KUTAA 3
Tajaajila Guddaa Yesuus Galiilaatti Raawwate
‘Yesuus, ‘Mootummaan Samii Dhihaateera’ Jedhee Lallabuu Jalqabe.’—Maatewos 4:17
KUTAA KANA KEESSATTI
BOQONNAA 20
Qaanaa Keessatti Dinqii Isa Lammaffaa Hojjete
Yesuus fageenya gara kiiloo meetira 26 taʼu irraa mucaa tokko fayyise.
BOQONNAA 21
Mana Sagadaa Naazireetitti Argamutti
Namoonni Naazireet Yesuusiin ajjeesuuf kan yaalan inni maal jennaani?
BOQONNAA 22
Barattoonni Yesuus Afur Namoota Kan Qaban Taʼu
Qurxummii qabuu dhiisanii namoota kan qaban akka taʼan isaan afeere.
BOQONNAA 23
Yesuus Qifirnaahom Keessatti Dinqiiwwan Guguddaa Hojjete
Yesuus jinnii yommuu namoota keessaa baasetti inni Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa akka hin dubbanne isaan dhowwe. Maaliif?
BOQONNAA 24
Tajaajila Isaa Galiilaa Keessatti Babalʼise
Namoonni fayyuuf gara Yesuus dhufan; inni garuu tajaajilli isaa kaayyoo guddaa kana caalu akka qabu ibse.
BOQONNAA 25
Gara laafinaan nama dhukkuba nadaayiitiin qabame fayyise
Yesuus karaa salphaa taʼee fi ergaa guddaa qabuun, namoota fayyisu sanaaf akka yaadu mirkaneesseera.
BOQONNAA 26
“Cubbuun Kee Siif Dhiifameera”
Yesuus cubbuu fi dhukkuba gidduu walitti dhufeenyi akkamii akka jiru ibse?
BOQONNAA 28
Barattoonni Yesuus Kan Hin Soomne Maaliifi?
Yesuus deebii isaaniif kennuuf fakkeenya waaʼee qalqallootti fayyadame.
BOQONNAA 29
Namni Tokko Guyyaa Sanbataatti Hojii Gaarii Hojjechuu Ni Dandaʼaa?
Yihudoonni Yesuus nama waggaa 38f dhukkubsate fayyisuu isaatti kan isa ariʼatan maaliifi?
BOQONNAA 30
Hariiroo Yesuus Abbaa Isaa Wajjin Qabu
Yihudoonni Yesuus Waaqayyoo wajjin of qixxeessaa akka jirutti yaadanis, inni garuu Waaqayyo akka isa caalu ifatti dubbateera.
BOQONNAA 32
Guyyaa Sanbataatti Wanti Seerichi Heyyamu Maali Dha?
Saduqoonnii fi Fariisonni kan walii hin galle taʼus, kaayyoo tokko galmaan gaʼuuf tokkummaa uuman.
BOQONNAA 33
Raajiin Isaayaas Isa Irratti Raawwatame
Yesuus namoonni inni fayyise eenyummaa isaa ykn hojii isaa akka hin dubbanne kan abboome maaliifi?
BOQONNAA 36
Ajajaa Dhibbaa Amantii Guddaa Akka Qabu Argisiise
Ajajaan dhibbaa wanta Yesuusiin dinqisiise akkamii raawwate?
BOQONNAA 37
Yesuus Ilma Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Fayyise
Namoonni dinqii kana argan iddoo guddaa akka inni qabu hubatan.
BOQONNAA 38
Yohaannis Yesuus Irraa Dhagaʼuu Barbaade
Yohaannis Cuuphaan Yesuus Masiihicha taʼuu isaa kan gaafate maaliifi? Shakkiin isatti uumamee tii?
BOQONNAA 39
Dhaloota Dantaa Hin Qabneef Wayyoo
Yesuus Guyyaa Murtiitti Qifirnaahom ishii bakka jireenyaa isaa turtee mannaa Sodoomiif akka salphatu dubbate.
BOQONNAA 40
Barumsa Dhiifama Gochuu Ilaalchisee Kenname
Yesuus dubartii tarii gaalamoota taate tokkoon cubbuun kee sii dhiifameera yeroo jedhu, seera Waaqayyoo cabsuun rakkina hin qabu jechuu isaa tii?
BOQONNAA 43
Fakkeenyota Waaʼee Mootummichaa Dubbatan
Yesuus waaʼee Mootummichaa ibsuuf fakkeenyota saddeet dubbate.
BOQONNAA 44
Yesuus Obomboleettii Galaana Irratti Kaʼe Cal Jechisiise
Yesuus qilleensaa fi dambalii galaanaa yommuu tasgabbeessetti bulchiinsa isaa jalatti jireenyi maal akka fakkaatu barsiise.
BOQONNAA 45
Jinniiwwan Hedduu Irratti Humna Qaba
Namni tokko jinnii tokkoo oliin qabamuu ni dandaʼaa?
BOQONNAA 46
Uffata Yesuus Tuqxee Fayyite
Yesuus taʼee garaa namaa tuqu kana irratti humnaa fi gaarummaa isaa argisiise.
BOQONNAA 47
Intalli Tokko Deebitee Jiraatte!
Yesuus, intalli duute rafaa akka jirtu yeroo dubbatetti namoonni isatti kolfan. Wanti inni beekuu fi isaan hin barre maali dha?
BOQONNAA 48
Dinqiiwwan Hojjetus, Naazireetitti Illee Fudhatama Hin Arganne
Namoonni Naazireet Yesuusiin kan morman sababa barumsa ykn dinqii inni hojjeteen utuu hin taʼin, sababa biraatiini.
BOQONNAA 49
Galiilaa Keessatti Lallabe, Akkasumas Ergamoota Isaa Leenjise
“Mootummaan samii dhihaateera” jechuun maal jechuu dha?
BOQONNAA 50
Ariʼatamni Jiraatus Lallabuuf Qophaaʼan
Ergamoonni Yesuus duʼa sodaachuu hin qaban erga taʼee, yeroo ariʼatamni isaan irra gaʼu akka baqatan kan isaanitti hime maaliifi?
BOQONNAA 51
Ajjeechaa Kabaja Guyyaa Dhalootaatti Raawwatame
Shubbisni Saloomee Heroodisiin baayʼee waan gammachiiseef wanta ishiin barbaadde akka kennuuf waadaa galeef. Wanti gaddisiisaan ishiin gaafatte maali dha?
BOQONNAA 52
Daabboo fi Qurxummii Muraasaan Namoota Kumaan Lakkaaʼaman Soore
Dinqiin Yesuus hojjete hiika guddaa waan qabuuf Wangeelota arfan keessatti barreeffameera.
BOQONNAA 53
Bulchaa Haala Qilleensaa Toʼachuu Dandaʼu
Yesuus bishaan irra yeroo deemee fi qilleensa yeroo tasgabbeessetti ergamoonni isaa barumsa akkamii argatan?
BOQONNAA 54
Yesuus—“Nyaata Jireenyaa”
Yesuus namoonni dhamaʼanii gara isaa kan dhufan taʼus, kan isaan ifate maaliifi?
BOQONNAA 55
Dubbiin Yesuus Namoota Hedduu Suukanneesse
Yesuus wanta suukanneessaa barattoonni isaa hedduun isa dhiisanii akka deeman godhu dubbate.
BOQONNAA 56
Wanti Nama Tokko Xureessu Maali Dha?
Wanta gara afaanitti seenu dha moo wanta afaanii baʼu dha?
BOQONNAA 57
Yesuus Intala Tokkoo fi Namicha Gurri Isaa Duude Fayyise
Dubartiin tokko yeroo Yesuus saba ishii buchullootatti fakkeessetti kan hin mufanne maaliifi?
BOQONNAA 58
Daabboo Baayʼise, Waaʼee Raacitiis Ni Akeekkachiise
Barattoonni Yesuus dhuma irratti waaʼee raacitii akkamii dubbachaa akka jiru hubatan.
BOQONNAA 60
Jijjiiramuu Isaa—Kiristoosiin Ulfina Isaatiin Argan
Yesuus dinqiidhaan kan jijjiirame akkamitti? Hiikni isaa hoo maali dha?
BOQONNAA 61
Yesuus Mucaa Jinniidhaan Qabame Fayyise
Yesuus mucicha fayyisuun kan dadhabame hirʼina amantiitiin akka taʼe dubbate. Kan hirʼate garuu amantii eenyuu ti? Kan mucichaa, kan abbaa isaa moo kan barattoota Yesuusi?
BOQONNAA 62
Barumsa Barbaachisaa Gad Of Qabuu Ilaalchisee Kenname
Namoonni guguddaan barumsa barbaachisaa taʼe mucaa xinnoo tokko irraa baratan.
BOQONNAA 63
Yesuus Nama Gufachiisuu fi Cubbuu Ilaalchisee Gorsa Kenne
Tarkaanfiiwwan sadan dhimma cimaa obboloota gidduutti uumamu hiikuuf gargaaran ibse.
BOQONNAA 64
Barbaachisummaa Dhiifama Gochuu
Yesuus fakkeenya waaʼee garbicha gara jabeessa taʼe tokkoo ibsutti fayyadamuudhaan Waaqayyo fedhii nuti dhiifama gochuuf qabnuuf ilaalcha akkamii akka qabu ibse.
BOQONNAA 65
Gara Yerusaalem Utuu Deemuu Barsiise
Yesuus maree gabaabaa sadii irratti, haalawwan namni tokko akka isa hin hordofne dhowwuu dandaʼan addeesse.