Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 116

Faasikaa Isa Xumuraa Irratti Waaʼee Gad Of Qabuu Barsiise

Faasikaa Isa Xumuraa Irratti Waaʼee Gad Of Qabuu Barsiise

MAATEWOS 26:20 MAARQOS 14:17 LUQAAS 22:14-18 YOHAANNIS 13:1-17

  • YESUUS ERGAMOOTA ISAA WAJJIN FAASIKAA ISA XUMURAA NYAATE

  • MIILLA ERGAMOOTA ISAA DHIQUUDHAAN ISAAN BARSIISE

Ajaja Yesuusiin, Pheexirosii fi Yohaannis Faasikaadhaaf qophii gochuuf Yerusaalem gaʼaniiru. Yeroo booda, Yesuusii fi ergamoonni isaa kurnan achi deemuu jalqaban. Yeroon isaa waaree booda siʼa taʼu aduun kallattii dhihaatiin lixaa jirti, Yesuusii fi ergamoonni Gaara Ejersaa irraa buʼaa jiru. Yesuus duʼuu isaa dura, guyyaadhaan bakka kanatti kan argame yeroo xumuraatiifi dha.

Yeroo muraasa booda Yesuusii fi ergamoonni isaa magaalattii kan gaʼan siʼa taʼu, gara mana itti Faasikaa nyaatan dhaqaa jiru. Yaabbannoodhaan ol baʼanii kutaa balʼaa fooqii irra jirutti seenan. Achitti nyaata Faasikaa akka nyaataniif dhuunfaatti qophiin isaaniif taasifamee argan. Yesuus, “Dhiphinni ana irra gaʼuu isaa dura, Faasikaa kana isinii wajjin nyaachuuf baayʼee hawwaan ture” waan jedheef, yeroo kana hawwiidhaan eegaa ture jechuun ni dandaʼama.—Luqaas 22:15.

Aadaan xoofoowwan wayinii namoota Faasikaa irratti argamaniif naannessuu, waggoota hedduu dura jalqabame. Amma Yesuus xoofoo fuudhee erga galateeffatee booda akkana jedhe: “Kana fudhadhaa, hundi keessan wal harkaa fuudhaa dhugaa; ani isinitti nan hima, ammaa jalqabee hamma Mootummaan Waaqayyoo dhufutti firii wayinii irraa hin dhugu.” (Luqaas 22:17, 18) Akkana jechuun isaa yeroo inni itti duʼu akka dhihaate argisiisa.

Utuma Faasikaa nyaachaa jiranii wanti adda taʼe tokko ni uumame. Yesuus kaʼee, uffata isa irra keessatti uffatu of irraa fuudhee, fooxaa fudhate. Achiis qodaa dhiqannaa naannoo sana jiru fuudhee bishaan itti naqe. Namni keessummaa simatu, keessummoonni isaa miilla akka dhiqatan gochuun isaa baramaa ture; miilla keessummootaa kan dhiqu garba taʼuu hin oolu. (Luqaas 7:44) Yeroo kanatti garuu namni isaan simate waan hin jirreef, Yesuustu isaan tajaajile. Ergamoonni isaa carraa kanatti fayyadamanii akkana gochuu kan dandaʼan taʼus, isaan keessaa namni akkana godhe hin jiru. Tarii amma iyyuu morkiin isaan gidduu waan jiruufii laata? Sababni isaa maal iyyuu yoo taʼe, Yesuus miilla isaanii dhiquun isaa isaan qaanesse.

Yesuus gara isaa ennaa dhufu, Pheexiros, “Ati matumaa miilla koo anaaf hin dhiqxu” jedhe. Yesuusis deebisee, “Miilla kee yoon sii dhiqe malee, ati ana biraa qooda hin qabaattu” jedheen. Achiis Pheexiros, “Yaa Gooftaa, yoos immoo miilla koo qofa utuu hin taʼin, harka koo fi mataa koos anaaf dhiqi” jedhe. Yeroo kanatti deebii Yesuus isaa kenne isa dinqisiisee taʼuu qaba. Akkana isaan jedhe: “Namni qaama isaa dhiqate hundi guutummaatti qulqulluu waan taʼeef, miilla isaa dhiqachuu qofatu isa barbaachisa. Isin qulqulluu dha, garuu hunda keessan miti.”—Yohaannis 13:8-10.

Yesuus Yihudaa Asqorotuu dabalatee, miilla ergamoota isaa 12 dhiqe. Achiis uffata isa irra keessatti uffatu deebisee erga uffatee booda, gara maaddiitti deebiʼee akkana jedhe: “Wanta ani isiniif godhe hubattaniittuu? Isin ‘Barsiisaa’ fi ‘Gooftaa’ jettanii na waamtu; anis akkuma sana waanan taʼeef kana jechuun keessan sirrii dha. Kanaaf, ani Gooftaa fi Barsiisaa taʼee utuun jiruu miilla keessan ergan dhiqee, isinis miilla keessan waliif dhiquu qabdu. Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani fakkeenya isiniif taʼeera. Dhuguma dhuguman isiniin jedha, garbichi gooftaa isaa irra hin caalu, inni ergames isa isa erge irra hin caalu. Isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha.”—Yohaannis 13:12-17.

Kun gad of qabanii warra kaan tajaajiluu ilaalchisee barumsa iddoo guddaa qabu dha! Duuka buutonni Yesuus warra kaan akka caalanii fi tajaajilamuu akka qaban yaaduudhaan iddoo guddaa hin barbaadan. Kanaa mannaa, akka sirna amantiitti ilaaluudhaan miilla namaa dhiquu utuu hin taʼin, namoota utuu wal hin caalchisin gad of qabanii tajaajiluudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu qabu.