Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 89

Gara Yihudaa Utuu Deemuu Peeriyaatti Barsiise

Gara Yihudaa Utuu Deemuu Peeriyaatti Barsiise

LUQAAS 17:1-10 YOHAANNIS 11:1-16

  • NAMA GUFACHIISUUN HAMMAM ULFAATAA DHA?

  • DHIIFAMA GOCHUU FI AMANTII ARGISIISUU

Yesuus yeroo murtaaʼeef Peeriyaa ishii ‘Yordaanos gamatti’ argamtu keessa ture. (Yohaannis 10:40) Amma kallattii kibbaatiin gara Yerusaalem deemuuf jedha.

Yesuus kophaa isaa miti. Barattoonni isaa, akkasumas warra qaraxa sassaabanii fi cubbamoota dabalatee “namoonni hedduun” isaa wajjin deemaa jiru. (Luqaas 14:25; 15:1) Fariisonnii fi barsiisonni seeraa wanta Yesuus dubbachaa fi gochaa jiru ceephaʼanis isaa wajjin jiru. Fakkeenya Yesuus waaʼee hoolaa baddee, ilma badee, akkasumas waaʼee namicha sooressaa fi Alaazaar dubbate erga dhagaʼanii booda, wanta baayʼee akka yaadan beekamaa dha.—Luqaas 15:2; 16:14.

Yesuus, ceephoonii fi qoosaan mormitoota isaa sammuu isaa keessaa hin badne taʼa; taʼus xiyyeeffannaa isaa gara barattootaatti deebise. Wantoota kanaan dura Galiilaatti barsiise keessaa yaadawwan muraasa irra deebiʼe.

Akkana jedhe: “Wanti namoonni akka gufatan godhu dhufuun isaa hin oolu. Nama karaa isaa wanti nama gufachiisu sun dhufu sanaaf garuu wayyoo! . . . Of eeggadhaa. Obboleessi kee cubbuu yoo hojjete isa akeekkachiisi, yoo yaada geddarates dhiifama isaaf godhi. Inni guyyaa tokkotti siʼa torba yoo cubbuu si irratti hojjetee fi siʼa torbanuu deddeebiʼee gara kee dhufee, ‘Yaada geddaradheera’ yoo siin jedhe, dhiifama gochuufii qabda.” (Luqaas 17:1-4) Yaadni dhumaa kun, gaaffii Pheexiros siʼa torba dhiifama gochuu ilaalchisee Yesuusiin gaafatee ture Pheexirosiin yaadachiisee taʼuu dandaʼa.—Maatewos 18:21.

Barattoonni, wanta Yesuus dubbate hojii irra oolchuu ni dandaʼuu laata? “Amantii keenya nuu guddisi” jedhanii yeroo isa gaafatanitti, Yesuus, “Amantii hanga firii sanaaficaa geessu yoo qabaattan, muka guddaa kanaan, ‘Asii buqqaʼii galaana keessa dhaabami!’ jettu; innis isiniif ni ajajama” jechuudhaan isaan jajjabeesse. (Luqaas 17:5, 6) Eeyyee, amantiin xinnoon illee wantoota guguddaa raawwachuu dandaʼa.

Yesuus itti aansee, yaada armaan gadii ergamootatti himuudhaan gad of qabuu fi ilaalcha sirrii ofiif qabaachuun barbaachisaa taʼuu isaa ibse. Akkana jedhe: “Isin keessaa namni garbicha isaaf qotu yookiin isaaf tiksu qabu tokko, yommuu inni bakka hojiitii galu, ‘Dafii as kottu, taaʼii nyaadhu’ isaan jedhu eenyu? Kanaa mannaa, ‘Irbaata naa qopheessi, hamma ani nyaadhee dhugee fixuttis marxifadhuu na tajaajili, achiis nyaachuu fi dhuguu dandeessa’ isaan hin jedhuu? Garbichi sun hojii isaaf kenname waan hojjeteef gooftaan isaa isa galateeffataa? Haaluma wal fakkaatuun, isinis hojii isiniif kenname hunda yommuu hojjettan, ‘Nuti garboota gatii hin qabne dha. Wanti hojjenne, wanta hojjechuu qabnu dha’ jedhaa.”—Luqaas 17:7-10.

Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi fedha Waaqayyootiif dursa kennuun barbaachisaa taʼuu isaa hubachuu qabu. Miseensa maatii isaa taʼuudhaan isa waaqeffachuunis mirga akka taʼe yaadachuu qabu.

Kana booda baayʼee utuu hin turin taʼuu hin ooluu, namni Maariyaamii fi Maartaan ergan tokko bakka isaan jiran gaʼe. Dubartoonni kun obboleettota Alaazaar siʼa taʼan, Bitaaniyaa ishii Yihudaatti argamtu keessa jiraatu. Namichi ergamee dhufes, “Yaa Gooftaa, kunoo inni ati jaallattu sun dhukkubsateera” jedhe.—Yohaannis 11:1-3.

Yesuus michuun isaa Alaazaar baayʼee akka dhukkubsate kan beeke taʼus, garmalee hin gaddine. Akkana jedhe: “Dhukkubni kun duʼaaf kan isa geessisu miti; kanaa mannaa ulfina Waaqayyoo akka mulʼisuu fi Ilmi Waaqayyoo ittiin ulfina akka argatuufi.” Guyyaa lamaaf bakkuma jiru erga turee booda, barattoota isaatiin, “Kottaa deebinee gara Yihudaa haa dhaqnu” jedhe. Isaaniis, “Rabbii, warri Yihudaa dhiheenya kana dhagaadhaan si rukutuu barbaadanii turan, ati immoo ammas achi dhaquuf jettaa?” jedhanii yaada isaa morman.—Yohaannis 11:4, 7, 8.

Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Guyyaan tokko saʼaatii 12f ifa qaba mitii? Namni ifa guyyaatiin deemu kam iyyuu, ifa addunyaa kanaa waan arguuf, waan tokkotti illee hin gufatu. Namni halkaniin deemu kam iyyuu garuu, ifni isa keessa waan hin jirreef ni gufata.” (Yohaannis 11:9, 10) Yeroon Waaqayyo tajaajila Yesuusiif ramade amma yoonaatti akka hin xumuramne dubbachuu isaa taʼuu hin oolu. Amma yeroon kun xumuramutti, Yesuus yeroo gabaabaa isaaf hafetti guutummaatti itti fayyadamuu barbaada.

Itti fufee, “Michuun keenya Alaazaar rafeera, anis isa dammaqsuuf achi nan dhaqa” jedhe. Barattoonni, Alaazaar boqochaa fi waan itti wayyaaʼu isaanitti fakkaatee taʼu hin ooluu, “Yaa Gooftaa, inni yoo rafeera taʼe ni fayya” jedhan. Yesuusis, “Alaazaar duʼeera . . . Amma garuu gara isaa haa dhaqnu” jedhee ifatti isaanitti hime.—Yohaannis 11:11-15.

Toomaas, Yesuus Yihudaatti ajjeefamuu akka dandaʼu kan beeku taʼus, isa deggeruu waan barbaadeef barattoota kaaniin, “Isaa wajjin akka duunuuf kottaa nutis haa dhaqnu” jedhe.—Yohaannis 11:16.