Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 139

Yesuus Jannata Deebisee Fiduudhaan Hojii Isaaf Kenname Xumura

Yesuus Jannata Deebisee Fiduudhaan Hojii Isaaf Kenname Xumura

1 QORONTOS 15:24-28

  • WANTA XUMURA IRRATTI HOOLOTAA FI REʼOOTA EEGGATU

  • NAMOONNI HEDDUUN LAFA JANNATA TAATU KEESSA JIRAATU

  • YESUUS, KARAA, DHUGAA FI JIREENYA TAʼUU ISAA MIRKANEESSA

Yesuus cuuphamee baayʼee utuu hin turin, tajaajila isaa illee utuu hin jalqabin diinni isa gufachiisuuf kutatee kaʼe tokko isa mudatee ture. Eeyyee, Diyaabilos irra deddeebiʼee Yesuusiin qoruuf yaaleera. Yesuus yeroo booda, ‘bulchaan addunyaa kanaa dhufaa akka jiruu fi inni isa irratti aangoo akka hin qabne’ dubbateera.—Yohaannis 14:30.

Yohaannis ergamaan, “jawwee guddaan sun, jechuunis bofti inni jalqabaa, inni Diyaabilosii fi Seexana jedhamu” gara fuulduraatti maaltu akka isa eeggatu mulʼataan argeera. Diinni ilmaan namootaa hamaa taʼe kun samii irraa ariʼameera. “Yeroo gabaabaa akka qabu waan beekeef aarii guddaadhaan . . . gad buʼeera.” (Mulʼata 12:9, 12) Kiristiyaanonni “yeroo gabaabaa” kana keessa jiraachaa akka jiran, akkasumas dhiheenyatti yeroo Yesuus Mootummaa Waaqayyoo keessatti waggaa 1,000f bulchutti ‘jawween kun, jechuunis bofti inni jalqabaa’ boolla qilee keessatti darbatamee sochii tokko illee gochuu akka hin dandeenye amanuuf sababii gaʼaa qabu.—Mulʼata 20:1, 2.

Yeroo sanatti lafa ishii bakka jireenyaa keenya taate irratti maaltu raawwatama? Lafa irra kan jiraatan eenyu faʼi? Kan jiraatan hoo haala akkamii keessa dha? Yesuus, gaaffiiwwan kanaaf deebii kenneera. Fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbate irratti, namoonni qajeeloon hoolotatti fakkeeffamanii fi waan gaarii isaaniif gochuudhaan obboloota Yesuus deggeran gara fuulduraatti maal akka argatan ibseera. Namoota reʼootatti fakkeeffamanii fi gocha wanta warri hoolotatti fakkeeffaman hojjetan irraa faallaa taʼe hojjetan irra maal akka gaʼu dubbateera. Yesuus, “Warri kun [reʼoonni] gara badiisa bara baraatti, qajeelonni [hoolonni] garuu gara jireenya bara baraatti deemu” jedheera.—Maatewos 25:46.

Kun wanta Yesuus yakkamaa isa cinaatti fannifametti dubbate akka hubannu nu gargaara. Waadaan Yesuus nama kanaaf gale, abdii inni ergamoonni isaa warri amanamoon miseensa Mootummaa samii akka taʼaniif kennee wajjin tokko miti. Yesuus yakkamaa yaada geddarate kanaan, “Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin Jannata keessa taata” jechuudhaan waadaa isaaf galeera. (Luqaas 23:43) Kanaaf, namichi kun Jannata keessa, jechuunis bakka ashaakiltii miidhagaa taʼe keessa jiraachuuf abdii qaba. Namoonni yeroo harʼaa hoolotatti fakkeeffamanii fi “gara jireenya bara baraatti” deemanis Jannata kana keessa jiraatu jechuun ni dandaʼama.

Kun haala yeroo sanatti lafa irra jiraatu ilaalchisee wanta Yohaannis dubbatee wajjin kan wal simu dha. Akkana jedhe: “Dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira; innis isaanii wajjin jiraata; isaanis saba isaa ni taʼu. Waaqayyos ofii isaa isaanii wajjin ni taʼa. Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:3, 4.

Namni yakkamaan sun Jannata keessa jiraachuuf duʼaa kaafamuu qaba. Kan duʼaa kaafamu immoo isa qofa miti. Yesuus dhimma kana akkana jechuudhaan ifa godheera: “Saʼaatiin namoonni duʼanii awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa; warri wanta gaarii hojjetan duʼaa kaʼiinsa jireenyaatiif warri wanta gadhee hojjetan immoo duʼaa kaʼiinsa murtiitiif awwaala keessaa ni baʼu.”—Yohaannis 5:28, 29.

Waaʼee ergamoota amanamoo taʼanii fi namoota muraasa kan biraa Yesuusii wajjin samii irra jiraatanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Kitaabni Qulqulluu, “Isaan luboota Waaqayyoo fi luboota Kiristoos taʼu, mootota taʼaniis waggaa 1,000f Kiristoosii wajjin ni bulchu” jedha. (Mulʼata 20:6) Namoonni Kiristoosii wajjin bulchan kun dhiirotaa fi dubartoota warra lafa irra jiraachaa turan keessaa filatamani dha. Kanaaf, yommuu samii irra taʼanii bulchan miira namoota lafa irra jiranii ni hubatu; gara laafinaanis isaan gargaaru.—Mulʼata 5:10.

Yesuus, ilmaan namootaa lafa irra jiran aarsaa furii isaa irraa akka fayyadaman gochuudhaan cubbuu irraa walaba isaan baasa. Innii fi warri isaa wajjin bulchan, ilmaan namootaa amanamoo taʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan godhu. Eeyyee, sana booda ilmaan namootaa kaayyoo Waaqayyo jalqaba Addaamii fi Hewwaan akka horanii fi lafa akka guutan qabuu wajjin haala wal simuun gammachuudhaan jiraatu. Duuti sababii cubbuu Addaamiin dhufe illee ni bada!

Yesuus, akkasitti wanta Yihowaan isa irraa barbaadu hunda ni raawwata. Xumura Bulchiinsa isaa isa Waggaa Kuma Tokkoo booda, Yesuus Mootummichaa fi ilmaan namootaa mudaa hin qabne Abbaa isaatti kenna. Phaawulos ergamaan wanta Yesuus gad of qabuudhaan yeroo sanatti raawwatu ilaalchisee akkana jedhee barreesseera: “Wantoonni hundi erga isaaf bitamanii booda, Waaqayyo hundumaatiif waan hunda akka taʼuuf, yeroo sanatti Ilmi mataan isaa isa wantoonni hundi akka isaaf bitaman godhe Sanaaf ni bitama.”—1 Qorontos 15:28.

Dhuguma iyyuu, Yesuus kaayyoo Waaqayyoo isa guddaa galmaan gaʼuu irratti gaʼee ol aanaa qaba. Kaayyoowwan Waaqayyoo bara baraaf raawwatamuu isaanii yommuu itti fufan, Yesuus yeroo hunda, “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana” jechuudhaan waaʼee ofii isaa wanta dubbatee wajjin guutummaatti wal simee jiraata.—Yohaannis 14:6.