Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 99

Yesuus Qaro Dhabeeyyii Fayyise, Akkasumas Zakkewoosiin Gargaare

Yesuus Qaro Dhabeeyyii Fayyise, Akkasumas Zakkewoosiin Gargaare

MAATEWOS 20:29-34 MAARQOS 10:46-52 LUQAAS 18:35–19:10

  • YESUUS YERIKOOTTI QARO DHABEEYYII FAYYISE

  • ZAKKEWOOS INNI QARAXA SASSAABU YAADA GEDDARATE

Yesuusii fi namoonni isaa wajjin deemaa jiran Yerikoo ishii Yerusaalem irraa deemsa guyyaa tokkoo fagaattu gaʼan. Magaalaan Yerikoo lama kan jiran siʼa taʼu, magaalaan ishiin durii ishii haaraa bara warra Roomaatti ijaaramte irraa gara kiiloo meetira 1.6 fagaatti. Yesuusii fi namoonni isaa wajjin jiran magaalaawwan kana keessaa ishii tokko keessaa baʼanii ishii tokkotti yeroo dhihaatan, qaro dhabeeyyii kadhattuu taʼan lama waca dhagaʼan. Isaan keessaa inni tokko Barxemewoos jedhama.

Barxemewoosii fi namichi isaa wajjin jiru Yesuus achiin darbaa akka jiru dhagaʼanii, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit garaa nuu laafi!” jedhanii iyyan. (Maatewos 20:30) Namoonni Yesuusii wajjin jiran akka isaan callisan cimsanii isaanitti himan; isaan garuu ittuma caalchisanii iyyan. Yesuus waca uumame yeroo dhagaʼu ni dhaabate. Warra iyyaa jiran gara isaatti akka fidan namoota isa bira jiranitti hime. Isaanis gara kadhattoota kanaa deemanii isa tokkoon, “Jabaadhu! Kaʼi; inni si waamaa jira” jedhan. (Maarqos 10:49) Innis gammachuudhaan uffata isaa of irraa darbatee, utaalee kaʼee gara Yesuus dhufe.

Yesuus, “Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?” jedhee gaafate. Qaro dhabeeyyiin lamaanis, “Yaa Gooftaa ija keenya nuu bani” jedhan. (Maatewos 20:32, 33) Yesuusis isaaniif gaddee ija isaanii qaqqabee, keessumaa isa tokkoon, “Dhaqi. Amantiin kee si fayyiseera” jedhe. (Maarqos 10:52) Kadhattoonni qaro dhabeeyyiin kun lamaan agartuun isaanii isaaniif deebiʼe; yeroo kanatti, lamaan isaanii iyyuu Waaqayyoon galateeffachuu akka jalqaban hin shakkisiisu. Namoonnis wanta taʼe yeroo argan Waaqayyoon jajatan. Namoonni qaro dhabeeyyii turan kun Yesuus duukaa buʼuu jalqaban.

Yesuus Yerikoo keessa darbaa kan jiru siʼa taʼu, namoonni hedduun isatti marsaniiru. Hundi isaanii isa ija namoota qaro dhabeeyyii turan kanaa fayyise arguu barbaadu. Namoonni kallattii hundaan Yesuusiin dhiibaa waan jiraniif, tokko tokko xinnuma illee isa arguu hin dandeenye. Isaan keessaa tokko Zakkewoosi dha. Inni geggeessaa namoota qaraxa sassaabanii fi Yerikoo fi naannoo ishiitti argamanii ti. Gabaabaa waan taʼeefis, wanta taʼaa jiru arguu hin dandeenye. Kanaaf, Zakkewoos dursee fiigee karaa Yesuus irra darbaa jiru irra muka harbuu yaabbate. Erga mukicha yaabbatee booda wanta hunda sirriitti arguu dandaʼe. Yesuus bakka sana gaʼee, Zakkewoosiin mukicha irratti yommuu argu, “Zakkewoos, ani harʼa mana kee waanan ooluuf dafii gad buʼi” jedheen. (Luqaas 19:5) Zakkewoos keessummaa kabajamaa taʼe kana simachuuf mukicha irraa buʼee ariitiidhaan gara mana isaa deeme.

Namoonni wanta taʼaa jiru yommuu argan gungumuu jalqaban. Yesuus keessummaa taʼee gara mana namicha isaan akka cubbamaatti ilaalan kanaa dhaquun isaa dogoggora akka taʼe isaanitti dhagaʼame. Zakkewoos sooressa kan taʼe yeroo qaraxa sassaabu qarshii saamuudhaani dha.

Yesuus mana Zakkewoos yommuu seenu, namoonni “Inni keessummaa taʼee gara mana cubbamaa kanaa adeeme” jedhanii gunguman. Yesuus garuu Zakkewoos yaada geddarachuu akka dandaʼu hubatee ture. Kanaaf Yesuus hin mufanne. Zakkewoos kaʼee dhaabatee akkana isaan jedhe: “Yaa Gooftaa kunoo, qabeenya koo keessaa walakkaa isaa hiyyeeyyiidhaaf nan kenna; ani eenyu irraa iyyuu saamee kanan fudhadhe hundumaas dachaa afur godhee nan deebisa.”—Luqaas 19:7, 8.

Zakkewoos yaada kan geddarate garaadhaa taʼuu isaa akka gaariitti ibse! Galmee qaraxa ittiin sassaabu irraa Yihudoota garaa garaa irraa hammam fudhatee akka ture herreguu kan dandaʼu siʼa taʼu, dachaa afur godhee deebisuuf waadaa gale. Kun wanta seerri Waaqayyoo ajaju irra illee ni caala. (Baʼuu 22:1; Lewwoota 6:2-5) Kana malees, Zakkewoos walakkaa qabeenya isaa hiyyeessotaaf kennuuf waadaa gale.

Yesuus ragaa Zakkewoos yaada akka geddarate argisiisu kanatti waan gammadeef, akkana isaan jedhe: “Innis ilma Abrahaam waan taʼeef, harʼa mana kanaaf fayyinni dhufeera. Sababiin isaas Ilmi namaa kan bade barbaaduuf, akkasumas fayyisuuf dhufeera.”—Luqaas 19:9, 10.

Guyyoota muraasa dura Yesuus fakkeenya waaʼee ilma badee ibsu dubbachuudhaan, haala namoota ‘badanii’ irratti xiyyeeffatee ture. (Luqaas 15:11-24) Amma nama badee turee fi deebiʼee argame ilaalchisee seenaa dhugaa fakkeenya taʼu argate. Geggeessitoonni amantii fi duuka buutonni isaanii, Yesuus namoota akka Zakkewoosiif xiyyeeffannaa kennuu isaatti isatti gungumuu fi isa ceephaʼuu dandaʼu. Taʼus, Yesuus ilmaan Abrahaam warra badan barbaaduu fi akka deebiʼan gargaaruu isaa itti fufe.