Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 84

Barataa Taʼuun Hammam Ulfaataa Dha?

Barataa Taʼuun Hammam Ulfaataa Dha?

LUQAAS 14:25-35

  • AARSAA BARATAA TAʼUUN NAMA KAFFALCHIISU

Yesuus mana geggeessaa Fariisotaa tokkotti nyaata afeeramee yeroo ture barumsa barbaachisa barsiiseera. Adeemsa gara Yerusaalemitti godhu yeroo itti fufe namoonni hedduun isaa wajjin deeman. Maaliif? Aarsaa kan isaan kaffalchiisu yoo taʼe iyyuu, duuka buutota isaa warra dhugaa taʼuu barbaadanii tii?

Utuu deemaa jiranii Yesuus wanta isaan naasisu isaanitti dubbate. Akkana jedhe: “Namni gara koo dhufu hundi, abbaa isaa fi haadha isaa, haadha manaa isaa fi ijoollee isaa, obboloota isaa fi obboleettota isaa, akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbu taanaan barataa koo taʼuu hin dandaʼu.” (Luqaas 14:26) Yeroo akkana jedhu maal jechuu isaa ti?

Yesuus warri isa duukaa buʼan hundi firoota isaanii jibbuu qabu jechuu isaa miti. Kanaa mannaa, firoota isaanii kan jibban Yesuusii gaditti isaan jaallachuudhaan, akkasumas akka namicha fakkeenya afeerrii irbaataa irratti ibsamee fi gaaʼela waan godhateef afeerraa iddoo guddaa qabu fudhachuu didee taʼu dhiisuudhaani dha. (Luqaas 14:20) Akaakilii warra Yihudii kan taʼe Yaaqoob, Liyaa obboleettii ishii Raahelii gaditti waan jaallateef, Liyaa akka ‘jibbetti’ ibsameera.—Uumama 29:31, hiika bara 1899.

Yesuus barataan tokko jireenya ykn “lubbuu isaa illee” jibbuu akka qabu dubbachuu isaa qalbeeffadhu. Kana jechuun, barataan dhugaa barbaachisaa taanaan lubbuu isaa illee dabarsee kennuuf fedha qabaachuu fi lubbuu isaa caalaa Yesuusiin jaallachuu qaba jechuu dha. Eeyyee, barataa Kiristoos taʼuun itti gaafatamummaa ulfaataa dha. Utuu sirriitti itti hin yaadin akkasumaan wanta itti seenamu miti.

Yesuus, “Namni muka dhiphinaa isaa baatee ana duukaa hin buune hundi barataa koo taʼuu hin dandaʼu” waan jedheef, barataa taʼuun rakkina garaa garaa fi ariʼatama geessisuu dandaʼa. (Luqaas 14:27) Eeyyee, barataan dhugaa tokko tuffiin Yesuus irra gaʼee ture, isa irra yoo gaʼe keessa darbuuf fedha qabaachuu qaba. Yesuus harka diinota isaatti akka ajjeefamu illee dubbateera.

Kanaaf, namoonni Yesuusii wajjin deemaa jiran barataa Kiristoos taʼuun maal akka gaafatu sirriitti irratti yaaduu qabu. Yesuus dhimma kana fakkeenyaan akkana jedhee ibse: “Fakkeenyaaf, isin keessaa namni gamoo ijaaruu barbaaduu fi dura taaʼee qarshii gaʼaa ittiin ijaaree xumuru qabaachuu isaa hin shallagne eenyu? Kun taʼuu baannaan garuu, inni buʼuura isaa erga ijaaree booda gamoo sana xumuruu dadhaba.” (Luqaas 14:28, 29) Kanaaf, namoonni Yesuusii wajjin gara Yerusaalem deemaa jiran kun barattoota Yesuus taʼuu isaanii dura, itti gaafatamummaa isaanitti fidu guutummaatti raawwachuuf murteessuu qabu. Yesuus yaada kana fakkeenya gara biraa dubbachuudhaan caalaatti ifa godhe.

Akkana jedhe: “Mootiin loltoota 10,000 qabatee, mootii kan biraa loltoota 20,000 fudhatee isatti dhufu loluu deemu, jalqaba taaʼee moʼuu akka dandaʼuu fi akka hin dandeenye gorsa hin gaafanne eenyu? Moʼuu hin dandaʼu taanaan garuu, mootiin isa waraanuu dhufu utuma fagoo jiruu namoota isatti ergee nagaan akka buʼu kadhata.” Yesuus, barumsa dabarsuu barbaade addeessuuf akkana jedhe: “Haaluma wal fakkaatuun, isin keessaa namni qabeenya isaa hunda hin dhiisne, barataa koo taʼuu hin dandaʼu.”—Luqaas 14:31-33.

Dhugaa dha, Yesuus yaada kana kan dubbate namoota isaa wajjin deemaa jiraniif qofa miti. Warri waaʼee Kiristoos baratan hundi wanta inni dubbachaa jiru hojii irra oolchuuf fedha qabaachuu qabu. Barattoota isaa taʼuu yoo barbaadan, wanta qaban hunda, jechuunis qabeenya isaanii, darbees jireenya isaanii aarsaa gochuuf fedha qabaachuu qabu. Kun dhimma irratti yaadamuu fi irratti kadhatamuu qabu dha.

Yesuus itti fufee, wanta Lallaba Isaa Isa Gaara Irraa irratti barattoonni isaa “soogidda lafaa” akka taʼan dubbachuudhaan caqasee ture irra deebiʼe. (Maatewos 5:13) Yaada kana kan dubbate akkuma soogiddi waa tursu, barattoonni isaas dhiibbaa gaariin isaan namoota irratti godhan namoonni karaa hafuuraas taʼe karaa amalaa akka hin badne akka taasisu ibsuuf taʼuu hin oolu. Yeroo tajaajilli isaa xumuramuuf jedhu kanatti immoo, “Soogiddi gaarii dha. Soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe garuu maaliin miʼeeffamuu dandaʼa?” jedhe. (Luqaas 14:34) Dhaggeeffattoonni isaa soogiddi yeroo sanatti ture tokko tokko qulqulluu kan hin taanee fi wantoonni biyyoo keessa jiran garaa garaa kan itti makaman waan taʼeef baayʼee kan hin fayyadne taʼuu isaa beeku.

Kanaaf, Yesuus warri yeroo dheeraadhaaf barattoota isaa turan illee ejjennoon isaanii akka hin laafne gochuu akka qaban hubachiisaa jira. Haalli akkanaa isaan mudannaan, isaanis akkuma soogidda miʼaa isaa dhabee faayidaa kan hin qabne taʼu. Sana booda, addunyaan isaanitti gaʼisuu dandaʼa. Kana caalaa immoo, Waaqayyo duratti fudhatama kan hin qabne taʼu; maqaa isaa illee arrabsiisuu dandaʼu. Yesuus, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu” jechuudhaan, haalli akkasii akka nu irra hin geenye gochuun hammam barbaachisaa akka taʼe addeesse.—Luqaas 14:35.