Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 134

Bakka Awwaalaa Duwwaa—Yesuus Duʼaa Kaʼe!

Bakka Awwaalaa Duwwaa—Yesuus Duʼaa Kaʼe!

MAATEWOS 28:3-15 MAARQOS 16:5-8 LUQAAS 24:4-12 YOHAANNIS 20:2-18

  • YESUUS DUʼAA KAAFAME

  • WANTA BAKKA AWWAALAA YESUUSITTI TAʼE

  • DUBARTOOTA GARAA GARAATTI MULʼATE

Dubartoonni kun bakka awwaalaa duwwaa taʼe yommuu argan baayʼee naʼanii taʼuu qaba! Maariyaam Magdalaan, gara “Simoon Pheexirosii fi barataa kan biraa isa Yesuus jaallatu[utti]” fiigde. Barataan kun Yohaannis ergamaa dha. (Yohaannis 20:2) Taʼus, dubartoonni gara biraan bakka awwaalaa kana jiran maleekaa tokko argan. Bakka awwaalaa kana keessa immoo maleekaa “uffata adii uffate” gara biraatu jira.—Maarqos 16:5.

Ergamaan inni tokko akkana isaaniin jedhe: “Hin sodaatinaa, Yesuus isa muka irratti fannifamee ture sana barbaadaa akka jirtan ani beeka. Inni akkuma jedhee ture duʼaa waan kaʼeef amma as hin jiru. Kottaa, bakka reeffi isaa kaaʼamee ture iyyuu ilaalaa. Kanaaf dafaa dhaqaatii, ‘Inni duʼaa kaʼeera, isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa, isin achitti isa ni argitu’ jedhaa barattoota isaatti himaa.” (Maatewos 28:5-7) Kanaaf, dubartoonni kun “hollachaa fi ajaaʼibsiifachaa” barattootatti himuuf fiigaa deeman.—Maarqos 16:8.

Amma Maariyaam, Pheexirosii fi Yohaannisiin argite. Arganaa, “Gooftaa awwaalcha keessaa fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeknu” isaaniin jette. (Yohaannis 20:2) Pheexirosii fi Yohaannis fiiguu jalqaban. Yohaannis Pheexiros caalaa saffisa waan qabuuf dursee bakka awwaalichaa gaʼe. Gad jedhee achi keessa yommuu ilaalu kafana qofa arge; garuu keessa hin seenne.

Pheexiros akkuma achi gaʼeen awwaalicha keessa seene. Uffata quncee talbaa irraa hojjetamee fi huccuu mataa Yesuusitti maramee ture arge. Yohaannisis bakka awwaalichaatti ol seenee erga ilaalee booda wanta Maariyaam dubbatte amane. Yesuus kanaan dura isaanitti himee kan ture taʼus, isaan keessaa namni akka inni duʼaa kaʼe hubate hin jiru. (Maatewos 16:21) Wanti taʼe kun dalga isaanitti taʼaa gara manaatti deebiʼan. Maariyaam ishiin bakka awwaalaatti deebite garuu achumatti hafte.

Yeroo kanatti, dubartoonni kaan Yesuus duʼaa akka kaafame barattootatti himuuf deemaa jiru. Utuu isaan fiigaa jiraniis Yesuus isaanitti dhufee, “Nagaan isiniif haa taʼu!” jedhe. Isaanis miilla isaa irratti kufanii “isaaf sagadan.” Achiis Yesuus, “Hin sodaatinaa! Gara Galiilaa dhaqanii achitti akka na argan obboloota kootti himaa” isaaniin jedhe.—Maatewos 28:9, 10.

Yeroo kirkirri lafaa taʼee fi maleekonni mulʼatanitti loltoonni bakka awwaalichaa turan ‘hollatanii akka nama duʼee taʼanii’ turan. Erga of baranii booda gara magaalaa dhaqanii “wanta taʼe hunda dura buutota lubootaatti himan.” Luboonnis maanguddoota Yihudootaa wajjin dhimmicha irratti mariʼatan. Achiis wanta taʼe dhoksuuf loltoota kanaaf mattaʼaa kennuudhaan, “Barattoonni isaa halkan dhufanii utuu nuti rafaa jirruu reeffa isaa hatan” jedhanii akka dubbatan gochuuf murteessan.—Maatewos 28:4, 11, 13.

Loltoonni Roomaa hojii isaanii irra utuu jiranii yoo rafan ajjeefamuu dandaʼu. Kanaaf luboonni akkana jedhanii waadaa galan: “Wanti kun [sobni waaʼee rafuu isaanii dubbatamu] gurra bulchaa biyyaa yoo buʼe, nuti dhimma kana isaaf ni ibsina; isin hin yaaddaʼinaa.” (Maatewos 28:14) Loltoonni kun mattaʼaa fudhatanii wanta luboonni jedhan raawwatan. Kanaaf, sobni reeffi Yesuus akka hatame odeeffamu Yihudoota gidduutti babalʼate.

Maariyaam Magdalaan amma iyyuu bakka awwaalichaatti gaddaa jirti. Gad jedhee awwaalicha keessa yommuu ilaaltu maleekota uffata adii uffatan lama argite! Maleekaan inni tokko bakka reeffi Yesuus kaaʼamee ture karaa mataa isaa, inni tokko immoo karaa miilla isaa taaʼaniiru. Maleekonni kun, “Dubartii nana maaliif boossa?” jedhaniin. Maariyaam, “Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeku” isaaniin jette. Maariyaam duubatti yommuu garagaltu nama tokko argite. Innis gaaffii maleekonni kun gaafatanii turan erga ishii gaafatee booda, “Eenyuun barbaadda?” jedheen. Ishiinis nama ashaakiltii kunuunsu waan ishiitti fakkaateef, “Yaa gooftaa, situ fudhate yoo taʼe, ani akkan isa fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi” jetteen.—Yohaannis 20:13-15.

Maariyaam haasofsiisaa kan jirtu Yesuus isa duʼaa kaafame taʼus, yeroo kanatti isa hin beekne. Yommuu inni “Maariyaam!” jedhee ishii waamu garuu Yesuus taʼuu isaa barte. Isa baruu kan dandeesses akkaataa kanaan dura ittiin ishii waamuun waan ishii waameefi dha. Maariyaam gammachuudhaan “Raaboonii!” (hiikni isaa “Barsiisaa!” jechuu dha) jetteen. Maariyaam, Yesuus gara samiitti ol baʼa jettee waan sodaatteef isa qabde. Kanaaf, Yesuus akkana ishiidhaan jedhe: “Ani amma iyyuu gara Abbaatti waanan ol hin baaneef, jabeessitee na hin qabin. Kanaa mannaa dhaqiitii obboloota kootiin, ‘Ani gara Abbaa koo fi gara Abbaa keessanitti, gara Waaqa koo fi gara Waaqa keessanitti ol nan baʼa’ jedhii isaanitti himi.”—Yohaannis 20:16, 17.

Maariyaam bakka ergamoonnii fi barattoonni walitti qabamanii jiranitti fiigde. Achiis, “Ani Gooftaa argeera!” isaaniin jette. Wanta kana dubartoota warra kaan irraas dhagaʼanii turan. (Yohaannis 20:18) Taʼus, wanti isaan dhagaʼan kun ‘oduu faayidaa hin qabne isaanitti fakkaate.’—Luqaas 24:11.