Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 111

Ergamoonni Mallattoo Isa Gaafatan

Ergamoonni Mallattoo Isa Gaafatan

MAATEWOS 24:3-51 MAARQOS 13:3-37 LUQAAS 21:7-38

  • BARATTOONNI AFUR MALLATTOO ISA GAAFATAN

  • WANTOOTA JAARRAA TOKKOFFAATTII FI SANA BOODA RAAWWII ISAANII ARGATAN

  • DAMMAQOO TAʼUU QABNA

Yeroon isaa Kibxata waaree booda siʼa taʼu, Niisaan 11 xumuramuuf jedha. Yeroon Yesuus lafa irratti hojii guddaa itti hojjechaa tures xumuramuufi dha. Guyyaa mana qulqullummaa keessatti tajaajilaa kan oole siʼa taʼu, halkan immoo magaalaadhaa ala buufate. Namoonni fedhii guddaa waan qabaniif, “mana qulqullummaa keessatti isa dhaggeeffachuuf ganama bariidhaan gara isaa dhufu turan.” (Luqaas 21:37, 38) Amma garuu Yesuus ergamoota isaa afur, jechuunis Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin Gaara Ejersaa irra jira.

Arfanuu kophaatti gara Yesuus dhufan. Yesuus dhagaan mana qulqullummaa akka wal irra kaaʼametti akka hin hafne dubbatee waan tureef, waaʼeen manichaa isaan yaaddesseera. Wanti isaan yaaddesse kan biraanis jira. Yesuus kanaan dura, “Ilmi namaa saʼaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa eegaa” jechuudhaan isaan gorseera. (Luqaas 12:40) “Guyyaa Ilmi namaa itti mulʼatu” ilaalchisees dubbateera. (Luqaas 17:30) Yaadawwan kun wanta inni mana qulqullummaa ilaalchisee dubbatee wajjin walitti dhufeenya qabuu? Ergamoonni waaʼee kanaa beekuu waan hawwaniif, “Wantoonni kun yoom akka raawwataman, akkasumas mallattoon argama keetii fi kan dhuma sirna kanaa maal akka taʼe nutti himi?” jedhanii isa gaafatan.—Maatewos 24:3.

Akkana kan jedhan, badiisa mana qulqullummaa dhihoodhaa isaanitti mulʼatuu yaadatti qabatanii taʼuu dandaʼa. Yeroo Ilmi namaa itti mulʼatu ilaalchisees isa gaafatan. Fakkeenya Yesuus ‘namicha sanyii mootii taʼee’ fi “aangoo mootummaa isaa fudhatee deebiʼuuf gara biyya fagoo tokko dhaqe” ilaalchisee dubbate ni yaadatu taʼa. (Luqaas 19:11, 12) Xumura irrattis ‘dhumni sirna kanaa’ maal akka dabalatu isa gaafatan.

Yesuus ibsa balʼaa kenne irratti mallattoo yeroo manni qulqullummaa, akkasumas sirni Yihudootaa itti badu argisiisu dubbate. Ibsa kan biraas kenneera. Mallattoon kun gara fuulduraattis Kiristiyaanonni yeroo Yesuus itti ‘argamu’ keessa jiraachuu isaanii fi dhumni sirna kanaa dhihaachuu isaa akka beekan isaan gargaara.

Waggoonni darbaa yeroo deeman, ergamoonni raajiin Yesuus dubbate raawwii isaa yommuu argatu arganiiru. Eeyyee, wantoonni Yesuus dubbate hedduun utuu isaan lubbuudhaan jiranii raawwataman. Kiristiyaanonni dammaqoo taʼanii fi waggaa 37 booda jechuunis, Dh.K.B. bara 70 tti turan, manni qulqullummaa fi sirni Yihudootaa yeroo badetti qophaaʼoo turan. Haa taʼu malee Dh.K.B. bara 70 tti, akkasumas waggoota sana dura turan keessatti kan raawwataman raajiiwwan Yesuus dubbate hunda miti. Kanaaf, wanti aangoo Mootummaa isaatiin argamuu isaa argisiisu maali dha? Yesuus kana ilaalchisee ergamoota isaatiif deebii kenneera.

Yesuus, ‘waraanaa fi oduun waraanaa’ akka jiraatu, ‘sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti akka kaʼu’ dubbate. (Maatewos 24:6, 7) Akkasumas, ‘kirkirri lafaa guguddaan akka taʼu, bakka garaa garaattis hanqinni nyaataa fi golfaan akka uumamu’ dubbate. (Luqaas 21:11) Yesuus, “Namoonni isin qabu, akkasumas isin ariʼatu” jechuudhaan barattoota isaa akeekkachiise. (Luqaas 21:12) Raajonni sobduun kaʼanii namoota hedduu dogoggorsu. Hamminni ni babalʼata, jaalalli namoota hedduus ni qabbanaaʼa. Kana malees, ‘saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf misiraachoon Mootummaa guutummaa lafaa irratti akka lallabamu, sana boodas dhumni akka dhufu’ dubbate.—Maatewos 24:14.

Raajiin Yesuus dubbate warri Roomaa Yerusaalemiin yeroo balleessanitti, akkasumas sana dura hamma tokko raawwii isaa argateera. Haa taʼu malee, raajiin kun wanta sana booda raawwatamus kan dabalatu dhaa? Ragaa raajiin iddoo guddaa qabuu fi Yesuus dubbate kun yeroo harʼaatti raawwii isaa isa guddaa argachaa akka jiru argisiisu hubatteettaa?

Yesuus, mallattoowwan argamuu isaa argisiisan keessaa tokko ‘wanta jibbisiisaa badiisa fidu’ akka taʼe dubbateera. (Maatewos 24:15) Dh.K.B. bara 66 tti ‘loltoonni’ Roomaa asxaa isaanii isa waaqayyolii sobaa argisiisu qabatanii yeroo ‘marsanitti’ wanti ciiggaasisaan sun mulʼateera. Warri Roomaa Yerusaalemiin kan marsan siʼa taʼu, dallaa ishii muraasas ni diigan. (Luqaas 21:20) Haala kanaan, “wanti jibbisiisaan” bakka isaaf hin malle jechuunis, iddoo Yihudoonni “bakka qulqullaaʼaa” akka taʼetti ilaalan dhaabate.

Yesuus itti dabaluudhaan, “Yeroo sanatti rakkinni guddaan jalqaba addunyaatii kaasee hanga harʼaatti taʼee hin beeknee fi gara fuulduraattis hin taane ni dhufa” jedhee dubbate. Dh.K.B. bara 70 tti warri Roomaa Yerusaalemiin ni balleessan. ‘Magaalaa qulqulluu’ Yihudootaa dabalatee manni qulqullummaa yeroo balleeffamee fi namoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman yeroo duʼanitti rakkinni guddaan kun gaʼeera. (Maatewos 4:5; 24:21) Badiisni kun, badiisa Yihudootaa fi magaalaa isaanii irra kanaan dura gaʼee ture kam irra iyyuu kan caalu dha; akkasumas sirni waaqeffannaa Yihudoonni jaarraa hedduudhaaf hordofaa turan akka badu taasiseera. Kana irraa hubachuun akka dandaʼamutti, raajii Yesuus dubbate gara fuulduraatti raawwii isaa isa guddaa yeroo argatu wanti sodaachisaa taʼe ni raawwatama.

GUYYOOTA RAAJIIDHAAN DUBBATAMAN SANATTI AMANTII QABAACHUU

Wanti Yesuus mallattoowwan aangoo Mootummaa isaatiin argamuu isaa fi dhuma sirnichaa argisiisan ilaalchisee ergamoota isaatti dubbate kana qofa miti. Itti fufees, ‘Kiristoosota sobaa fi raajota sobaa’ duukaa buʼuu ilaalchisee isaan akeekkachiise. Yesuus namoonni kun “yoo isaaniif dandaʼame warra filataman illee dogoggorsuuf” akka yaalan dubbate. (Maatewos 24:24) Warri filataman kun garuu hin dogoggorfaman. Kiristoosonni sobaa ijaan ni argamu. Argamni Yesuus garuu ijaan kan mulʼatu miti.

Yesuus rakkina guddaa dhuma sirna kanaa irratti dhufu ilaalchisee akkana jedhe: “Rakkina guyyoota sanaa booda battaluma sanatti, aduun ni dukkanoofti; addeessis ifa ishii hin kennitu; urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.” (Maatewos 24:29) Ergamoonni waaʼee badiisa sodaachisaa dhufuuf jiru kanaa dhagaʼan wanta raawwatamu sirriitti beekuu baatanis, sodaachisaa akka taʼu beekamaa dha.

Wanti sodaachisaan kun ilmaan namootaa irratti dhiibbaa akkamii geessisa? Yesuus akkana jedhe: “Humnoonni samii waan raafamaniif, namoonni wantoota addunyaatti dhufuuf jiran sodaachuu fi eeguudhaan kan kaʼe ni gaggabu.” (Luqaas 21:26) Yesuus seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroon sodaachisaa taʼe sun maal akka fakkaatu ibsuu isaa ti.

Yesuus, ‘Ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan yommuu dhufu’ kan gaddan namoota hunda akka hin taane ergamoota isaatiif ifa gochuun isaa kan nama jajjabeessu dha. (Maatewos 24:30) Yesuus, Waaqayyo “warra filatamaniif” jecha gidduu akka galu dubbateera. (Maatewos 24:22) Haa taʼu malee, barattoonni Yesuus amanamoo taʼan wantoonni sodaachisoon inni dubbate yommuu raawwatamanitti maal gochuu qabu? Yesuus, “Wantoonni kun yommuu taʼuu jalqaban, fayyinni keessan waan dhihaateef, kaʼaa dhaabadhaa, mataa keessanis ol qabadhaa” jechuudhaan duuka buutota isaa jajjabeesse.—Luqaas 21:28.

Haa taʼu malee, barattoonni Yesuus yeroo inni raajiidhaan dubbate kana keessa jiraatan, dhumni dhihaachuu isaa beekuu kan dandaʼan akkamitti? Yesuus muka harbuutti fayyadamee fakkeenya dubbate. Akkana jedhe: “Yeroo dameen isaa latee baala baafatu, bonni akka dhihaate ni beektu. Haaluma wal fakkaatuun isinis wantoota kana hunda yommuu argitan, Ilmi namaa balbalatti akka dhihaate beekaa. Dhuguman isiniin jedha, wantoonni kun hundi hamma raawwatamanitti, dhaloonni kun matumaa hin darbu.”—Maatewos 24:32-34.

Kanaaf, barattoonni Yesuus mallattoowwan garaa garaa yommuu raawwataman yeroo argan, dhumni akka dhihaate hubachuu qabu. Barattoota isaa gara fuulduraatti yeroo adda taʼe sana keessa jiraatan akkana jedhee gorse:

“Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa, Abbaa qofa malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan. Akkuma bara Nohitti ture, argamuun Ilma namaas akkuma kana taʼa. Namoonni sun bara sanatti Bishaan Badiisaa dura hanga guyyaa Noh dooniitti galetti, nyaachaa, dhugaa, dhiironni fuudhaa, dubartoonnis heerumaa turan; isaan hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti akkuma hin hubanne, argamuun Ilma namaas akkanuma ni taʼa.” (Maatewos 24:36-39) Yesuus Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼee fi addunyaa mara irratti miidhaa geessise dhaggeeffattoota yaadachiisuu isaa ti.

Ergamoonni Gaara Ejersaa irratti Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran, dammaqoo taʼuun barbaachisaa akka taʼe hubatanii taʼuu qaba. Yesuus akkana jedhe: “Akka malee nyaachuu fi akka malee dhuguudhaan, yaaddoo jireenyaatiinis garaa keessanitti baʼaan akka hin ulfaanne ofii keessaniif of eeggadhaa; kun taʼuu baannaan garuu, guyyaan sun akka tasaa utuu isin hin yaadin isinitti dhufa; jechuunis akka kiyyootti isinitti dhufa. Sababiin isaas, guyyaan kun namoota guutummaa lafaa irra jiraatan irratti ni dhufa. Kanaaf, dammaqaa eegaa, akkasumas wantoota taʼuun isaanii hin oolle kana hunda jalaa baʼuu fi Ilma namaa dura dhaabachuu akka dandeessaniif yeroo hunda wawwaannaa dhiheessaa.”—Luqaas 21:34-36.

Yesuus ammas raajii inni dubbate yeroo fi bakka murtaaʼe tokko qofatti kan raawwatamu akka hin taane ibse. Waaʼee wantoota waggoota muraasa keessatti raawwatamanii fi magaalaa Yerusaalem ykn Yihudoota qofa irratti miidhaa geessisanii dubbachuu isaa miti. Wanta ‘namoota guutummaa lafaa irra jiraatan irratti dhufu’ dubbachuu isaa ti.

Yesuus barattoonni isaa dammaqoo fi qophaaʼoo taʼuu akka qaban dubbate. Akeekkachiisa kana fakkeenya dabalataa dubbachuudhaan jabeesse. Akkana jedhe: “Wanta kana beekaa: Abbaan manaa tokko hattuun saʼaatii meeqatti akka dhufu utuu beekee, dammaqee eeguudhaan manni isaa cabsamee akka hin saamamne godha ture. Kanaaf, isinis Ilmi namaa saʼaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa.”—Maatewos 24:43, 44.

Yesuus itti fufee yaada barattoota isaa jajjabeessu dubbate. Yeroo raajii inni dubbate raawwii isaa argatutti, “garbichi” dammaqaa taʼe akka jiraatu isaaniif mirkaneesse. Yesuus haala ergamoonni isaa salphaatti hubachuu dandaʼanitti fayyadamee akkana jedhee dubbate: “Garbichi amanamaanii fi ogeessi, yeroo sirrii taʼetti nyaata isaanii akka isaaniif kennu gooftaan isaa maatii isaa irratti muude dhuguma eenyu? Garbichi gooftaan isaa dhufee utuu inni akkana godhuu isa argu sun gammadaa dha! Dhuguman isiniin jedha, inni qabeenya isaa hundumaa irratti isa muuda.” “Garbichi” kun hamaa taʼuudhaan warra kaan miidhuu yoo jalqabe garuu, gooftaan isaa “adaba guddaa isa adaba.”—Maatewos 24:45-51; Luqaas 12:45, 46 waliin ilaali.

Haa taʼu malee, Yesuus duuka buutota isaa keessaa gareen hamaa taʼu jira jechuu isaa miti. Maarree, Yesuus barattoota isaatiif barumsa akkamii dabarsuu barbaade? Fakkeenya kan biraa irratti akkuma ifa godhe, dammaqoo akka taʼan barbaade.