Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 81

Yesuusii fi Abbaan Tokko Kan Taʼan Karaa Kamiini?

Yesuusii fi Abbaan Tokko Kan Taʼan Karaa Kamiini?

YOHAANNIS 10:22-42

  • “ANII FI ABBAAN TOKKO DHA”

  • YESUUS WAAQA OF GOOTEETTA JECHUUDHAAN MORMII ISA IRRATTI KAʼE FASHALEESSE

Yesuus Ayyaana Haareffama Mana Qulqullummaatiif (ykn Hanuukaatiif) gara Yerusaalem dhufe. Ayyaana kana kan kabajan yeroo itti manni qulqullummaa haareffame ykn deebiʼee Yihowaadhaaf itti murteeffame yaadachuufi dha. Jaarraa tokko dura, mootiin Sooriyaa Antaayikas 4 ffaan iddoo aarsaa guddicha mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiru irratti iddoo aarsaa kan biraa ijaare. Yeroo booda, ilmaan luba Yihudii tokkoo Yerusaalemiin qabatanii, mana qulqullummaa sana deebisanii Yihowaadhaaf murteessan. Yeroo sanaa jalqabee, waggaa waggaatti Kiisluu 25 ayyaanni kun ni kabajama; jiʼi kun waqtiin isaa yeroo gara dhuma jiʼa Sadaasaatii jalqabee hanga gara jalqaba jiʼa Muddeetti jiruu wajjin tokko dha.

Waqtiin isaa yeroo qorraa ti. Yesuus mana qulqullummaa Solomoon keessa, daandii isa gardaafoo qabu irra deemaa jira. Asitti Yihudoonni isatti marsanii, “Hanga yoomiitti qalbii nu rarraasta? Ati Kiristoos yoo taate ifatti nutti himi” jedhaniin. (Yohaannis 10:22-24) Yesuus haala akkamiitiin isaaniif deebisa laata? “Ani isinitti himeera, isin garuu hin amantan” isaaniin jedhe. Yesuus boolla bishaanii biratti dubartii Samaariyaa tokkotti akka hime, Masiihicha akka taʼe kallattiidhaan isaanitti hin himne. (Yohaannis 4:25, 26) Taʼus, “Abrahaam dhalachuu isaa dura ani jiran ture” jechuudhaan eenyummaa isaa isaaniif ibseera.—Yohaannis 8:58.

Yesuus namoonni wanta inni hojjechaa jiru wanta Masiihichi akka hojjetu raajiidhaan dubbatamee wajjin wal bira qabuudhaan Kiristoos taʼuu isaa akka baran barbaada. Darbee darbee, barattoonni inni Masiihicha taʼuu isaa namootatti akka hin dubbanne isaanitti himaa kan ture kanaafi dha. Amma garuu Yihudoota jibba isaaf qaban kanatti fuulleetti dubbate. Akkana jedhe: “Hojiiwwan ani maqaa Abbaa kootiin hojjechaa jiru kun, waaʼee koo dhugaa ni baʼu. Isin garuu . . . hin amantan.”—Yohaannis 10:25, 26.

Namoonni kun inni Kiristoos taʼuu isaa kan hin amanne maaliifi? Yesuus akkana jedhe: “Isin . . . hoolota koo waan hin taaneef hin amantan. Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu, ani isaan beeka, isaanis ana duukaa buʼu. Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna; isaan matumaa hin balleeffaman; eenyu illee harka koo keessaa isaan hin butatu. Wanti Abbaan koo naa kenne wantoota kan biraa hunda irra ni caala.” Achiis, “Anii fi Abbaan tokko dha” jechuudhaan hariiroo inni Abbaa isaa wajjin qabu hammam cimaa akka taʼe isaanitti hime. (Yohaannis 10:26-30) Yesuus lafa irra, Abbaan isaa immoo samii irra waan jiruuf, Abbaan isaa fi inni qaama tokko akka taʼan dubbachuu isaa miti. Kanaa mannaa kaayyoodhaan tokko dha, akkasumas tokkummaa qabu.

Wanti Yesuus dubbate Yihudoota waan aarseef ammas isa ajjeesuuf dhagaa fudhatan. Inni garuu hin sodaanne. “Ani Abbaa biraa hojiiwwan gaggaarii hedduu isinitti argisiiseera. Maarree hojiiwwan kana keessaa isa kamiif dhagaadhaan ana rukuttu?” isaaniin jedhe. Isaanis deebisanii, “Dhagaadhaan kan si rukunnu, hojii gaarii hojjette sanaaf utuu hin taʼin, . . . waaqa of gochuudhaan Waaqayyoon waan arrabsiteefi” jedhan. (Yohaannis 10:31-33) Yesuus waaqa akka taʼe dubbatee hin beeku; maarree mormiin kun kan isa irratti kaʼe maaliifi?

Yesuus humna Yihudoonni Waaqayyo qofatu qaba jedhanii amanan akka qabu dubbachaa jira. Fakkeenyaaf, “hoolota” ilaalchisee, “Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna” jedheera. Kun wanta namoonni gochuu hin dandeenye dha. (Yohaannis 10:28) Yihudoonni kun yaada Yesuus Abbaa isaa irraa aangoo akka argate ifatti dubbateef xiyyeeffannaa kennaa hin jiran.

Yesuus yaada sobaa isa irratti kaasan mormuudhaan akkana jedhe: “Seera keessan keessatti [Faarfannaa 82:6 irratti] ‘Ani “Isin waaqayyolii dha” jedheera’ jedhamee hin barreeffamnee ree? Inni warra dubbiin Waaqayyoo mormu ‘waaqayyolii’ jedhee kan waamu . . . erga taʼee, ‘Ani Ilma Waaqayyoo ti’ waanan isiniin jedheef, isin ana isa Abbaan qulqulleessee fi addunyaatti erge ‘Waaqayyoon arrabsiteetta’ naan jettuu?”—Yohaannis 10:34-36.

Kitaabonni Qulqulluun abbootii firdii haqa jalʼisaniin illee “waaqayyolii” jedhaniiru. Akkas taanaan, Yihudoonni kun Yesuus ‘Ilma Waaqayyoo’ ofiin jechuun isaa dogoggora dha akkamitti jedhu? Yesuus yaada isaan amansiisuu qabu dubbate. Akkana jedhe: “Ani hojii Abbaa koo hin hojjedhu taanaan ana hin amaninaa. Hojii Abbaa koo nan hojjedha yoon taʼe garuu, yoo ana amanuu baattan illee, Abbaan anaa wajjin tokkummaa akka qabuu fi anis Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabu akka beektanii fi beekuu keessan akka itti fuftaniif hojiiwwan sana amanaa.”—Yohaannis 10:37, 38.

Yeroo kanatti Yihudoonni isa qabuuf yaalanis ammas jalaa miliqe. Yerusaalemii baʼee Laga Yordaanos gama naannoo Yohaannis waggaa afur dura cuuphuu itti jalqabe dhaqe. Iddoon kun bakka kallattii kibbaatiin Galaanni Galiilaa itti dhumutti dhihoo taʼuu hin oolu.

Namoonni hedduun gara Yesuus dhufanii, “Yohaannis dinqii tokko illee hin hojjenne; wanti Yohaannis waaʼee namicha kanaa dubbate hundi garuu dhugaa dha” jedhan. (Yohaannis 10:41) Kanaaf, Yihudoonni hedduun Yesuusitti amanan.