Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA- 85

Cubbamaan Yeroo Yaada Geddaratu Gammaduu

Cubbamaan Yeroo Yaada Geddaratu Gammaduu

LUQAAS 15:1-10

  • FAKKEENYA HOOLAA FI SAANTIMA BADEE

  • MALEEKONNI SAMII NI GAMMADU

Yesuus tajaajila isaa irratti yeroo garaa garaa gad of qabuun barbaachisaa akka taʼe irra deddeebiʼee ibseera. (Luqaas 14:8-11) Dhiirotaa fi dubartoota gad of qabuudhaan Waaqayyoon tajaajilan argachuuf fedha guddaa qaba. Namoonni kun tarii cubbamoota beekamoo taʼuu dandaʼu.

Fariisonnii fi barsiisonni seeraa, namoonni isaan gatii akka hin qabnetti ilaalan akkasii Yesuusii fi ergaa isaa akka fudhatan hubatan. Kanaaf, “Namichi kun cubbamoota ni simata; isaanii wajjinis ni nyaata” jedhanii gunguman. (Luqaas 15:2) Fariisonnii fi barsiisonni seeraa namoota kaan akka caalan, kaan hafee akka awwaara miilla isaanii jala jiruutti ilaalu. Geggeessitoonni tuffii namoota akkasiitiif qaban argisiisuuf, afaan Ibrootaa amhaareetis jedhutti kan fayyadaman siʼa taʼu, hiikni isaa ‘namoota lafaa’ jechuu dha.

Yesuus garuu namoota hunda kabaja, gaarummaa fi gara laafinaan qaba. Kanaaf, warra cubbuu hojjechuudhaan beekaman dabalatee namoonni iddoo guddaan hin kennamneef hedduun Yesuusiin dhaggeeffachuu baayʼee barbaadu. Haa taʼu malee, namoota iddoo guddaan hin kennamneef akkasii simachuu isaatti ceephoo isa irratti kaʼaa jiruuf deebii akkamii kenna laata?

Deebiin gaaffii kanaa, yeroo inni fakkeenya garaa namaa tuquu fi Qifirnaahomitti dubbatee ture irra deebiʼee dubbatetti ifa taʼe. (Maatewos 18:12-14) Yesuus Fariisota akka waan qajeelota taʼanii fi harka Waaqayyoo keessa jiraniitti ibse. Warra iddoo guddaan hin kennamneef immoo, warra karaa irraa maqanii fi warra badan akka taʼanitti ibse.

Akkana jedhe: “Isin keessaa namni hoolota 100 qabu hoolaan tokko yoo jalaa badde, hoolota 99 sana lafa onaa keessatti dhiisee ishii jalaa badde sana hamma argatutti kan hin barbaadne jiraa? Yeroo ishii argatus, gammadee gatiittii isaa irratti ishii baata. Yommuu mana gaʼus, michoota isaa fi ollaawwan isaa walitti waamee, ‘Hoolaa koo ishii ana jalaa badde waanan argadheef, anaa wajjin gammadaa’ isaaniin jedha.”—Luqaas 15:4-6.

Yesuus fakkeenya kana akkamitti ibse? Akkana jedhe: “Ani isiniin nan jedha, haaluma wal fakkaatuun namoota qajeeloo 99 yaada geddarachuun isaan hin barbaachisne caalaa, cubbamaa yaada geddarate tokkotti samii irratti gammachuu guddaan ni taʼa.”—Luqaas 15:7.

Yesuus waaʼee yaada geddarachuu dubbachuun isaa Fariisota aarsee taʼuu qaba. Qajeeloota akka taʼanitti waan of ilaalaniif yaada geddarachuun akka isaan barbaachisu isaanitti hin dhagaʼamu. Isaan keessaa tokko tokko waggaa lama dura warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaachuu isaatti yeroo isa ceephaʼan, Yesuus, “Ani namoota qajeeloo utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe” isaaniin jedhee ture. (Maarqos 2:15-17) Fariisonni qajeeloo akka taʼanitti of ilaalan kun yaada geddarachuun akka isaan barbaachisu waan hin hubanneef, samii irratti gammachuun akka taʼu hin godhan. Cubbamoonni yaada yeroo geddaratan garuu faallaa kanaatu taʼa.

Yesuus yaada dabarsuu barbaade, jechuunis cubbamoonni badanii turan yeroo deebiʼan samii keessatti gammachuu guddaan akka taʼu ibsuuf fakkeenya mana keessatti mudachuu dandaʼu tokkotti fayyadame. Akkana jedhe: “Dubartiin saantima diraakmaa kudhan qabdu diraakmaan tokko yoo jalaa bade, ibsaa qabsiistee, akkasumas mana ishii hartee hamma argattutti of eeggannoodhaan hin barbaadne eenyu? Yommuu argattus, michoota ishii fi ollaawwan ishii walitti waamtee, ‘Ani saantima diraakmaa koo isa na jalaa bade waanan argadheef, anaa wajjin gammadaa’ jetti.”—Luqaas 15:8, 9.

Ibsi Yesuus fakkeenya kana erga dubbatee booda kenne, ibsa waaʼee hoolaa baddee fakkeenya erga dubbatee booda kennee wajjin wal fakkaata. “Haaluma wal fakkaatuun, ani isinitti nan hima, cubbamaa yaada geddaratu tokkotti maleekota Waaqayyoo gidduutti gammachuun ni taʼa” jedhe.—Luqaas 15:10.

Mee yaadi, maleekonni Waaqayyoo cubbamaan badee ture akka deebiʼu fedhii guddaa qabu! Cubbamoonni yaada geddaratanii Mootummaa Waaqayyoo isa samii keessatti iddoo argatan, iddoo maleekonni qaban irra iyyuu caalu waan argataniif, kun taʼuun isaa baayʼee nama dinqisiisa! (1 Qorontos 6:2, 3) Taʼus, maleekonni isaanitti hin hinaafan. Nuti hoo cubbamaan tokko guutummaatti yaada geddaratee gara Waaqayyootii yeroo deebiʼu maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?