Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 90

‘Duʼaa Kaʼuu fi Jireenya’

‘Duʼaa Kaʼuu fi Jireenya’

YOHAANNIS 11:17-37

  • YESUUS ERGA ALAAZAAR DUʼEE BOODA DHUFE

  • ‘DUʼAA KAʼUU FI JIREENYA’

Yesuus Peeriyaadhaa kaʼee naannoo baadiyyaa Bitaaniyaa, ganda kallattii bahaatiin Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaattu gaʼe. Maariyaamii fi Maartaan obboleessi isaanii Alaazaar duʼuu isaatti gaddaa jiru. Namoonni hedduunis isaan jajjabeessuuf dhufaniiru.

Namni tokko Yesuus dhufaa akka jiru Maartaatti himnaan isa arguuf ariitiidhaan gara isaa deemte. Maartaan wanta tarii ishii fi obboleettiin ishii guyyaa afuriif yaadaa turan Yesuusitti himte. “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” jetteen. Garuu abdii akka hin qabne dubbachuu ishii miti. Itti fuftee, “Ati wanta barbaadde Waaqayyoon yoo gaafatte, Waaqayyo akka siif kennu ani beeka” jette. (Yohaannis 11:21, 22) Yesuus amma iyyuu obboleessa ishii gargaaruu akka dandaʼu ishiitti dhagaʼameera.

Yesuusis, “Obboleessi kee ni kaʼa” ishiidhaan jedhe. Maartaan kan inni dubbate, waaʼee abdii duʼaa kaʼuu isa gara fuulduraa lafa irratti taʼu, abdii Abrahaamii fi namoonni kaan qaban akka taʼe yaadde. Abdiin kun akka raawwatamu amantii akka qabdus, “Guyyaa dhumaa yeroo duʼaa kaʼuutti akka inni kaʼu beeka” jettee dubbatte.—Yohaannis 11:23, 24.

Yesuus yeroo kanatti hatattamaan furmaata isaaniif ni kennaa laata? Waaqayyo duʼa irratti humna akka isaaf kenne akkana jechuudhaan Maartaa yaadachiise: “Namni anatti amanu yoo duʼe illee deebiʼee ni jiraata; lubbuudhaan kan jiruu fi anatti kan amanu hundis matumaa hin duʼu.”—Yohaannis 11:25, 26.

Yesuus barattoonni isaa yeroo kanatti jiran akka hin duune dubbachaa hin jiru. Akkuma kanaan dura ergamoota isaatti hime, innumti iyyuu duʼuu qaba. (Maatewos 16:21; 17:22, 23) Yesuus isa irratti amantii qabaachuun jireenya bara baraatti akka nama geessu ibsaa jira. Namoonni hedduun jireenya kana kan argatan, duʼaa kaʼaanii ti. Namoonni amanamoon dhuma sirna kanaatti lubbuudhaan jiraatan garuu matumaa utuu hin duʼin darbuu dandaʼu. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, namni isatti amanu duʼee akka hin hafne mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa.

Yesuus inni, “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana” jedhe, Alaazaar isa erga duʼee guyyaa afur taʼe gargaaruu ni dandaʼaa laata? Yesuus, “Kana ni amantaa ree?” jedhee Maartaa gaafate. Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, ati Kiristoos, Ilma Waaqayyoo isa gara addunyaa dhufu sana akka taate nan amana” jette. Yesuus guyyuma sana wanta tokko gochuu akka dandaʼu amantii akka qabdu haala argisiisuun, ariitiidhaan gara obboleettii ishii dhaqxee, kophaatti, “Barsiisaan dhufeera, si waamaa jira” jetteen. (Yohaannis 11:25-28) Yeroo kanatti, Maariyaam manaa gad baate; namoonni kaanis gara awwaala Alaazaar waan deemtu isaanitti fakkaatee ishii duukaa buʼan.

Maariyaam garuu gara Yesuus dhaqxee booʼaa miilla isaa irratti kuftee, “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” jechuudhaan yaada obboleettii ishii irra deebite. Yesuus Maariyaamii fi namoonni kaan yeroo booʼan yommuu argu, baayʼee gaddee, jeeqamees imimmaan isaa dhangalaase. Kun miira namoota ilaalaa jiranii tuqe. Namoonni tokko tokko garuu, ‘Yesuus, nama qaro dhabeessa ture sana erga fayyisee, namni kun akka hin duune gochuu hin dandaʼu turee?’ jedhan.—Yohaannis 11:32, 37.