Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 106

Fakkeenya Maasii Wayinii Ilaalchisee Dubbatame Lama

Fakkeenya Maasii Wayinii Ilaalchisee Dubbatame Lama

MAATEWOS 21:28-46 MAARQOS 12:1-12 LUQAAS 20:9-19

  • FAKKEENYA ILMAAN LAMA ILAALCHISEE DUBBATAME

  • FAKKEENYA QONNAAN BULTOOTA MAASII WAYINII ILAALCHISEE DUBBATAME

Yesuus mana qulqullummaa keessatti, dura buutota lubootaa fi maanguddoota sabichaa warra aangoo maaliitiin wantoota kana akka hojjetu isa gaafataniif deebii kennee ture. Deebiin Yesuus isaanii kenne afaan isaan qabsiise. Achiis, fakkeenya namoota akkamii akka taʼan saaxilu tokko dubbate.

Akkana jedhe: “Namichi tokko ijoollee lama qaba ture. Gara ilma isaa isa jalqabaa dhaqee, ‘Ilma ko, harʼa gara maasii wayinii dhaqii hojjedhu’ jedheen. Ilmi isaa kunis, ‘Hin dhaqu’ jedhee deebiseef, booda garuu gaabbee dhaqe. Ilma isaa isa lammataa bira dhaqees akkanuma jedheen. Innis, ‘Nan dhaqa Gooftaa ko’ jedhee deebiseef; garuu utuu hin dhaqin hafe. Lamaan isaanii keessaa fedhii abbaa isaa kan raawwate isa kami?” (Maatewos 21:28-31) Deebiin isaa ifa dha; dhuma irratti fedha abbaa isaa kan raawwate mucaa isa jalqabaa ti.

Kanaaf, Yesuus mormitoota isaatiin akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, warri qaraxa sassaabanii fi gaalamootonni isin dursanii Mootummaa Waaqayyootti galu.” Warri qaraxa sassaabanii fi gaalamootonni jalqaba irratti Waaqayyoon hin tajaajilan turan. Taʼus, akkuma ilma isa jalqabaa yeroo booda yaada geddarachuudhaan Waaqayyoon tajaajilaa jiru. Gama biraatiin geggeessitoonni amantii akka ilma isa lammaffaa ti; Waaqayyoon akka tajaajilan kan dubbatan taʼus, hojiidhaan hin argisiisan. Yesuus akkana jedhe: “Yohaannis [Cuuphaan] daandii qajeelummaa isin barsiisaa dhufe; isin garuu isatti hin amanne. Warri qaraxa sassaabanii fi gaalamootonni garuu isatti amananiiru; isin garuu, kanuma ilaaltanii illee gaabbitanii isatti hin amanne.”—Maatewos 21:31, 32.

Yesuus itti aansee fakkeenya kan biraa dubbate. Yesuus yeroo kanatti wanti geggeessitoonni amantii raawwatan, Waaqayyoon tajaajiluu dhiisuu irra iyyuu kan darbu akka taʼe agarsiise. Namoonni kun hamoota dha. Yesuus akkana jedhe: “Namni tokko wayinii dhaabee naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare; sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe. Yeroon itti firii sassaaban yommuu gaʼus, firii wayinichaa keessaa gaʼaa isaa akka isaaf fiduuf garbicha isaa tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge. Isaan garuu qabanii isa reeban, harka duwwaas isa ariʼan. Ammas garbicha kan biraa isaanitti erge, isaan garuu mataa isaa buruqsan, akkasumas isa salphisan. Ammas garbicha kan biraa erge, isaan garuu isas ni ajjeesan; kan biraa hedduus isaanitti erge, isaan garuu isaan keessaa tokko tokko ni reeban, tokko tokko immoo ni ajjeesan.”—Maarqos 12:1-5.

Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran fakkeenyicha ni hubatuu laata? Wanta Isaayaas akkana jechuudhaan dubbate yaadatanii taʼuu dandaʼa: “Iddoon dhaabaa waynii Waaqayyo gooftaa maccaa kun mana Israaʼel; [dhaabni] waynii inni itti gammadus namoota Yihudaa ti; inni isaan keessatti firdii qajeelaa abdatee ture, kunoo, dhiiga dhangalaasuutu taʼe.” (Isaayaas 5:7) Fakkeenyi Yesuus dubbates yaada kanaa wajjin wal fakkaata. Abbaan lafaa Yihowaa, maasiin wayinichaa saba Israaʼel yommuu taʼu, akka dallaatti eegumsa kan isaaniif godhu immoo Seera Waaqayyoo ti. Yihowaan saba isaa barsiisuudhaan firii gaarii akka godhatan akka isaan gargaaraniif raajota isaa ergee ture.

Haa taʼu malee, ‘qonnaan bultoonni’ kun ‘garboota’ gara isaaniitti ergaman sana miidhaniiru, akkasumas ajjeesaniiru. Yesuus itti aansee akkana jedhe: “Amma kan isa hafe ilma isaa isa jaallatamaa dha. Dhuma irrattis ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa gara isaaniitti erge. Qonnaan bultoonni sun garuu, ‘Dhaaltichi isa kana dha. Kottaa, isa ni ajjeesna, dhaalli isaas kan keenya taʼa’ waliin jedhan. Kanaaf isaan qabanii isa ajjeesan.”—Maarqos 12:6-8.

Achiis Yesuus, “Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha?” jedhee isaan gaafate. (Maarqos 12:9) Geggeessitoonni amantiis akkana jedhanii deebisan: “Hamoota waan taʼaniif badiisa guddaa isaan irra geessisa; maasii wayinii isaas qonnaan bultoota kan biraa oomisha isaa yeroo isaatti isaaf kennaniif kireessa.”—Maatewos 21:41.

Namoonni kun “qonnaan bultoota” “maasii wayinii” Yihowaa keessaa hojjetan, jechuunis saba Israaʼel keessaa waan taʼaniif yeroo akkana jedhan utuu hin beekin ofuma isaaniitti murteessan. Firii Yihowaan qonnaan bultoota kana irraa eegu Ilma isaatti, jechuunis Masiihichatti amanuu kan dabalatu dha. Yesuus geggeessitoota amantii sana ilaalaa akkana isaaniin jedhe: “Isin Kitaaba Qulqulluu keessaa isa akkana jedhu kana matumaa hin dubbisnee? ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu taʼe. Kunis Yihowaa biraa dhufe, ija keenyaafis dinqii dha.’” (Maarqos 12:10, 11) Achiis, Yesuus akkana jechuudhaan yaada isaa ifa taasise: “Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba firii isaa godhatuuf ni kennama kan ani isiniin jedhus kanaafi.”—Maatewos 21:43.

Barreessitoonnii fi dura buutonni lubootaa, Yesuus “fakkeenya kana kan dubbate isaaniin yaadatti qabatee akka taʼe” hubatan. (Luqaas 20:19) Kanaaf, yeroo kam iyyuu caalaa, Yesuusiin, jechuunis ‘dhaalticha’ isa mirga qabu ajjeesuu barbaadan. Taʼus, namoota walitti qabamanii jiranii fi Yesuusiin akka raajiitti ilaalan waan sodaataniif yeruma sana isa ajjeesuuf hin yaalle.