Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 107

Mootiin Tokko Namoota Cidha Gaaʼelaa Irratti Afeeraman Waame

Mootiin Tokko Namoota Cidha Gaaʼelaa Irratti Afeeraman Waame

MAATEWOS 22:1-14

  • FAKKEENYA CIDHA GAAʼELAA ILAALCHISEE DUBBATAME

Yesuus yeroon inni tajaajila isaa itti raawwatu gara xumuraatti yommuu dhihaatu, fakkeenyota dubbachuudhaan barsiisota seeraa fi dura buutota lubootaa saaxiluu isaa itti fufe. Kanaaf, namoonni kun isa ajjeesuu barbaadan. (Luqaas 20:19) Taʼus, Yesuus isaan saaxiluu isaa hin dhiisne. Fakkeenya kan biraa dubbate.

Akkana jedhe: “Mootummaan samii, mootii ilma isaatiif cidha gaaʼelaa qopheessee wajjin wal fakkaata. Mootichi namoota cidha gaaʼelaa sana irratti afeeraman akka waamaniif garboota isaa isaanitti erge; warri afeeraman garuu dhufuu hin barbaadne.” (Maatewos 22:2, 3) Yesuus fakkeenya isaa kan jalqabe “Mootummaan samii” jechuudhaani dha. Kanaaf, “mootichi” Yihowaa taʼuu qaba. Ilmi mootichaa fi namoonni cidha gaaʼelaa irratti afeeraman hoo eenyuun argisiisu? Ilmi mootichaa, Ilma Yihowaa isa fakkeenya kana dubbachaa jiru akka taʼe, warri afeeraman immoo warra Mootummaa samii keessatti Ilmichaa wajjin taʼan akka taʼan hubachuun ulfaataa miti.

Jalqaba irratti kan afeeramu eenyu faʼi? Yesuusii fi ergamoonni isaa waaʼee Mootummichaa lallabaa kan turan eenyutti? Yihudootatti dha. (Maatewos 10:6, 7; 15:24) Sabni kun Dh.K.D. bara 1513 tti kakuu Seerichaa fudhachuudhaan, “Mootummaa lubootaa” (NW) taʼuuf mirga argachuudhaan warra jalqabaa taʼaniiru. (Baʼuu 19:5-8) Haa taʼu malee, gara ‘cidha gaaʼelaatti’ kan waamaman yoomi? Afeerraan kun dhihaachuu kan jalqabe Dh.K.B. bara 29 tti, yeroo Yesuus waaʼee Mootummaa samii lallabuu jalqabetti dha jechuun ni dandaʼama.

Israaʼeloonni hedduun afeerraa kanaaf deebii akkamii kennan? Akkuma Yesuus jedhee ture, “dhufuu hin barbaadne.” Geggeessitoota amantii fi sabicha keessaa hedduun Yesuus Masiihichaa fi Mootii Waaqayyo muude taʼuu isaa hin amanne.

Haa taʼu malee, Yesuus Yihudoonni kun carraa kan biraa akka argatan argisiiseera. Akkana jedhe: “Ammas [mootichi] ‘Warra afeeraman sanaan, “Kunoo, ani cidha qopheesseera; sangoonnii fi horiin koo warri coccoomoon qalamaniiru; wanti hundinuus qophaaʼeera. Kanaaf, gara cidha gaaʼelaatti kottaa” jedhaatii itti himaa’ jedhee garboota kan biraa isaanitti erge. Isaan garuu afeerrii isaa tuffatanii, inni tokko gara qotiisa isaatti deeme; inni tokko immoo gara daldala isaatti deeme; warri kaanis garboota isaa qabanii erga isaan salphisanii booda isaan ajjeesan.” (Maatewos 22:4-6) Kun erga gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee booda wanta taʼu kan argisiisu dha. Yeroo sanatti, Yihudoonni Mootummicha dhaaluuf ammas mirga kan argatan taʼus, baayʼeen isaanii afeerraa kana kan hin fudhanne taʼuu isaa irra iyyuu, ‘garboota mootichaa’ salphisaniiru.—Hojii Ergamootaa 4:13-18; 7:54, 58.

Kun sabicha irratti maal geessisa? Yesuus, “Mootichis akka malee waan aareef, loltoota isaa ergee namoota garboota isaa ajjeesan sana ni ajjeese; magaalaa isaaniis ni gube” jedhe. (Maatewos 22:7) Dh.K.B. bara 70 tti warri Roomaa “magaalaa isaanii” Yerusaalemiin yeroo balleessanitti kun Yihudoota irra gaʼeera.

Yihudoonni waamicha mootichaa waan hin fudhanneef namni afeeramu kan biraa hin jiru jechuu dhaa? Fakkeenya Yesuus irraa akka hubannutti akkas jechuu miti. Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Achiis [mootichi] garboota isaatiin akkana jedhe: ‘Cidhni gaaʼelaa qophaaʼeera; warri afeeraman garuu kan isaaniif hin malle taʼaniiru. Kanaaf, gara karaa guguddaa magaalattiitti baʼaatii, nama argattan hunda gara cidha gaaʼelaa kanatti waamaa.’ Garboonni sunis akkuma jedhaman karaa guguddaatti baʼanii namoota argatan hunda, isa hamaas isa gaariis walitti qaban; galmi cidhichaas keessummootaan guutame.”—Maatewos 22:8-10.

Pheexiros ergamaan yeroo booda Kiristiyaanota dhugaa akka taʼaniif, warra saba Waaqayyoo hin taane jechuunis, warra dhalootaan Yihudii hin taane ykn warra gara Yihuudiitti hin jijjiiramne ni gargaara. Dh.K.B. bara 36 tti, ajajaa dhibbaa warra Roomaa kan taʼe Qorneelewosii fi maatiin isaa hafuura qulqulluu kan fudhatan siʼa taʼu, Mootummaa samii Yesuus caqase dhaaluuf mirga argataniiru.—Hojii Ergamootaa 10:1, 34-48.

Yesuus ‘mooticha’ biratti fudhatama kan argatan warra cidhicha irratti argaman hunda akka hin taane ibseera. Akkana jedhe: “Mootichi keessummoota sana ilaaluu yommuu dhufu garuu, nama uffata cidhaa hin uffanne tokko arge. Namichaanis, ‘Michuu ko, uffata cidhaa utuu hin uffatin akkamitti ol galte?’ jedheen. Namichis waan dubbatu wallaale. Yeroo kanatti mootichi tajaajiltoota isaatiin, ‘Harka isaa fi miilla isaa hidhaatii dukkana ala jirutti gad darbadhaa. Achittis ni booʼa, ilkaan isaas ni qara’ jedhe. Namoonni afeeraman hedduu dha; kan filataman garuu muraasa.”—Maatewos 22:11-14.

Geggeessitoonni amantii Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran hiika ykn ergaa wanta inni dubbachaa jiruu hin hubanne taʼa. Haa taʼu malee, namoonni kun wanta kanatti kan hin gammadne siʼa taʼu, nama qaanii isaanitti fide kana dhabamsiisuuf yeroo kam iyyuu caalaa kutatan.