo isiniif kenneera.”—Luqaas 10:17-19.

Yesuus karaa kanaan duuka buutonni isaa wantoota nama miidhuu dandaʼan akka moʼan, jechuunis akka fakkeenyaatti bofaa fi torbaanqabaa irra illee ejjechuu akka dandaʼan isaaniif mirkaneesse. Kana malees, gara fuulduraatti Seexanni samii irraa akka kufu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. Akkasumas, Yesuus wanti caalaatti barbaachisaa taʼe maal akka taʼe akka hubatan isaan gargaare. “Maqaan keessan samii irratti waan barreeffameef gammadaa malee, hafuuronni hamoon waan isiniif ajajamaniif hin gammadinaa” jedhe.—Luqaas 10:20.

Yesuus, Abbaan isaa karaa nama dinqisiisu akkasiitiin tajaajiltoota bakka guddaa hin qabne kanatti fayyadamuu isaatti baayʼee gammadee, uummata duratti Abbaa isaa jajate. Achiis gara barattoota isaatti garagalee akkana isaaniin jedhe: “Iji wantoota isin argaa jirtan kana argu gammadaa dha. Ani isiniin nan jedha, raajonnii fi mootonni hedduun wantoota isin argaa jirtan kana arguuf kan hawwan taʼus hin argine; wantoota isin dhageessan kana dhagaʼuuf kan hawwan taʼus hin dhageenye.”—Luqaas 10:23, 24.