Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 76

Fariisii Tokkoo Wajjin Nyaata Nyaate

Fariisii Tokkoo Wajjin Nyaata Nyaate

LUQAAS 11:37-54

  • YESUUS FARIISOTA FAKKEESSITUU TAʼAN BALAALEFFATE

Yesuus Yihudaa utuu jiruu Fariisiin tokko nyaata isa afeere. (Luqaas 11:37, 38) Fariisonni nyaata nyaachuu isaanii dura akka aadaa isaaniitti harka isaanii hamma ciqileetti dhiqatu. Yesuus garuu akkas hin goone. (Maatewos 15:1, 2) Haala akkasiitiin dhiqachuun Seera Waaqayyoo cabsuu taʼuu baatus, kun wanta Waaqayyo saba isaa irraa eegu miti.

Fariisonni, Yesuus aadaa kana hordofuu dhiisuun isaa baayʼee isaan ajaaʼibsiise. Yesuusis kana waan hubateef, akkana jedhe: “Fariisota nana, isin kubbaayyaa fi saanii ala isaanii ni qulqulleessitu; keessi keessan garuu sassataa fi hammeenyaan kan guutame dha. Gowwoota nana! Inni ala isaa hojjete, keessa isaa immoo hin hojjennee?”—Luqaas 11:39, 40.

Rakkinni isaanii nyaata dura harka dhiqachuu isaanii utuu hin taʼin, nama amantii of fakkeessuu isaanii ti. Fariisonnii fi warri kaan akka sirna amantii isaaniitti harka dhiqatanis, garaa isaanii garuu hammeenya irraa hin qulqulleessine. Kanaaf Yesuus, “Wantoota keessa jiran hiyyeeyyiidhaaf kennaa; sana booda guutummaatti qulqulluu taatu” jedhee isaan gorse. (Luqaas 11:41) Yaadni kun sirrii dha! Namni tokko kan kennu jaalala garaadhaa madduun kakaʼee malee, xiyyeeffannaa namootaa argachuu fi qajeelaa of fakkeessuuf taʼuu hin qabu.

Namoonni kun kennaa hin kennan jechuu miti. Yesuus akkana jedhe: “Baala kefoo, cilaaddamaa fi biqiltuu garaa garaa irraa harka kudhan keessaa harka tokko ni kennitu; garuu haqaa fi jaalala Waaqayyoo akka laayyootti ilaaltu. Kudhan keessaa tokko kennuuf dirqamni kan isin irra jiru taʼus, wantoota kaanis akka laayyootti ilaaluu hin qabdan turtan.” (Luqaas 11:42) Seerri Waaqayyoo oomisha biqiltuu irraa kudhan keessaa tokko akka kennan ni ajaja. (Keessa Deebii 14:22) Kun immoo baala kefoo, cilaaddamaa fi biqiltuu gara garaa nyaata miʼeessuuf tajaajilan dabalata. Fariisonni biqiltuuwwan kana kudhan keessaa tokko of eeggannoodhaan kennu. Taʼus, amalawwan caalaatti barbaachisan kan akka haqaa, jaalalaa fi Waaqayyo duratti gad of qabuutiif xiyyeeffannaa ni kennuu?—Miikiyaas 6:8.

Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Fariisota nana isiniif wayyoo, sababiin isaas mana sagadaa keessatti fuuldura taaʼuu, iddoo gabaattis nagaa gaafatamuu jaallattu! Isin akka awwaalota mallattoo hin qabnee fi namoonni utuu hin beekin irra deemanii waan taataniif isiniif wayyoo!” (Luqaas 11:43, 44) Eeyyee, namoonni awwaalota akkasiitiin gufachuu fi akka seerichaatti xuraaʼoo taʼuu dandaʼu. Yesuus yaada kanatti kan fayyadame xuraaʼummaan Fariisotaa ifatti kan hin mulʼanne taʼuu isaa ibsuufi dha.—Maatewos 23:27.

Namni Seera Waaqayyoo akka gaariitti beeku tokko, “Barsiisaa, wantoota kana yeroo dubbattu nuunis arrabsaa jirta” jedheen. Taʼus, namoonni akkasii uummaticha gargaaraa akka hin jirre hubachuu qabu. Yesuus akkana jedhe: “Isin warra Seericha beektaniifis wayyoo, sababiin isaas isin baʼaa ulfaataa namoota irra keessu; ofii keessaniif garuu quba keessan isa tokkoon illee hin tuqxan! Isiniif wayyoo, sababiin isaas isin awwaalota raajotaa ni ijaartu; kan isaan ajjeese garuu abbootii keessani dha!”—Luqaas 11:45-47.

Yesuus baʼaa jechuudhaan kan ibse, aadaa Fariisotaa fi akkaataa isaan Seericha itti hiikani dha. Namoonni kun uummatichatti jireenyi akka ulfaatu taasisaa jiru. Namoonni hundi wantoota akka baʼaa ulfaataa taʼan kana akka eegan dirqisiisu. Abbootiin isaanii Abeel irraa jalqabee, raajota Waaqayyoo ajjeesaa turan. Namoonni amma raajota kanaaf bakka awwaalaa ijaaruudhaan isaaniif ulfina kennaa waan jiran fakkeessan kun, ilaalchaa fi gocha abbootii isaanii hordofaa jiru. Raajii Waaqayyoo isa guddaa iyyuu ajjeesuu barbaadu. Yesuus, Waaqayyo dhaloota kana gocha isaatiif akka itti gaafatu dubbate. Kunis Dh.K.B. bara 70⁠tti waggaa 38 booda dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera.

Yesuus itti fufee, “Isin warra Seericha beektaniif wayyoo, sababiin isaas furtuu beekumsaa buttanii fudhattaniittu. Ofii keessanii itti hin galtan, warra galuuf yaalanis ni dhowwitu!” jedhe. (Luqaas 11:52) Namoonni hiika Dubbii Waaqayyoo barsiisuu qaban kun, carraa namoonni Dubbii isaa beekuu fi hubachuuf qaban jalaa fudhachaa jiru.

Yeroo kanatti Fariisonnii fi barsiisonni seeraa maal jedhan? Yesuus yeroo isaan biraa deemu, isa mormuu fi gaaffii hedduudhaan isa dhiphisuu jalqaban. Gaaffii kan gaafatan barachuu waan barbaadaniif utuu hin taʼin, wanta isa hiisisuuf isaan dandeessisu akka dubbatu gochuu barbaadanii ti.