Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 101

Afeerraa Bitaaniyaatti Mana Simoonitti Qophaaʼe

Afeerraa Bitaaniyaatti Mana Simoonitti Qophaaʼe

MAATEWOS 26:6-13 MAARQOS 14:3-9 YOHAANNIS 11:55–12:11

  • YESUUS BITAANIYAA ISHII YERUSAALEMITTI DHIHOO JIRTUTTI DEEBIʼE

  • MAARIYAAM ZAYITII URGAAʼU YESUUS IRRATTI DHANGALAASTE

Yesuus Yerikoodhaa baʼee gara Bitaaniyaa dhaqaa jira. Deemsi kun taaʼumsa lafaa mijataa hin taane irra gara kiiloo meetira 20 deemuu gaafata. Yerikoon qixa galaanaa gad gara meetira 250 irratti kan argamtu siʼa taʼu, Bitaaniyaan immoo qixa galaanaa ol gara meetira 610 irratti argamti. Alaazaarii fi obboleettonni isaa lamaan Bitaaniyaa ishii ganda xinnoo taatee fi Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaattee kallattii bahaatiin Gaara Ejersaa irratti argamtu keessa jiraatu.

Yihudoonni Ayyaana Faasikaatiif dhufan hedduun Yerusaalemiin gaʼaniiru. Reeffatti buʼanii ykn wanta isaan xureessu kan biraa raawwatanii taʼuu waan dandaʼuuf, “akka sirna amantiitti of qulqulleessuuf” ayyaanichi gaʼuu isaa dura dhufan. (Yohaannis 11:55; Lakkoobsa 9:6-10) Namoota dursanii dhufan kana keessaa tokko tokko mana qulqullummaatti walitti qabaman. Yesuus Ayyaana Faasikaatiif kan dhufu taʼuu fi dhiisuu isaa wal gaafachuu jalqaban.—Yohaannis 11:56.

Yesuusiin ilaalchisee yaada garaa garaatu jira. Geggeessitoonni amantii tokko tokko qabanii isa ajjeesuu barbaadu. ‘Isa qabuu akka dandaʼanitti’ namni bakka inni jiru beeku kam iyyuu akka isaanitti himu ajajaniiru. (Yohaannis 11:57) Geggeessitoonni kun, Yesuus Alaazaariin erga duʼaa kaasee booda isa ajjeesuuf yaalanii turan. (Yohaannis 11:49-53) Kanaaf, namoonni tokko tokko Yesuus uummata duratti mulʼachuu fi dhiisuu isaa shakkuun isaanii nama hin dinqisiisu.

Yesuus, “Ayyaanni Faasikaa gaʼuu isaa guyyaa jaʼa dura” gaafa Jimaataa Bitaaniyaa gaʼe. (Yohaannis 12:1) Aduun yeroo lixxu guyyaa haaraatu (Sanbata, Niisaan 8) jalqaba. Kanaaf, Yesuus deemsa isaa Sanbanni gaʼuu isaa dura xumure. Seerri Yihudootaa guyyaa kanatti karaa deemuu waan dhowwuuf, Yerikoodhaa guyyaa Sanbataatti (Jimaata aduun yommuu lixxuu jalqabee Sanbadduraa hanga aduun lixxutti) karaa deemuu hin dandaʼu ture. Yesuus akkuma kanaan dura godhe, mana Alaazaar dhaquu hin oolle.

Simoonis Bitaaniyaa kan jiraatu siʼa taʼu, Yesuusiin akkasumas Alaazaariin dabalatee namoota isaa wajjin jiran Sanbadduraa galgala nyaata afeere. Simoon “isa dhukkuba nadaayiitiin qabamee ture” kan jedhame, tarii kanaan dura dhukkuba kanaan qabamee Yesuus yeroo taʼe tokko waan isa fayyiseef taʼuu dandaʼa. Maartaan akkuma amala ishii keessummoota tajaajilaa jirti. Maariyaam garuu Yesuus irratti kan xiyyeeffatte siʼa taʼu, yeroo kanatti wanti ishiin goote mormii kaase.

Maariyaam qaruuraa albaasxiroos kan bante siʼa taʼu, qaruuraan ykn bilqaaxxiin kun ‘zayitii urgaaʼu, naardosii qulqulluu irraa qophaaʼee fi gara liitirii walakkaa’ taʼu baata. (Yohaannis 12:3) Zayitiin kun gatii guddaa (dinaaree 300) kan baasu siʼa taʼu, gatiin isaa miindaa gara waggaa tokkoo wajjin qixxee taʼa! Maariyaam zayiticha mataa fi miilla Yesuus irratti erga dhangalaastee booda, rifeensa ishiitiin irraa haxoofte. Urgaan isaas manicha guute.

Barattoonni isaa aaranii, “Zayitiin urgaaʼu kun maaliif lafatti bada?” jedhanii gaafatan. (Maarqos 14:4) Yihudaa Asqorotuunis, “Zayitiin urgaaʼu kun dinaaree 300⁠tti gurguramee hiyyeeyyiidhaaf kan hin kennamne maaliifi?” jedhee morme. (Yohaannis 12:5) Akkas kan jedhe hiyyeessotaaf yaadee miti. Saanduqa qarshii barattootaa harka isaa jiru keessaa qarshii hatuu amaleeffateera.

Yesuus Maariyaamiin deggeree akkana jedhe: “Dubartii kana maaliif dhiphistu? Ishiin wanta gaarii anaaf gooteetti. Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin jiru; anaan garuu yeroo hunda na hin argattan. Ishiin zayitii urgaaʼu kana qaama koo irratti dhangalaasuudhaan awwaalaaf na qopheessiteetti. Dhuguman isiniin jedha, guutummaa addunyaa irratti bakka misiraachoon kun lallabamu hundatti, wanti dubartiin kun gootes yaadannoo ishiitiif ni dubbatama.”—Maatewos 26:10-13.

Amma Yesuus gara Bitaaniyaa erga dhufee guyyaa tokkoo ol kan taʼe siʼa taʼu, oduun dhufaatii isaas ni babalʼate. Yihudoonni hedduun Yesuusiin qofa utuu hin taʼin, Alaazaar “isa [Yesuus] duʼaa kaase sanas” ilaaluuf gara mana Simoon dhufan. (Yohaannis 12:9) Dura buutonni lubootaa kun Yesuusii fi Alaazaariin ajjeesuuf mariʼatan. Namoonni kun, Alaazaar duʼaa kaʼuun isaa namoonni hedduun Yesuusitti akka amanan sababa taʼeera jedhanii yaadu. Geggeessitoonni amantii kun baayʼee hamoota dha!