Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 74

Barumsa Keessummaa Simachuu fi Kadhannaa Ilaalchisee Kenname

Barumsa Keessummaa Simachuu fi Kadhannaa Ilaalchisee Kenname

LUQAAS 10:38–11:13

  • YESUUS MAARTAA FI MAARIYAAM BIRA DHAQE

  • IRRA DEDDEEBIʼANII KADHACHUUN BARBAACHISAA DHA

Gaara Ejersaa irra kallattii bahaatiin Yerusaalem irraa kiiloo meetira sadii fagaattee ganda Bitaaniyaa jedhamtutu jira. (Yohaannis 11:18) Yesuus Bitaaniyaadhaa mana obbolaa lamaanii, jechuunis mana Maartaa fi Maariyaam deeme. Isaanii fi Alaazaar obboleessi isaanii michuu Yesuus waan taʼaniif hoʼisanii isa simatan.

Masiihicha akka keessummaatti simachuun mirga guddaa dha. Maartaan wanta gaarii Yesuusiif dhiheessuu waan barbaaddeef, nyaata garaa garaa qopheessaa jirti. Yeroo Maartaan hojjettu kanatti, Maariyaam miilla Yesuus jala teessee isa dhaggeeffatti. Maartaanis Yesuusiin, “Gooftaa, obboleettiin koo hojii kana hunda akkan hojjedhu anatti dhiisuun ishii si hin gaddisiisuu? Dhuftee akka na gargaartu itti himi” jetteen.—Luqaas 10:40.

Yesuus Maariyaamiin ceephaʼuu mannaa, wantoota fooniitiif xiyyeeffannaa kennuu ishiitti Maartaa gorse. Akkana jedhe: “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati wantoota baayʼeedhaan ni yaaddofta, ni jeeqamtas. Wanti barbaachisu garuu muraasa yookiin tokko qofa dha. Maariyaam gama ishiitiin qooda gaarii filatteetti, innis ishii jalaa hin fudhatamu.” (Luqaas 10:41, 42) Nyaata hedduu dhiheessuuf yeroo dheeraa fudhachuun akka hin barbaachisne dubbate. Nyaatni muraasni qofti gaʼaa dha.

Yaadni Maartaa gaarii dha. Akka gaariitti isa simachuu barbaadde. Taʼus, waaʼee nyaata qopheessuu utuu yaaddoftuu, barumsa Ilma Waaqayyoo irraa argachuu dandeessu dhabaa jirti! Yesuus, Maariyaam filannoo faayidaa bara baraa argamsiisuu fi hunda keenyaaf barumsa taʼu akka goote dubbate.

Yeroo gara biraatti Yesuus barumsa kana irraa adda taʼee fi barbaachisaa taʼe barsiise. Barataan isaa tokko, “Yaa Gooftaa, akkuma Yohaannis barattoota isaa barsiise, akkamitti akka kadhannu nu barsiisi” jedhee isa gaafate. (Luqaas 11:1) Yesuus gara waggaa tokkoo fi walakkaa dura Lallaba Isaa Isa Gaara Irraa irratti waaʼee dhimma kanaa barsiisee ture. (Maatewos 6:9-13) Taʼus, tarii barataan kun yeroo sanatti achi waan hin turreef, Yesuus qabxiilee ijoo taʼan irra deebiʼe. Achiis, irra deddeebiʼanii kadhachuun barbaachisaa taʼuu isaa hubachiisuuf fakkeenyatti fayyadame.

“Fakkeenyaaf, isin keessaa namni tokko michuu qaba haa jennu; innis halkan walakkaa gara isaa dhaqee akkana jedheen: ‘Yaa michuu ko, daabboo sadii naa liqeessi, michuun koo tokko utuu karaa deemuu ammuma gara koo dhufe; anis waanan isaaf kennu tokko illee hin qabu.’ Abbaan manichaa garuu akkana jedhee deebiseef: ‘Na hin rakkisin. Balballi cufameera, ijoolleen koos anaa wajjin siree irra rafaniiru. Ani kaʼee waan tokko iyyuu sii kennuu hin dandaʼu.’ Ani isiniin nan jedha, namichi michuu isaa waan taʼeef kaʼee waan tokko iyyuu yoo isaaf kennuu baate illee, sababii namichi irra deddeebiʼee ija jabinaan isa gaafateef kaʼee wanta inni barbaade hunda isaaf ni kenna.”—Luqaas 11:5-8.

Yesuus, Yihowaan akka michuu namichaatti, kadhannaa namootaatiif deebii kennuuf fedhii hin qabu jechuu isaa miti. Kanaa mannaa, michuun fedhii hin qabne illee gaaffii irra deddeebiʼee isaaf dhihaateef deebii erga kennee, Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe kadhannaa tajaajiltoonni isaa garaadhaa dhiheessaniif deebii akka kennu ibsuu isaa ti! Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa isiniif ni banama. Kan kadhatu hundinuu ni fudhata, kan barbaadu hundinuu ni argata, kan balbala rurrukutu hundumaafis ni banama.”—Luqaas 11:9, 10.

Achiis, Yesuus wanta abbaan tokko hojjetuu wajjin wal bira qabee yaada kana ibse. Akkana jedhe: “Isin keessaa abbaan ilmi isaa qurxummii yoo isa kadhate bofa kennuuf jiraa? Yookiin hanqaaquu yoo isa kadhate hoo torbaanqabaa ni kennaafii? Kanaaf, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif caalchisee hafuura qulqulluu hin kennuu ree?” (Luqaas 11:11-13) Kun Abbaan keenya nu dhagaʼuuf fedhii akka qabuu fi wanta nu barbaachisu akka nuu guutu kan nuu mirkaneessu dha!