Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 128

Philaaxosis Taʼe Heroodis Balleessaa Isa Irratti Hin Arganne

Philaaxosis Taʼe Heroodis Balleessaa Isa Irratti Hin Arganne

Yesuus mootii taʼuu isaa Philaaxosiin dhoksuuf hin yaalle. Taʼus Mootummaan isaa mootummaa Roomaa irratti miidhaa akka hin geessisne akkana jedhee ibse: “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti. Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa utuu taʼee, Yihudootatti dabarfamee akkan hin kennamneef tajaajiltoonni koo anaaf lolu turan. Amma garuu Mootummaan koo addunyaa kana irraa miti.” (Yohaannis 18:36) Yesuus Mootummaa qaba; taʼus addunyaa kana irratti kan argamu miti.

Philaaxos dhimmicha kanumaan hin dhiisne. Kanaaf, “Maarree ati mootii dhaa?” jedhee isa gaafate. Yesuus akkana jedhee deebisuudhaan, Philaaxos yaada xumuraa dhugaa taʼe irra akka gaʼu isa taasise: “Ani dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf dhaladheera; kanaafis gara addunyaa dhufeera. Namni dhugaa cinaa dhaabatu hundi sagalee koo ni dhagaʼa.”—Yohaannis 18:37.

Yesuus kanaan dura Toomaasiin, “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana” jedhee ture. Amma immoo Philaaxosumti iyyuu kaayyoon Yesuus gara lafaatti itti ergame, ‘dhugaadhaaf’ keessumaa immoo dhugaa waaʼee Mootummichaa ibsuuf dhugaa baʼuuf akka dhufe dhagaʼe. Yesuus lubbuu isaa kan isa dhabsiisu yoo taʼe illee, dhugaa kanaaf amanamaa taʼuuf murteesseera. Philaaxos, “Dhugaan maali dha?” jedhee kan gaafate taʼus, ibsi dabalataa hamma isaaf kennamutti hin eegne. Nama kana irratti murtii dabarsuuf odeeffannoo gaʼaa akka argate isatti dhagaʼame.—Yohaannis 14:6; 18:38.

Philaaxos gara namoota masaraa mootummaa alatti isa eegaa jiranitti deebiʼe. Dura buutota lubootaa fi namoota isaanii wajjin jiraniin, “Ani namicha kana irratti yakka tokko illee hin arganne” jedhe. Yeroo kanatti Yesuusiin of bira dhaabee taʼuu hin oolu. Namoonni kun murtii kanatti aaruudhaan, “Inni, guutummaa Yihudaa keessatti, Galiilaadhaa jalqabee hanga asiitti barsiisee namoota kakaasaa jira” jedhan.—Luqaas 23:4, 5.

Jibbi Yihudoonni argisiisan kun Philaaxosiin ajaaʼibsiisee taʼuu qaba. Dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni sabichaa iyyuu isaanii yommuu itti fufan Philaaxos, “Wanta meeqaan yommuu si irratti ragaa baʼan hin dhageessuu?” jedhee Yesuusiin gaafate. (Maatewos 27:13) Yesuus garuu deebii tokko iyyuu hin kennine. Himanni buʼuura hin qabne akkasii yommuu isa irratti dhihaatu Yesuus callisuun isaa Philaaxosiin ni ajaaʼibsiise.

Yihudoonni, Yesuus kana kan godhe “Galiilaadhaa jalqabee” akka taʼe ibsan. Philaaxos odeeffannoo kana argachuun isaa Yesuus nama Galiilaa akka taʼe isa hubachiise. Kun, Philaaxos Yesuusitti murteessuu irraa karaa itti walaba of baasu isaaf argamsiise. Bulchaan Galiilaa Heroodis Antiiphaas (ilma Heroodis isa Guddichaa) Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem dhufeera. Kanaaf, Philaaxos Yesuusiin gara Heroodisitti erge. Heroodis Antiiphaas kun, isa morma Yohaannis Cuuphaa kuchisiise dha. Yeroo booda, Heroodis Yesuus dinqiiwwan hojjechaa akka jiru yommuu dhagaʼe, Yohaannis waan duʼaa kaʼee fi Yesuus inni jedhamu Yohaannis isatti fakkaatee sodaatee ture.—Luqaas 9:7-9.

Heroodis amma Yesuusiin arguuf carraa argachuu isaatti gammadeera. Kan gammade garuu Yesuusiin gargaaruu ykn himanni isa irratti dhihaate dhugaa taʼuu fi dhiisuu isaa qulqulleeffachuu waan barbaadeef miti. Heroodis “yommuu inni dinqiiwwan tokko tokko hojjetus arguuf hawwaa” waan tureefi dha. (Luqaas 23:8) Yesuus garuu wanta Heroodis arguuf hawwe hin hojjenne. Heroodis yommuu gaaffii isa gaafatu, Yesuus deebii tokko iyyuu hin kennine. Heroodisii fi loltoonni isaa aaranii Yesuusiin ni ‘salphisan.’ (Luqaas 23:11) Uffata bareedaa isatti uffisanii itti qoosan. Achiis Heroodis deebisee gara Philaaxositti isa erge. Heroodisii fi Philaaxos sana dura diinota walii kan turan taʼus, amma michoota walii taʼan.

Yesuus yommuu deebiʼu, Philaaxos dura buutota lubootaa, geggeessitoota Yihudootaa fi namoota kaan walitti sassaabee akkana jedhe: “Ani garuu isin duratti isa qoree, himata isin nama kana irratti dhiheessitaniif wanta buʼuura taʼu tokko illee hin arganne. Heroodisis homaa waan isa irratti hin arganneef gara keenyatti deebisee isa ergeera; namni kun wanta isa ajjeesisu tokko illee hin hojjenne. Kanaaf, adabeen isa gadhiisa.”—Luqaas 23:14-16.

Philaaxos, dura buutonni lubootaa hinaaffaadhaan dabarsanii akka isa kennan waan hubateef, Yesuusiin hiikuu barbaade. Carraaqqii Yesuusiin hiikuuf gocha jiru akka itti fufu haalli taasisu gara biraanis ni uumame. Utuu inni barcuma murtii irra taaʼee jiruu, haati manaa isaa ergaa akkana jedhu isatti ergite: “Ani sababii isaatiin eda halkan abjuudhaan [Waaqayyo biraa taʼuu hin oolu] baayʼee dhiphachaa waanan buleef nama qajeelaa sana waan tokko iyyuu akka hin goone.”—Maatewos 27:19.

Philaaxos Yesuusiin hiikuu kan barbaade maaliifi?