Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 121

“Jabaadhaa! Ani Addunyaa Moʼeera”

“Jabaadhaa! Ani Addunyaa Moʼeera”

YOHAANNIS 16:1-33

  • YEROO GABAABAA BOODA ERGAMOONNI YESUUSIIN HIN ARGAN

  • GADDI ERGAMOOTAA GAMMACHUUTTI JIJJIIRAMA

Yesuusii fi ergamoonni isaa kutaa fooqii irra jiruu fi irbaata Faasikaa itti nyaatan keessaa baʼuuf qophaaʼaniiru. Yesuus gorsa garaa garaa erga isaanii kennee booda, “Ani akka isin hin gufanneef, wantoota kana isinitti himeera” isaaniin jedhe. Akeekkachiisni akkanaa kan barbaachise maaliifi? Akkana jedhe: “Namoonni mana sagadaa keessaa isin baasu. Dhuguma iyyuu, saʼaatiin namni isin ajjeesu hundi Waaqayyoof tajaajila qulqulluu akka dhiheessu isatti dhagaʼamu ni dhufa.”—Yohaannis 16:1, 2.

Yaadni kun ergamoota naasisee taʼuu dandaʼa. Yesuus kanaan dura addunyaan akka isaan jibbu kan isaanitti hime taʼus, ajjeefamuu akka dandaʼan kallattiidhaan isaanitti hin himne. Maaliif? Yesuus, “Ani isinii wajjin waanan tureef, jalqaba irratti wantoota kana isinitti hin himne” jedhe. (Yohaannis 16:4) Yeroo kanatti isaan biraa deemuu isaa dura isaan akeekkachiisaa jira. Kunis yeroo booda akka isaan hin gufanne isaan gargaaruu dandaʼa.

Yesuus itti fufee, “Amma garuu gara isa na erge Sanaa nan dhaqa; haa taʼu malee isin keessaa namni, ‘Ati eessa dhaqxa?’ jedhee na gaafatu hin jiru” jedhe. Galgaluma kana yeroo muraasa dura eessa akka dhaqu isa gaafatanii turan. (Yohaannis 13:36; 14:5; 16:5) Amma garuu ariʼatama ilaalchisee wanti inni dubbate waan isaan naasiseef, gaddaan liqimfamaniiru. Kanaaf, waaʼee ulfina isa eeggatuu ykn kun waaqeffattoota dhugaatiif maal akka argamsiisu isa hin gaafanne. Yesuus haala isaanii waan hubateef, “Ani wantoota kana waanan isinitti himeef, garaan keessan gaddaan guutameera” jedhe.—Yohaannis 16:6.

Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Ani deemuun koo isiniif faayidaa qaba. Sababiin isaas, ani yoon deeme malee gargaaraan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa gara keessanitti nan erga.” (Yohaannis 16:7) Barattoonni, hafuura qulqulluu, jechuunis gargaaraa isa inni saba isaa lafa irra jiraniif ergu argachuu kan dandaʼan yoo Yesuus duʼee fi gara samii deeme qofa dha.

Hafuurri qulqulluun, “waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaa fi waaʼee murtii ragaa amansiisaa addunyaatti dhiheessa.” (Yohaannis 16:8) Eeyyee, addunyaan Ilma Waaqayyootti kan hin amanne taʼuun isaa ni saaxilama. Yesuus gara samii kan deemu taʼuun isaa akka inni qajeelaa taʼe ragaa amansiisaa dhiheessa. Akkasumas, Seexanni ‘inni bulchaa addunyaa kanaa’ taʼe murtiin kan isaaf malu maaliif akka taʼe hubachiisa.—Yohaannis 16:11.

Yesuus itti fufee, “Ani amma iyyuu wantootan isinitti himu hedduun qaba, isin garuu amma isaan baachuu hin dandeessan” jedhe. Yeroo hafuura qulqulluu dhangalaasutti, “dhugaa hundatti” kan isaan qajeelchu siʼa taʼu, dhugaa sanaan jiraachuu ni dandaʼu.—Yohaannis 16:12, 13.

Yaadni Yesuus itti fufuudhaan, “Yeroo gabaabduu booda ana hin argitan, ammas yeroo gabaabduu booda na argitu” jedhee dubbate, ergamootatti bitaa waan taʼeef maal jechuu isaa akka taʼe wal gaafatan. Yesuus waaʼee dhimma kanaa isa gaafachuu akka barbaadan waan hubateef, akkana jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin ni boossu, wayyoo wayyoos ni jettu, addunyaan garuu ni gammada; isin ni gadditu gaddi keessan garuu gara gammachuutti ni jijjiirama.” (Yohaannis 16:16, 20) Yesuus guyyaa itti aanutti yeroo ajjeefamu geggeessitoonni amantii ni gammadu, barattoonni isaa garuu ni gaddu. Yeroo duʼaa kaafamutti gaddi isaanii gammachuutti jijjiirama! Yeroo inni hafuura Waaqayyoo isaan irratti dhangalaasu immoo gammachuun isaanii itti fufa.

Yesuus haala ergamootaa dubartii ciniinsuun qabetti fakkeessuudhaan akkana jedhe: “Dubartiin tokko yommuu daʼuuf jettu saʼaatiin ishii waan gaʼeef ni gadditi, erga mucaa deessee booda garuu namni tokko gara addunyaa waan dhufeef, gammachuu ishii irraa kan kaʼe sana booda dhiphina ishii hin yaadattu.” Achiis, akkana jechuudhaan isaan jajjabeesse: “Isinis amma gadditaniittu; haa taʼu malee ani lammata waanan isin arguuf garaan keessan ni gammada; gammachuu keessanis eenyu illee isin jalaa hin fudhatu.”—Yohaannis 16:21, 22.

Hanga yeroo kanaatti ergamoonni maqaa Yesuusiin kadhatanii hin beekan. Amma garuu Yesuus, “Guyyaa sanatti isin maqaa kootiin Abbaa ni kadhattu” jedhe. Akkana kan godhan maaliifi? Abbaan isaaniif deebisuu waan hin barbaadneef miti. Yesuus, “Isin waan na jaallattanii fi Waaqayyoon bakka buʼee akkan dhufe waan amantaniif, Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin ni jaallata” jedhe.—Yohaannis 16:26, 27.

Yaadni jajjabinaa Yesuus ergamoota isaatti dubbate, ija jabinaan ‘Kanaan ati Waaqayyo biraa akka dhufte amanneerra’ jedhanii akka dubbatan isaan taasisee taʼuu hin oolu. Amantiin isaanii kun dhiheenyatti ni qorama. Yesuus akka armaan gadii jechuudhaan wanta gara fuulduraatti isaan eeggattu dubbate: “Kunoo saʼaatiin hundi keessan kophaatti na dhiistanii gara mana mana keessaniitti itti faffacaatan dhufaa jira.” Taʼus akkana jedhee isaan jajjabeesse: “Isin karaa koo nagaa akka argattaniif, ani wantoota kana isinitti himeera. Addunyaa keessatti rakkinni isin irra gaʼa, garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera.” (Yohaannis 16:30-33) Yesuus matumaa kophaatti isaan hin dhiisu. Yesuus, Seexannii fi addunyaan isaa ejjennoo isaanii akka laaffisan gochuuf yaalanis, ergamoonni isaa amanamummaadhaan fedhii Waaqayyoo raawwachuudhaan akkuma isaa addunyaa moʼuu akka dandaʼan mirkanaaʼaa dha.