Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 112

Durboota—Barumsa Dammaqoo Taʼuu Ilaalchisee Kenname

Durboota—Barumsa Dammaqoo Taʼuu Ilaalchisee Kenname

MAATEWOS 25:1-13

  • YESUUS FAKKEENYA WAAʼEE DURBOOTA KUDHANII DUBBATE

Yesuus gaaffii ergamoonni isaa waaʼee argamuu isaa fi dhuma sirna kanaa ilaalchisee gaafataniif deebii kennee ture. Amma immoo dhimma kana yaadatti qabachuudhaan fakkeenya kan biraatti fayyadamee gorsa ogummaa irratti hundaaʼe isaaniif kenne. Raawwii fakkeenya kanaa kan argan warra yeroo inni argamutti jiraatani dha.

Yesuus fakkeenyicha akkana jechuudhaan jalqabe: “Mootummaan samii durboota kudhan dhirsa misirroo simachuuf ibsaa isaanii fudhatanii gad baʼanii wajjin wal fakkaata. Isaan keessaa shan gowwoota, shan immoo abshaalota turan.”—Maatewos 25:1, 2.

Yesuus barattoota isaa Mootummaa samii dhaalan keessaa walakkaan abshaalota, walakkaan immoo gowwoota akka taʼan dubbachuu isaa miti. Kanaa mannaa, Mootummichaa wajjin haala wal qabateen, tokkoon tokkoon barattoota isaa dammaqoo taʼuu ykn yaadni isaanii akka hihhiramu heyyamuuf filachuu akka dandaʼan ibsuu isaa ti. Taʼus, Yesuus tajaajiltoonni isaa hamma dhumaatti amanamoo akka taʼanii fi eebba Abbaa isaa akka argatan shakkii hin qabu.

Fakkeenyicha irratti durboonni kurnan dhirsa misirroo simachuu fi cidhicha irratti argamuuf eegaa turan. Durboonni kun dhirsi misirroo misirrottii gara mana ishiidhaaf qophaaʼetti yommuu fidu ibsaa isaaniitiin daandichi akka ifu gochuudhaan kabajaan isa simatu. Haa taʼu malee haalli isaa akkam taʼe laata?

Yesuus akkana jedhe: “Warri gowwoonni ibsaa isaanii kan qabatan taʼus, zayitii dabalataa garuu hin qabanne turan. Warri abshaalonni garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii dabalataa qodaatti qabatanii turan. Taʼus misirrichi turraan, hundi isaanii muganii rafan.” (Maatewos 25:3-5) Misirrichi akka eegametti dafee hin dhufne. Durboonni kun rafuun isaanii baayʼee turuu isaa kan argisiisu taʼuu hin oolu. Ergamoonni, wanta Yesuus namicha sanyii mootii taʼee fi biyya fagoo deemee ‘yeroo booda aangoo mootummaa isaa fudhatee deebiʼe’ ilaalchisee dubbate yaadatanii taʼuu dandaʼa.—Luqaas 19:11-15.

Yesuus fakkeenya waaʼee durboota kudhanii dubbatu kana irratti misirrichi dhuma irratti yeroo dhufu wanta taʼe akkana jechuudhaan ibse: “Halkan walakkaa sagalee guddaan, ‘Kunoo, misirrichi dhufaa jira! Gad baʼaa isa simadhaa’ jedhu ni dhagaʼame.” (Maatewos 25:6) Durboonni kun qophaaʼoo fi dammaqoo taʼuu wajjin haala wal qabateen haala akkamii irra jiru?

Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Yeroo kanatti durboonni sun hundi kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan. Warri gowwoonni warra abshaalota sanaan, ‘Ibsaan keenya dhaamuuf waan jedhuuf, zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhaniin. Warri abshaalonni sun garuu, ‘Tarii nuufis taʼe isiniif gaʼuu dhiisuu waan dandaʼuuf, dhaqaa warra zayitii gurguran biraa ofii keessaniif bitadhaa’ jedhanii isaaniif deebisan.”—Maatewos 25:7-9.

Kanaaf, durboonni gowwaa taʼan shanan dhufaatii misirrichaa dammaqoo fi qophaaʼoo taʼanii eegaa hin turre. Ibsaa isaaniitiif zayitii gaʼaa waan hin qabneef zayitii dabalataa barbaaduu qabu. Yesuus akkana jedhe: “Haa taʼu malee, yommuu isaan bitachuu dhaqanitti, dhirsi misirroo sun ni dhufe. Durboonni qophaaʼoo turanis isaa wajjin gara cidha gaaʼelaa sanatti seenan; balballis ni cufame. Sana booda durboonni warri kaanis dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa nuu bani!’ jedhan. Innis, ‘Dhuguman isiniin jedha, ani isin hin beeku’ jedhee deebiseef.” (Maatewos 25:10-12) Qophaaʼoo fi dammaqoo taʼuu dhiisuun isaanii haalli gaddisiisaa taʼe akka isaan mudatu taasise.

Ergamoonni, misirrichi Yesuus caqase eenyuun akka argisiisu hubachuu ni dandaʼu. Yesuus kanaan dura dhirsa misirrootti of fakkeessee ture. (Luqaas 5:34, 35) Durboonni abshaala taʼan hoo eenyuun argisiisu? Yesuus “tuuta xinnoo” Mootummaan isaaf kennamu ilaalchisee, “Uffata keessan uffadhaa qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsaa” jedhee ture. (Luqaas 12:32, 35) Kanaaf, ergamoonni, Yesuus fakkeenya durboota kanaa dubbachaa kan jiru barattoota amanamoo akka isaaniitiif akka taʼe hubachuu ni dandaʼu. Barumsi Yesuus fakkeenya kanatti fayyadamee dabarsuu barbaade maali dha?

Yesuus dhimma kana utuu hin ibsin hin dhiisne. “Egaa isinis, guyyichas taʼe saʼaaticha waan hin beekneef dammaqaa eegaa” jechuudhaan fakkeenya isaa xumure.—Maatewos 25:13.

Yesuus argamuu isaa wajjin haala wal qabateen ‘dammaqanii akka eegan’ duuka buutota isaa amanamoo taʼan gorsaa jira. Gara fuulduraatti waan dhufuuf, abdii isaanii isa dinqisiisaa irratti akka xiyyeeffatanii fi badhaasa isaaniif qophaaʼe akka hin dhabneef, akkuma durboota abshaala taʼan shananii qophaaʼoo fi dammaqoo taʼuun isaan barbaachisa.