Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 75

Yesuus Maddi Gammachuu Maal Akka Taʼe Dubbate

Yesuus Maddi Gammachuu Maal Akka Taʼe Dubbate

LUQAAS 11:14-36

  • “QUBA WAAQAYYOOTIIN” JINNII BAASUU

  • MADDA GAMMACHUU DHUGAA

Yesuus barumsa kadhannaa ilaalchisee kennee ture irra deebiʼee xumuruu isaa ti; haa taʼu malee, dhimmi tajaajila isaa irratti siʼa tokkoo ol isa mudate kana qofa miti. Yesuus Galiilaatti dinqiiwwan hojjechaa yeroo ture, namoonni kan inni akkas godhu humna mootii jinniiwaniitiin akka taʼe dubbachuudhaan sobaan isa hadheessan. Ammas Yihudaatti mormiin akkasii isa mudate.

Yesuus, namicha tokko keessaa jinnii arraba isaa hidhe yeroo baasu, namoonni walitti qabamanii turan baayʼee ajaaʼibsiifatan. Warri isa morman garuu hin ajaaʼibsiifanne. Akkuma kanaan dura isa mudatee ture, “Inni mootii jinniiwwanii Biʼeelzebuliin jinniiwwan baasa” jechuudhaan sobaan is hadheessan. (Luqaas 11:15) Kaan immoo eenyummaa isaa ilaalchisee ragaa dabalataa waan barbaadaniif, samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu isa gaafatan.

Yesuus isa qoruuf yaalaa akka jiran waan hubateef, deebii Galiilaatti namoota isa mormaniif deebisee wajjin wal fakkaatu isaanii kenne. “Seexanni yoo wal qoqqoode mootummaan isaa akkamitti jabaatee dhaabata?” jechuudhaan mootummaan wal qoqqoodu hundinuu akka badu dubbate. Achiis Yesuus, “Jinniiwwan kanan baasu quba Waaqayyootiin yoo taʼe, Mootummaan Waaqayyoo utuu isin hin beekin isinitti dhufeera jechuu dha” jechuudhaan fuulleetti isaanitti hime.—Luqaas 11:18-20.

Yaadni Yesuus “quba Waaqayyoo” jedhee dubbate, dhaggeeffattoota isaa seenaa Israaʼel durii yaadachiisee taʼuu qaba. Namoonni Faraʼoon, Museen dinqii yeroo hojjetu arganii, “Inni kun hojii harka [“quba,” NW] Waaqayyoo ti” jedhanii turan. Abboommiiwwan Kurnanis ‘quba Waaqayyootiin’ gabatee dhagaa irratti barreeffaman. (Baʼuu 8:19; 31:18) Yesuus jinniiwwan akka baasuu fi warra dhukkubsatan akka fayyisu kan isa dandeessises, “quba Waaqayyoo,” jechuunis hafuura qulqulluu ykn humna isaa isa hojii irra jiru dha. Kanaaf, Yesuus inni Mootii Mootummichaa taʼee muudame isaan gidduutti dinqiiwwan hojjechaa waan jiruuf, dhuguma iyyuu Mootummaan Waaqayyoo isaanitti dhufeera.

Akkuma namni humna guddaa qabu tokko, nama dallaa mana mootummaa eeguu fi akka gaariitti meeshaa hidhatee jiru toʼannaa isaa jala oolchu, Yesuus jinniiwwan baasuu dandaʼuun isaa Seexana irratti aangoo akka qabu argisiisa. Yesuus fakkeenya waaʼee hafuura xuraaʼaa namicha tokko keessaa baʼee dubbate irra deebiʼe. Namichi iddoo isa duwwaa taʼe wantoota gaggaariidhaan hin guutu taanaan, hafuurri xuraaʼaan sun hafuurota biraa torbaa wajjin deebiʼuudhaan haalli namichaa isa duraa caalaa akka hammaatu taasisa. (Maatewos 12:22, 25-29, 43-45) Haalli saba Israaʼeliin mudates kanaa wajjin wal fakkaata.

Achiis dubartiin Yesuusiin dhaggeeffachaa jirtu tokko sagalee ishii ol fuutee, “Gadameessi si baatee fi harmi ati hoote gammadaa dha!” jette. Dubartoonni Yihudii haadha raajii, keessumaa immoo haadha Masiihichaa taʼuuf hawwaa turan. Kanaaf, dubartiin kun Maariyaam haadha barsiisaa akkasii taʼuu ishiitti baayʼee akka gammaddu yaaddee taʼa. Taʼus, Yesuus madda gammachuu isa dhugaa dubbachuudhaan yaada ishii sirreesse. “Lakki, gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!” jedhe. (Luqaas 11:27, 28) Yesuus, Maariyaamiif kabajni addaa kennamuu akka qabu dubbatee hin beeku. Dhiiras taʼe dubartii namni tokko gammachuu dhugaa argachuu kan dandaʼu Waaqayyoon amanamummaadhaan tajaajiluudhaan malee, firummaa nama tokkoo wajjin qabuun ykn wanta hojjeteen miti.

Yesuus akkuma Galiilaatti godhe, namoonni samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu isa gaafachuu isaaniitti isaan balaaleffate. “Mallattoo Yoonaas” malee mallattoon kan biraa akka isaaniif hin kennamne dubbate. Yoonaas guyyaa sadii garaa qurxummii keessa turuu isaatiin, akkasumas lallaba inni ija jabinaan raawwatee fi namoonni Nanawwee qalbii akka geddaratan taasiseen akka mallattootti tajaajileera. Achiis Yesuus, “Haa taʼu malee, kunoo Yoonaas irra kan caalu as jira” jedhe. (Luqaas 11:29-32) Yesuus, Solomoon isa mootuun biyya Sheebaa ogummaa isaa dhagaʼuu dhufte irras ni caala.

Itti fufees, “Namni tokko ibsaa qabsiisee, bakka dhokataa yookiin guuboo jala hin kaaʼu; kanaa mannaa . . . baattuu ibsaa irra kaaʼa” jedhe. (Luqaas 11:33) Yeroo akkas jedhu, namoota kana duratti barsiisuu fi dinqiiwwan hojjechuun, ibsaa iddoo dhokataa kaaʼuu wajjin tokko akka taʼe dubbachuu isaa taʼuu dandaʼa. Wanta argan xiyyeeffannaadhaan waan hin ilaalleef, kaayyoo hojiiwwan Yesuus hojjetuu hin hubatan.

Yesuus namicha jinniidhaan qabamee ture keessaa jinnii baasuudhaan dubbachuu akka inni dandaʼu taasiseera. Kun namoonni Waaqayyoof ulfina akka kennanii fi wanta Yihowaan gochaa jiru warra kaanitti akka himan isaan kakaasuu qaba ture. Kanaaf Yesuus namoota isa morman akkana jechuudhaan akeekkachiise: “Ifni si keessa jiru dukkana akka hin taane of eeggadhu. Egaa qaamni kee kutaa dukkanaaʼe tokko illee utuu hin qabaatin guutummaan isaa ifa yoo taʼe, akkuma ibsaan siif ifutti qaamni kee guutummaatti ifaa taʼa.”—Luqaas 11:35, 36.