Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 115

Faasikaan Yesuus Yeroo Xumuraatiif Kabaju Ni Dhihaate

Faasikaan Yesuus Yeroo Xumuraatiif Kabaju Ni Dhihaate

MAATEWOS 26:1-5, 14-19 MAARQOS 14:1, 2, 10-16 LUQAAS 22:1-13

  • YIHUDAA ASQOROTUUN YESUUSIIN DABARSEE AKKA KENNUUF QARSHIIN NI KENNAMEEF

  • ERGAMOONNI LAMA AYYAANA FAASIKAATIIF IDDOO QOPHEESSAN

Yesuus ergamoota isaa arfan Gaara Ejersaa irratti barsiisuu isaa xumure. Gaaffii isaan argamuu isaa fi dhuma sirna kanaa ilaalchisee isa gaafataniifis deebii kenne.

Niisaan 11 guyyaa itti hojiin isatti baayʼate dha! Yesuus, “Akkuma beektan guyyaa lama booda Ayyaanni Faasikaa ni kabajama; Ilmi namaas muka irratti fannifamuuf dabarfamee ni kennama” jedhee barattoota isaatti hime. Tarii akkana kan jedhe Bitaaniyaa buluuf yommuu deemanitti taʼuu hin oolu.—Maatewos 26:2.

Yesuus guyyaa itti aanu, jechuunis gaafa Roobii ergamoota isaa wajjin kophaatti dabarsuu hin oolu. Gaafa Kibxataa, geggeessitoota amantii ceephaʼee, akkasumas gocha isaanii namoota duratti saaxilee ture. Jarri kun isa ajjeesuu barbaadu. Kanaaf, guyyaa itti aanu galgala, jechuunis Niisaan 14 yommuu jalqabu Ayyaana Faasikaa ergamoota isaa wajjin erga aduun lixxee booda kabaju irraa, wanti tokko illee akka isa gufachiisu waan hin barbaanneef Niisaan 12 namoota kaanitti hin mulʼanne.

Haa taʼu malee, dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni sabichaa Ayyaana Faasikaa dura isa qabuuf carraaqqii gochuu isaanii hin dhiisne. Mooraa mana luba ol aanaa Qayyaafaa jedhamuu keessatti walitti qabaman. Maaliif? Yesuus waan isaan saaxileef baayʼee aaraniiru. Amma ‘haxxummaadhaan Yesuusiin qabanii isa ajjeesuuf’ waliin mariʼatan. Haa taʼu malee, kana kan godhan akkamittii fi yoomi? “Namoota gidduutti jeequmsi akka hin uumamnetti, kun guyyaa ayyaanaatti taʼuu hin qabu” waliin jedhan. (Maatewos 26:4, 5) Namoonni hedduun Yesuusiin waan jaallataniif sodaataniiru.

Utuu kanaan jiranii namni tokko gara isaanii dhufe. Namni kun Yihudaa Asqorotuu isa ergamoota Yesuus keessaa tokko taʼe dha. Gooftaa isaa dabarsee akka kennuuf Seexanni isaatti gale! Yihudaan, “Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne maal naa kennitu?” jedhee isaan gaafate. (Maatewos 26:15) Yaada kanatti waan gammadaniif “qarshii meetii isaaf kennuuf walii galan.” (Luqaas 22:5) Hammam? Qarshii meetii 30. Gatiin garbicha tokkoo qarshii meetii 30 taʼuun isaa xiyyeeffannaa kan harkisu dha. (Baʼuu 21:32) Geggeessitoonni amantii kun qarshii isaan isaaf kennuuf walii galan, Yesuusiin akka tuffatan kan argisiisu dha. Achiis Yihudaan “yeroo namoonni hin jirretti dabarsee isa kennuuf carraa gaarii barbaaduu” jalqabe.—Luqaas 22:6.

Niisaan 13, gaafa Roobii erga aduun lixxee booda jalqaba; amma Yesuus Bitaaniyaa kan bulu siʼa jaʼaffaa fi isa xumuraa ti. Guyyaa itti aanu Ayyaana Faasikaa kabajuuf qophiin xumuraa taasifamuu qaba. Hoolaan Niisaan 14 erga jalqabee booda qalamuu fi guutummaatti affeelamu qopheeffamuu qaba. Ayyaana kana eessatti kabaju? Wanta kana kan isaaniif qopheessu hoo eenyu laata? Yesuus dhimma kana balʼinaan hin ibsine. Kanaaf, Yihudaan kana ilaalchisee odeeffannoo luboota ol aanaatti himu hin qabu.

Guyyaan isaa Kamisa waaree booda taʼuu hin oolu, Yesuus Pheexirosii fi Yohaannisiin, “Dhaqaa Faasikaa akka nyaannuuf nuu qopheessaa” jedhee Bitaaniyaadhaa isaan erge. Isaanis, “Eessatti akka qopheessinu barbaadda?” jedhaniin. Innis akkana isaaniin jedhe: “Gara magaalaatti yommuu seentan namni okkotee bishaanii baate tokko isinitti dhufa. Isa duukaa buʼaatii mana namichi itti seenu sana dhaqaa. Abbaa manichaatiinis, ‘Barsiisaan, “Manni keessummaa iddoon ani barattoota koo wajjin Faasikaa itti nyaadhu eessa?” siin jedheera’ jedhaanii. Namichi sunis kutaa balʼaa fooqii irraa afamee qophaaʼe isinitti argisiisa. Achitti qopheessaa.”—Luqaas 22:8-12.

Abbaan manichaa barattoota Yesuus keessaa tokko akka taʼe hin shakkisiisu. Namni kun Yesuus ayyaanicha mana isaatti kabajuuf akka isa gaafatu eegee taʼuu dandaʼa. Ergamoonni lamaan Yerusaalemiin yommuu gaʼan wanti Yesuus isaanitti hime hundi akkuma inni jedhe taʼee argatan. Kanaaf ergamoonni kun hoolichas taʼe irbaata Faasikaa kan nyaatan namoota 13, jechuunis Yesuusii fi ergamoota 12 waan taʼaniif, wanta isaan barbaachisu hunda qopheessan.