Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 113

Taalaantii—Barumsa Cimanii Hojjechuu Ilaalchisee Kenname

Taalaantii—Barumsa Cimanii Hojjechuu Ilaalchisee Kenname

MAATEWOS 25:14-30

  • YESUUS FAKKEENYA WAAʼEE TAALAANTII DUBBATE

Yesuus amma iyyuu ergamoota isaa arfanii wajjini Gaara Ejersaa irra kan jiru siʼa taʼu, fakkeenya kan biraa isaanitti himuuf jedha. Guyyoota muraasa dura Yerikoo yeroo turetti, Mootummichi kan dhufu gara fuulduraatti yeroo dheeraa booda akka taʼe isaan hubachiisuuf fakkeenya waaʼee miinaa isaanitti himee ture. Fakkeenyi inni amma isaanitti himu, fakkeenya kanaa wajjin wanta wal fakkaatu hedduu qaba. Fakkeenya kana kan dubbate gaaffii argamuu isaa fi dhuma sirna kanaa ilaalchisee isa gaafataniif yommuu deebii kennu dha. Fakkeenyichi wanta inni imaanaadhaan isaanitti kennee wajjin haala wal qabateen barattoonni isaa cimanii hojjechuu akka qaban hubachiisa.

Yesuus, “Mootummaan samii nama biyya fagoo dhaquuf jedhee, garboota isaa ofitti waamee qabeenya isaa imaanaadhaan isaanitti kennee wajjin wal fakkaata” jechuudhaan jalqabe. (Maatewos 25:14) Kanaan dura namicha “aangoo mootummaa isaa fudhatee deebiʼuuf” biyya fagoo dhaqetti of fakkeessee waan tureef, ergamoonni ‘namichi’ fakkeenya kana irratti caqasame Yesuus akka taʼe salphaatti hubachuu dandaʼu.—Luqaas 19:12.

Namichi fakkeenya kana irratti ibsame gara biyya fagoo deemuu isaa dura qabeenya isaa gatii guddaa qabu garboota isaatti kenne. Yesuus waggoota sadii fi walakkaa tajaajila irratti dabarse keessatti, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu irratti kan xiyyeeffate siʼa taʼu, hojii kana akka hojjetaniifis barattoota leenjiseera. Amma isaan biraa deemuuf kan jedhu siʼa taʼu, wanta akka hojjetaniif isaan leenjise hojjechuu isaanii akka itti fufan amantii qaba.—Maatewos 10:7; Luqaas 10:1, 8, 9; Yohaannis 4:38 fi 14:12 waliin ilaali.

Fakkeenyicha irratti namichi qabeenya isaa kan qoqqoode haala akkamiitiini? Yesuus akkana jedhe: “Innis akkuma dandeettii isaaniitti isa tokkoof taalaantii shan, isa tokkoof taalaantii lama, isa tokkoof immoo taalaantii tokko kennee gara biyya fagoo dhaqe.” (Maatewos 25:15) Garboonni kun wanta imaanaadhaan isaanitti kennameen maal godhu laata? Wanta gooftaan isaanii barbaadu raawwachuuf cimanii itti fayyadamuu? Yesuus ergamoota isaatiin akkana jedhe:

“Inni taalaantii shan fudhate, yeruma sana ittiin daldalee taalaantii dabalataa shan irraa buufate. Haaluma wal fakkaatuun inni taalaantii lama fudhates, taalaantii lama irraa buufate. Garbichi inni taalaantii tokko qofa fudhate garuu dhaqee lafa qotee maallaqa gooftaa isaa awwaale.” (Maatewos 25:16-18) Yeroo gooftichi deebiʼee dhufu maaltu taʼa?

Yesuus itti fufee, “Yeroo dheeraa boodas, gooftaan garboota sanaa dhufee maallaqa isaanitti kenne sana herregate” jedhe. (Maatewos 25:19) Garboonni jalqabaa lamaan “akkuma dandeettii isaaniitti” wanta dandaʼan hunda godhaniiru. Garboonni lamaan iyyuu cimanii kan hojjetan siʼa taʼu, wanta imaanaa isaanitti kennameen buʼaa argataniiru. Inni taalaantiin shan itti kennames taʼe inni taalaantiin lama itti kenname taalaanticha irraa dachaadhaan buufataniiru. (Yeroo sanatti hojjetaan tokko taalaantii tokko argachuuf gara waggaa 19 hojjechuu qaba ture.) Gooftichi garboota lamaaniin iyyuu, “Garbicha gaarii fi amanamaa nana, baʼeessa goote! Ati wantoota xixinnoo irratti amanamaa taateetta. Ani immoo wantoota hedduu irratti sin muuda. Gara gammachuu gooftaa keetti seeni” jedhe.—Maatewos 25:21.

Garbichi inni taalaantiin tokko itti kenname garuu wanti inni godhe adda dha. Akkana jedhe: “Yaa Gooftaa, ati nama gara jabeessa, bakka itti hin facaafnee haammattu, bakka itti hin bittinneessinees sassaabbattu taʼuu kee beeka. Kanaaf, sodaadheen dhaqee taalaantii kee lafa keessa awwaale. Taalaantiin kee kunoo ti.” (Maatewos 25:24, 25) Gooftaa isaatiif buʼaa muraasa argamsiisuuf illee maallaqa isatti kenname mana baankii hin keenye. Kanaaf, wanta gooftaan isaa isa irraa barbaadu hin raawwanne.

Gooftichi namicha kanaan, “Garbicha hamaa fi dhibaaʼaa” jechuun isaa sirrii dha. Wanti inni qabu isa irraa fudhatamee garbicha ciminaan hojjechuuf fedhii qabuuf kenname. Achiis gooftichi akkana jechuudhaan ulaagaa isaa beeksise: “Isa qabu hundaaf dabalataan ni kennama; innis irraa hafaa qabaata. Isa hin qabne irraa garuu wanti inni qabu illee isa irraa fudhatama.”—Maatewos 25:26, 29.

Barattoonni Yesuus fakkeenya kanaa wajjin haala wal qabateen wanta hedduu yaadu. Wanti Yesuus imaanaa isaanitti kenne, jechuunis mirgi barattoota gochuu gatii guddaa akka qabu hubachuu ni dandaʼu. Yesuus mirga isaanii kanatti cimanii akka fayyadaman isaan irraa eega. Yesuus hundumti isaanii hojii lallabaa isaanitti kenne qixxee hojjechuu akka qaban hin yaadu. Akka fakkeenyicha irratti ibsametti hundumtuu “akkuma dandeettii isaatti” hamma dandaʼe hojjechuu qaba. Kana jechuun garuu, Yesuus namni tokko “dhibaaʼaa” taʼuudhaan qabeenyi Gooftaa isaa akka dabalu gochuu irratti hamma dandaʼe hojjechuu yoo dhiise ni gammada jechuu miti.

Haa taʼu malee, yaadni “isa qabu hundaaf dabalataan ni kennama” jedhu ergamoota baayʼee gammachiisee taʼuu qaba.