Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 92

Namichi Dhukkuba Nadaayiitiin Qabame Galata Qabeessa Taʼuu Isaa Argisiise

Namichi Dhukkuba Nadaayiitiin Qabame Galata Qabeessa Taʼuu Isaa Argisiise

LUQAAS 17:11-19

  • YESUUS NAMOOTA DHUKKUBA NADAAYIITIIN QABAMAN KUDHAN FAYYISE

Yesuus gara magaalaa Efreem ishii naannoo kaaba baha Yerusaalemitti argamtu deeme; kunis karoora miseensonni Saanhedriin isa ajjeesuuf baafatan jalaa fashaleesse. Diinota isaa irraa fagaatee barattootaa wajjin bakka kana ture. (Yohaannis 11:54) Haa taʼu malee, Faasikaan Dh.K.B. bara 33 tti kabajamu waan dhihaateef, ammas deemsa isaa itti fufa. Kallattii kaabaatiin Samaariyaa qaxxaamuree gara Galiilaa deema; duʼa isaa dura bakka kana kan dhaqu yeroo xumuraatiifi dha.

Akkuma karaa jalqabeen ganda tokkoo gara isa biraa utuu deemuu namoonni dhukkuba nadaayiitiin ykn lamxiitiin qabaman kudhan isatti dhufan. Gosni dhukkuba kanaa tokko tokko suuta suuta quba harkaa, quba miillaa fi gurra miidha. (Lakkoobsa 12:10-12) Seerri Waaqayyoo namni dhukkuba kanaan qabame, “Ani xuraaʼaa dha! Ani xuraaʼaa dha!” jedhee akka iyyuu fi namoota irraa akka adda baʼu ajaja.—Lewwoota 13:45, 46.

Kanaaf, namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman kurnan Yesuus irraa fagaatanii dhaabatan. Taʼus, sagalee isaanii ol fuudhanii, “Yaa Yesuus Barsiisaa, garaa nuu laafi!” jedhan. Yesuus yommuu isaan argu, “Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa” isaaniin jedhe. (Luqaas 17:13, 14) Akkas gochuudhaan, Seera Waaqayyoo isa namoonni dhukkuba nadaayii irraa yommuu fayyan fayyuu isaanii labsuu kan qaban luboota akka taʼan dubbatuuf kabaja akka qabu argisiise. Namoonni akkasii sana booda warra kaanii wajjin jiraachuu dandaʼu.—Lewwoota 13:9-17.

Namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman kurnan Yesuus dinqii hojjechuuf humna akka qabu ni amanu. Fayyifamuu isaanii dura gara lubootaa deemuu jalqaban. Karaa irra utuu jiranii, amantii isaan Yesuus irratti qaban badhaasa isaaniif argamsiise. Dhukkuba isaanii irraa akka fayyan isaanitti dhagaʼame; fayyuu isaaniis arguu jalqaban!

Isaan keessaa sagal karaa isaanii itti fufan. Inni tokko garuu akkas hin goone. Namichi kun nama Samaariyaa siʼa taʼu, Yesuusiin argachuuf deebiʼe. Maaliif? Wanta inni isaaf godheef isa galateeffachuu waan barbadeefi dha. Fayyaan isaa akka deebiʼuuf kan godhe Waaqayyo akka taʼe waan hubateef, ‘sagalee guddaadhaan Waaqayyoon galateeffate.’ (Luqaas 17:15) Yesuusiin yeroo argus, isa duratti kufee isa galateeffate.

Yesuus namoota naannoo isaa jiraniin akkana jedhe: “Namoonni fayyan kudhan hin turree? Maarree warri kaan salgan eessa buʼan? Nama lammii biyya kan biraa kana malee, namni Waaqayyoon galateeffachuuf deebiʼe tokko illee hin jiruu?” Achiis nama Samaariyaa sanaan, “Kaʼiitii deemi; amantiin kee si fayyiseera” jedheen.—Luqaas 17:17-19.

Yesuus namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman kurnan fayyisuudhaan Yihowaan isa gargaaraa akka jiru argisiiseera. Kurnan isaanii keessaa inni tokko fayyifamuu qofa utuu hin taʼin, daandii jireenyatti geessus argachuu hin oolu. Yeroo ammaatti Waaqayyo Yesuusitti fayyadamee haala akkasiitiin namoota hin fayyisu. Taʼus, Yesuusitti yoo amanne daandii jireenyatti, jechuunis jireenya bara baraatti geessu argachuu dandeenya. Nuti hoo, akka namicha Samaariyaa galata qabeeyyii taʼuu keenya ni argisiisnaa?