Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 114

Kiristoos Yommuu Dhufu Hoolotaa Fi Reʼootatti Murteessa

Kiristoos Yommuu Dhufu Hoolotaa Fi Reʼootatti Murteessa

MAATEWOS 25:31-46

  • YESUUS HOOLOTAA FI REʼOOTA ILAALCHISEE FAKKEENYA DUBBATE

Yesuus Gaara Ejersaa irratti durboota kudhanii fi taalaantii ilaalchisee fakkeenya dubbatee ture. Gaaffii ergamoonni isaa argamuu isaa fi dhuma sirna kanaa ilaalchisee isa gaafataniif deebii kenne kan xumure akkamitti? Yesuus fakkeenya xumuraa waaʼee hoolotaa fi reʼootaa ibsu dubbate.

Yesuus akkana jechuudhaan wanta yeroo sanatti taʼu isaanitti himuu jalqabe: “Ilmi namaa maleekota isaa hundumaa wajjin ulfina isaatiin yommuu dhufu, teessoo isaa isa ulfina qabeessa irra ni taaʼa.” (Maatewos 25:31) Yesuus yeroo baayʼee ‘Ilma namaa’ jedhee waan of waamuuf, fakkeenya kana keessatti gaʼee guddaa kan qabaatu isa akka taʼe ifa dha.—Maatewos 8:20; 9:6; 20:18, 28.

Fakkeenyi kun raawwii isaa kan argatu yoomi? Yesuus yommuu maleekotaa wajjin ‘ulfina isaatiin dhufee’ “teessoo isaa isa ulfina qabeessa irra” taʼutti dha. Yesuus kanaan dura, ‘Ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa samiitiin akka dhufu’ dubbatee ture. Kun kan taʼu yoomi? “Rakkina . . . sana booda battaluma sanatti” taʼa. (Maatewos 24:29-31; Maarqos 13:26, 27; Luqaas 21:27) Kanaaf, fakkeenyi kun kan raawwatamu gara fuulduraatti yommuu Yesuus ulfina isaatiin dhufutti dha. Yeroo sanatti maal godha?

Yesuus akkana jedhe: “Ilmi namaa . . . yommuu dhufu, . . . Saboonni hundinuu isa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolota reʼoota irraa gargar foʼu, namoota gargar foʼa. Hoolota karaa mirga isaa, reʼoota garuu karaa bitaa isaa dhaabachiisa.”—Maatewos 25:31-33.

Yesuus hoolota karaa mirga isaa jiranii fi fudhatama argatan ilaalchisee akkana jedhe: “Achiis Mootichi warra karaa mirga isaa jiraniin akkana jedha: ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa; Mootummaa isa yeroo addunyaan hundeeffamee jalqabee isiniif qophaaʼe sana dhaalaa.’” (Maatewos 25:34) Hoolonni Mooticha biratti fudhatama kan argatan maaliifi?

Mootichi akkana jedhee ibse: “Ani beelaʼee na nyaachistaniittu; dheebodhee na obaastaniittu. Keessummaa taʼee na simattaniittu; ani daaree daara na baastaniittu. Dhukkubsadhee na kunuunsitaniittu. Hidhamees na gaafattaniittu.” Hoolonni kun jechuunis “qajeelonni,” wantoota gaarii kana kan godhan akkamitti akka taʼe yommuu isa gaafatan, “Wanti obboloota koo warra hundumaa irra xinnaatan kana keessaa isa tokkoof gootan, akka anaaf gootanitti lakkaaʼama” isaaniin jedhe. (Maatewos 25:35, 36, 40, 46) Namoonni dhukkubsatanii fi beelaʼan samii irra waan hin jirreef, wantoota kana kan godhan samii irratti miti. Wantoonni kun wantoota lafa irratti obboloota Kiristoosiif godhaman taʼuu qabu.

Reʼoota warra karaa bitaa isaa jiran ilaalchisee hoo maal jechuu dandeenya? Yesuus akkana jedhe: “Achiis mootichi warra karaa bitaa isaa jiraniin akkana jedha: ‘Isin abaaramoo nana, gara ibidda bara baraa isa Diyaabilosii fi maleekota isaatiif qophaaʼetti ana irraa deemaa. Sababiin isaas, ani beelaʼee na hin nyaachisne; dheebodhee na hin obaasne. Keessummaa taʼee na hin simanne; daaree daara na hin baasne; dhukkubsadhee akkasumas hidhamee na hin gaafanne.’” (Maatewos 25:41-43) Murtiin kun kan isaan irratti murteeffame, reʼoonni kun wanta isaan irraa eegamu, jechuunis obboloota Kiristoos warra lafa irra jiranitti gaarummaa waan hin argisiisneefi dha.

Ergamoonni murtiin gara fuulduraatti raawwatamu kun badiisa hin jijjiiramne, jechuunis badiisa bara baraa kan geessisu taʼuu isaa hubatan. Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Mootichis, ‘Dhuguman isiniin jedha, wanti obboloota koo warra hundumaa irra xinnaatan kana keessaa isa tokkoof utuu hin godhin haftan, anaaf utuu hin godhin akka haftanitti lakkaaʼama’ jedhee isaaniif deebisa. Warri kun gara badiisa bara baraatti, qajeelonni garuu gara jireenya bara baraatti deemu.”—Maatewos 25:45, 46.

Deebiin Yesuus gaaffii ergamoonni isaa gaafataniif kenne duuka buutonni isaa wantoota hedduu irratti akka yaadan kan isaan taasise siʼa taʼu, kunis ilaalchaa fi gocha isaanii akka qoran isaan gargaara.