Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 102

Mootichi Ilmoo Harree Irra Taaʼee Yerusaalemiin Seene

Mootichi Ilmoo Harree Irra Taaʼee Yerusaalemiin Seene

MAATEWOS 21:1-11, 14-17 MAARQOS 11:1-11 LUQAAS 19:29-44 YOHAANNIS 12:12-19

  • YESUUS ULFINAAN YERUSAALEMITTI SEENE

  • WAAʼEEN BADIISA YERUSAALEM NI DUBBATAME

Guyyaa itti aanutti, jechuunis Dilbata Niisaan 9, Yesuus barattootaa wajjin Bitaaniyaadhaa kaʼee gara Yerusaalem deemuu jalqabe. Beetafaagee ishii Gaara Ejersaa irratti argamtu yommuu gaʼan, barattoota lamaan akkana jedhe:

“Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; akkuma achi geessaniinis harree hidhamtee jirtu tokko ilmoo ishii wajjin argitu. Isaaniin hiikaatii naa fidaa. Namni yoo isin gaafate, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa. Innis battaluma sanatti isaan erga.”—Maatewos 21:2, 3.

Barattoonni kun qajeelfamni inni isaanii kenne raajii Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal qabatu taʼuu isaa hin hubanne. Yeroo booda garuu raajiin Zakaariyaas akka raawwatame hubataniiru. Zakaariyaas, Mootiin Waaqayyo abdachiise “gad of deebisee, harree yaabbii keessaa ilmoo harree irra taaʼee” gara Yerusaalem akka dhufu raajii dubbatee ture.—Zakaariyaas 9:9.

Barattoonni isaa Beetafaagee dhaqanii ilmoo harree kormaa fi haadha isaa yeroo hiikan, namoonni naannoo sana jiran, “Maal gochuuf ilmoo harree kana hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan. (Maarqos 11:5) Gooftaadhaaf geessuuf akka taʼe yeroo itti himan garuu, akka fudhatan isaanii heyyaman. Barattoonni kun harrettii fi ilmoo ishii irra uffata isaanii kan buusan siʼa taʼu, Yesuus garuu harree isa ilmoo irra yaabbate.

Yesuus Yerusaalemitti dhihaachaa yeroo deemu lakkoofsi namoota walitti qabamanii dabalaa deeme. Namoonni hedduun uffata isaanii karaa irra afan. Kaan immoo “damee mukaa baala lalisaa qabu” kutanii karaa irra afan. Achiis, “Akka isa oolchitu si kadhanna! Inni maqaa Yihowaatiin dhufu eebbifamaa dha! Mootummaan abbaa keenya Daawit inni dhufu eebbifamaa dha!” jedhanii iyyan. (Maarqos 11:8-10) Fariisonni namoota walitti qabaman kana keessa jiran wanti namoonni jedhan kun isaan aarsee, Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa barattoota keetti dheekkami” jedhan. Yesuusis, “Ani isinitti nan hima, isaan kun yoo callisan illee dhagoonni ni iyyu” jedheen.—Luqaas 19:39, 40.

Yesuus Yerusaalemiin yommuu argu booʼeefii akkana jedhe: “Ati, eeyyee atumti guyyaa kanatti wantoota nagaa siif argamsiisan utuu hubattee gaarii ture; amma garuu isaan ija kee duraa dhokfamaniiru.” Yerusaalem taʼe jettee ajajamuu waan diddeef ni adabamti. Yesuus akkana jechuudhaan raajii dubbate: “Guyyaan diinonni kee sitti dhufanii, muka qara qabuun naannoo keetti dallaa ijaaranii, si marsanii fi kallattii hundaan itti si dhiphisan ni dhufa. Sii fi ijoollee kee warra si keessa jiran lafatti dabalu. . . . Isaan si keessatti dhagaa utuu hin jigsin dhagaa irratti hin dhiisan.” (Luqaas 19:42-44) Akkuma Yesuus jedhe, Dh.K.B. bara 70 tti Yerusaalem irra badiisni gaʼeera.

Yesuus Yerusaalemitti yommuu seenu, “guutummaan magaalattii ni raafamte; namoonnis ‘Kun eenyu?’ jedhanii gaafatan.” Namoonni hedduun achi jiranis, “Kun Yesuus raajicha, isa Naazireet biyya Galiilaatii dhufe dha!” jedhan. (Maatewos 21:10, 11) Namoonni namoota walitti qabaman kana keessa jiranii fi Yesuus Alaazaariin duʼaa yeroo kaasu arganii turan waaʼee dinqii sanaa warra kaanitti himan. Fariisonni wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye waan hubataniif abdii kutatan. “Guutummaan addunyaa isa duukaa buʼeera” waliin jedhan.—Yohaannis 12:18, 19.

Yesuus gara Yerusaalem yeroo dhaqu akkuma godhu, barsiisuuf gara mana qulqullummaa deeme. Achitti namoota qaro dhabeeyyii fi naafatan fayyise. Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa wanta inni gochaa jiru yommuu argan, akkasumas ijoolleen mana qulqullummaa keessatti, “Ilma Daawit akka oolchitu si kadhanna!” jedhanii yeroo iyyan yommuu dhagaʼan baayʼee aaran. Geggeessitoonni amantii kun, “Wanta isaan kun jedhan ni dhageessaa?” jedhanii Yesuusiin gaafatan. Innis, “‘Afaan ijoollee fi warra harma hodhan irraa galata argatte’ isa jedhame kana matumaa hin dubbisnee?” jechuudhaan isaaniif deebise.—Maatewos 21:15, 16.

Yesuus wantoota mana qulqullummaa keessa jiran asiif achi ilaale. Waan dhiheef ergamoota isaa wajjin achii deeme. Niisaan 10 jalqabuu isaa dura Bitaaniyaatti kan deebiʼe siʼa taʼu, Dilbata achi bule.