Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 133

Yesuus Ni Awwaalame

Yesuus Ni Awwaalame

MAATEWOS 27:57–28:2 MAARQOS 15:42–16:4 LUQAAS 23:50–24:3 YOHAANNIS 19:31–20:1

  • REEFFI YESUUS MUKA IRRAA BUUFAME

  • REEFFI ISAA AWWAALCHAAF QOPHEEFFAME

  • DUBARTOONNI BAKKI AWWAALAA DUWWAA TAʼEE ARGAN

Guyyaan isaa Jimaata Niisaan 14 gara galgalaa ti. Yommuu aduun lixxu Sanbata Niisaan 15ttu jalqaba. Yesuus dursee kan duʼe siʼa taʼu, saamtonni lamaan isa cinaatti fannifaman garuu amma iyyuu hin duune. Akka Seerichaatti reeffi nama duʼee “guyyaadhuma sana” awwaalamuu qaba malee, ‘muka irra buluu’ hin qabu.—Keessa Deebii 21:22, 23.

Kana malees, guyyaa namoonni nyaata itti qopheessanii fi wantoota ariifachiisaa hanga Sanbanni darbutti turuu hin dandeenye hunda itti xumuran waan taʼeef, guyyaan Jimaataa Guyyaa Qophii jedhamee waamama. Aduun yommuu lixxu Sanbata dachaa ykn ‘Sanbata guddaatu’ jalqaba. (Yohaannis 19:31) Niisaan 15 guyyaa jalqabaa Ayyaana Maxinoo isa guyyoota torbaaf kabajamu dha; guyyaan jalqabaa ayyaana kanaa yeroo hunda Sanbata irra oola. (Lewwoota 23:5, 6) Yeroo kanatti guyyaan jalqabaa ayyaana kanaa Sanbata torbanii, jechuunis guyyaa torbaffaa wajjin wal irra oole.

Kanaaf Yihudoonni, Yesuusii fi saamtonni isa cinaatti fannifaman lamaan dafanii akka duʼan akka godhu Philaaxosiin gaafatan. Akkas gochuun kan dandaʼamu akkamitti? Lafee miilla isaanii cabsuudhaani dha. Lafeen miilla isaanii yoo cabe qaama isaanii ol qabuu fi hafuura baafachuun akka isaanitti ulfaatu taasisa. Loltoonni dhufanii miilla saamtota kana lamaanii cabsan. Yesuus garuu duʼee waan tureef lafee miilla isaa hin cabsine. Kun raajiin Faarfannaa 34:20 irra jiruu fi “Lafee dhagna isaa hundumaa inni in eega, isaan keessaas tokko illee hin cabu” jedhu akka raawwatamu taasise.

Yesuus akka duʼe mirkaneessuuf loltoota kana keessaa tokko eeboodhaan cinaacha isaa irra naannoo onnee isaa waraane. “Yeruma sana dhiignii fi bishaan keessaa yaaʼe.” (Yohaannis 19:34) Kun immoo raajiin gara biraan, “Isaanis isa waraanan sana in ilaalu” jedhu akka raawwatamu taasise.—Zakaariyaas 12:10.

“Namni sooressi” magaalaa Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi miseensa Saanhediriin beekamaa taʼe, Yesuus yommuu ajjeefamu bakka kana ture. (Maatewos 27:57) Yoseef, “nama gaarii fi qajeelaa” ‘mootummaa Waaqayyoo eeggatu’ akka taʼe ibsameera. Inni, “Yihudoota waan sodaateef dhoksaatti barataa Yesuus” kan taʼe yommuu taʼu, murtii manni murtichaa Yesuus irratti dabarse hin deggerre. (Luqaas 23:50; Maarqos 15:43; Yohaannis 19:38) Yoseef reeffa Yesuus akka isaaf kennu ija jabinaan Philaaxosiin gaafate. Philaaxosis ajajaa loltootaa murtii Yesuus irratti darbe raawwachiisee fi inni duʼuu isaa mirkaneesse waame. Achiis, reeffa Yesuus Yoseefiif kenne.

Yoseef uffata quncee talbaa irraa hojjetamee fi qulqulluu taʼe bitee fide; qaama Yesuusis muka irraa buuse. Achiis awwaalchaaf qopheessuuf reefficha uffatichaan kafane. Niqodimoos “inni kana dura halkaniin gara [Yesuus] dhufee ture” reefficha qopheessuu irratti isa gargaare. (Yohaannis 19:39) Muka qumbii fi sabirii gara kiiloo giraamii 33 taʼuu fi gatii guddaa baasu fidee dhufe. Reeffi Yesuus, uffata urgooftuu kana qabateen kafanamee akka aadaa Yihudootaatti awwaalchaaf qophaaʼe.

Yoseef awwaala kattaa keessatti qopheeffamee fi namni keessatti awwaalamee hin beekne naannoo sanaa qaba; reeffi Yesuusis achi keessa kaaʼame. Achiis balballi awwaalichaa dhagaa guddaadhaan cufame. Kana kan godhan guyyaan Sanbataa utuu hin jalqabin ariitiidhaani dha. Maariyaam Magdalaa fi Maariyaam haati Yaaqoob isa quxisuu reeffa Yesuus qopheessuu irratti gargaaruu hin oolan. Sanbata booda qaama Yesuus akka gaariitti qopheessuu akka dandaʼanitti, “urgooftuu fi dibata urgaaʼu qopheessuuf” ariitiidhaan gara manaatti deebiʼaa jiru.—Luqaas 23:56.

Sanbata guyyaa itti aanuutti, dura buutonni lubootaa fi Fariisonni Philaaxos bira dhaqanii akkana jedhan: “Fakkeessituun sun utuu lubbuudhaan jiruu, ‘Guyyaa sadii booda nan kaʼa’ jedhee akka ture yaadanne. Kanaaf, barattoonni isaa dhufanii reeffa isaa hatanii namootaanis ‘Inni duʼaa kaʼeera!’ akka hin jenneef, awwaalichi hanga guyyaa sadiitti akka eegamu ajaji. Kun taʼuu baannaan garuu gowwoomsaan inni boodaa isa duraa caalaa gadhee taʼa.” Philaaxosis, “Eegdota qabdu. Isinumti dhaqaatii akka beektanitti eegsifadhaa” isaaniin jedhe.—Maatewos 27:63-65.

Dilbata bariidhaan, Maariyaam Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi dubartoonni kaan reeffa Yesuusitti dibuuf urgooftuu fidanii bakka awwaalaa dhufan. Dubartoonni kun, “Eenyutu afaan awwaalichaa irraa dhagicha nuuf gangalcha?” waliin jedhan. (Maarqos 16:3) Yeroo kanatti kirkirri lafaa ni taʼe. Maleekaan Waaqayyoo dhagicha gangalchee irraa kaase, eegdonni iddoo sanaa deeman, bakki awwaalchaa garuu duwwaa dha!