Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 80

Tiksee Gaarii fi Gola Hoolotaa

Tiksee Gaarii fi Gola Hoolotaa

YOHAANNIS 10:1-21

  • YESUUS WAAʼEE TIKSEE GAARII FI GOLA HOOLOTAA DUBBATE

Yesuus Yihudaatti barsiisuu isaa itti fufe; amma wanta dhaggeeffattoonni isaa salphaatti hubachuu dandaʼan, jechuunis waaʼee hoolotaa fi gola hoolotaa dubbate. Kan inni dubbachaa jiru garuu fakkeenyaani dha. Yihudoonni wanta Daawit, “Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu! Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha” jechuudhaan dubbate yaadatanii taʼa. (Faarfannaa 23:1, 2) Faarfataan kan biraan tokko immoo, “Kottaa Yihowaa Uumaa keenya durattis in jilbeenfannaa! Inni Waaqa keenya; nuti immoo saba bakka dheedichaa isaatti bobbaane dha” jechuudhaan sabicha afeeree ture. (Faarfannaa 95:6, 7, NW) Eeyyee, Israaʼeloonni Seericha jala jiran yeroo dheeraadhaaf tuuta hoolotaatti fakkeeffamaa turaniiru.

“Hoolonni” kun kakuu Seera Musee jalatti waan dhalataniif, “gola hoolotaa” keessa turan jechuun ni dandaʼama. Seerichi gocha gadhee saboonni kakuu kana jala hin jirre hojjetan irraa isaan eeguudhaan akka dallaatti tajaajileera. Israaʼeloonni tokko tokko garuu hoolota Waaqayyoo irra miidhaa geessisaniiru. Yesuus, “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, inni karaa balbalaa utuu hin taʼin, karaa gara biraa utaalee gola hoolotaatti seenu, hattuu fi saamtuu dha. Inni karaa balbalaa seenu garuu, tiksee hoolotaa ti” jedhe.—Yohaannis 10:1, 2.

Yeroo kanatti namoonni kun tarii waaʼee warra Masiihii ykn Kiristoos ofiin jechaa turanii yaadu taʼa. Namoonni akkasii hattuu fi saamtuu wajjin tokko dha. Namoonni fakkeessitoota akkasii hordofuu hin qaban. Kanaa mannaa, “tiksee hoolotaa” isa Yesuus waaʼee isaa akka armaan gadii jechuudhaan dubbatee hordofuu qabu.

Akkana jedhe: “Inni balbala eegus isaaf ni bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Inni hoolota isaa maqaa maqaa isaaniitiin waamee gad ni yaasa. Hoolota isaa hunda erga gad yaasee booda, isaan dura buʼee deema; isaanis sagalee isaa waan beekaniif isa duukaa ni buʼu. Hoolonni sagalee keessummaa waan hin beekneef, isa irraa ni baqatu malee matumaa keessummaa duukaa hin buʼan.”—Yohaannis 10:3-5.

Kanaan dura Yohaannis Cuuphaan akka nama balbala eeguu taʼuudhaan, Yesuus isa hoolonni fakkeenyaan ibsamanii fi Seericha jala jiran hordofuu qaban akka taʼe beeksisee ture. Hoolonni Galiilaa fi as Yihudaa keessa jiran muraasni sagalee Yesuus beekaniiru. Eessatti ‘gad isaan yaasa’? Isa duukaa buʼuu isaaniitiin maal argatu? Warri fakkeenya kana dhaggeeffachaa jiran tokko tokko, ‘wanta inni isaanitti dubbachaa jiru waan hin hubanneef’ dalga isaanitti taʼe.—Yohaannis 10:6.

Yesuus akkana jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, ani balbala hoolotaa ti. Warri maqaa kootiin dhufanii turan hundi hattootaa fi saamtota dha; hoolonni sun garuu isaan hin dhageenye. Ani balbalicha; namni karaa koo seenu hundi ni fayya; inni ol ni seena, gadis ni baʼa, bakka dheedichaas ni argata.”—Yohaannis 10:7-9.

Yesuus waaʼee wanta haaraa taʼe tokkoo dubbachaa akka jiru ifa dha. Namoonni isa dhaggeeffachaa jiran, Yesuus kakuu Seerichaa isa jaarraa hedduudhaaf tureef balbala akka hin taane beeku. Kanaaf, hoolonni inni ‘gad yaasu’ gola hoolotaa kan biraatti akka seenan dubbachuu isaa taʼuu qaba. Kun buʼaa akkamii argamsiisa?

Yesuus gaʼee qabu caalaatti ibsuuf akkana jedhe: “Ani isaan jireenya akka argatanii fi jireenya irraa hafaa akka qabaataniif dhufeera. Ani tiksee gaarii dha; tiksee gaariin immoo hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee ni kenna.” (Yohaannis 10:10, 11) Yesuus kanaan dura, “Isin tuuta xinnoo nana, Abbaan keessan Mootummaa isiniif kennuu waan jaallateef hin sodaatinaa” jechuudhaan barattoota isaa jajjabeessee ture. (Luqaas 12:32) Eeyyee, warri kutaa “tuuta xinnoo” taʼan, warra Yesuus “jireenya akka argatanii fi jireenya irraa hafaa akka qabaataniif” gara gola hoolotaa haaraatti geessu dha. Kutaa tuuta kanaa taʼuun eebba guddaa dha!

Haa taʼu malee, Yesuus dubbii isaa kana irratti hin xumurre. “Ani, hoolota kan biraa gola kana keessaa hin taane qaba; isaaniinis fiduun qaba, isaan sagalee koo ni dhagaʼu, tuuta tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa” jedhe. (Yohaannis 10:16) ‘Hoolonni kan biraan’ kun “gola kana keessaa” miti. Kanaaf, isaan kutaa gola kan biraa “tuuta xinnoo” warra Mootummicha dhaalan irraa adda taʼee taʼuu qabu. Hoolonni gola ykn karra lamaan keessatti argaman abdii gara garaa qabu. Taʼus hoolonni gola lamaanuu keessatti argaman gaʼee Yesuus qabu irraa ni fayyadamu. Yesuus, “Lubbuu koo dabarsee nan kenna; Abbaan kan na jaallatus kanaafi” jedheera.—Yohaannis 10:17.

Namoota sana keessaa hedduun isaanii, “Jinniitu isa keessa jira; inni maraateera” isaan jedhan. Warri kaan garuu fedhii guddaadhaan isa dhaggeeffataniiru; Tiksee Gaarii kana duukaa buʼuu akka barbaadanis argisiisaniiru. “Namni jinniin keessa jiru wantoota akkanaa hin dubbatu. Jinniin ija namoota qaro dhabeeyyii banuu ni dandaʼaa?” jedhan. (Yohaannis 10:20, 21) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, waaʼee nama qaro dhabeessa taʼee dhalatee fi Yesuus kanaan dura fayyisee dubbachaa jiru.