KUTAA 5
Tajaajila Yesuus Baha Yordaanositti Raawwate
‘Namoonni Hedduun Isatti Amanan.’—Yohaannis 10:42
KUTAA KANA KEESSATTI
BOQONNAA 82
Tajaajila Yesuus Peeriyaatti Raawwate
Yesuus, namoonni fayyina argachuuf maal gochuu akka qaban dhaggeeffattoota isaatti hime. Gorsi isaa yeroo sanatti baayʼee barbaachisaa ture. Harʼa hoo?
BOQONNAA 83
Afeerraa Nyaataa
Yesuus mana Fariisii tokkootti nyaata afeeramee utuu jiruu, waaʼee afeerraa irbaataa guddaa taʼe tokkoo fakkeenya dubbate. Namoota Waaqayyoo hundaaf barumsa barbaachisaa dabarse. Barumsi kun maali dha?
BOQONNAA 84
Barataa Taʼuun Hammam Ulfaataa Dha?
Barataa Kiristoos taʼuun itti gaafatamummaa ulfaataa dha. Yesuus barataa taʼuun maal akka gaafatu ifatti dubbate. Warri barattoota isaa taʼuu barbaadan tokko tokko wanti inni jedhe isaan naasise.
BOQONNAA 85
Cubbamaan Yeroo Yaada Geddaratu Gammaduu
Fariisonnii fi barsiisonni seeraa Yesuus namoota kaanii wajjin hariiroo qabaachuu isaatti isa ceephaʼan. Yesuus immoo ilaalcha Waaqayyo cubbamootaaf qabu ibsuuf fakkeenyatti fayyadame.
BOQONNAA 86
Ilmi Badee Ture Ni Deebiʼe
Fakkeenya Yesuus waaʼee ilma badee dubbate irraa barumsa akkamii arganna?
BOQONNAA 87
Ogummaadhaan Dursanii Karoorfachuu
Yesuus fakkeenya waaʼee bulchaa manaa haxxee taʼee fi amanamaa hin taane tokkoo dubbachuudhaan dhugaa nama ajaaʼibsiisu barsiise.
BOQONNAA 88
Haalli Namicha Sooressaa fi Alaazaar Ni Jijjiirame
Fakkeenya Yesuus hubachuuf, namoonni fakkeenyicha keessatti caqasaman lamaan eenyuun akka argisiisan hubachuun baayʼee barbaachisaa dha.
BOQONNAA 89
Gara Yihudaa Utuu Deemuu Peeriyaatti Barsiise
Yesuus amala namoota irra deddeebiʼanii nu gaddisiisaniif illee dhiifama gochuuf nu gargaaru ibse.
BOQONNAA 90
‘Duʼaa Kaʼuu fi Jireenya’
Yesuus warri isatti amanan ‘matumaa akka hin duune’ yeroo dubbatu maal jechuu isaa ti?
BOQONNAA 91
Alaazaar Duʼaa Kaafame
Duʼaa kaʼuu Alaazaarii wajjin haala wal qabateen wantoonni raawwataman lama, mormitoonni Yesuus dinqii kana haaluu akka hin dandeenye godhaniiru.
BOQONNAA 92
Namichi Dhukkuba Nadaayiitiin Qabame Galata Qabeessa Taʼuu Isaa Argisiise
Namichi fayyifame Yesuusiin qofa utuu hin taʼin qaama biraas galateeffateera.
BOQONNAA 94
Wantoota Baayʼee Barbaachisan Lama—Kadhannaa fi Gad Of Qabuu
Yesuus fakkeenya abbaa seeraa jalʼaa fi dubartii abbaan manaa irraa duʼee dubbachuudhaan waaʼee amala barbaachisaa taʼe tokkoo barsiise.
BOQONNAA 95
Waaʼee Wal Hiikuu fi Ijoollee Jaallachuu Barsiise
Yesuus ijoolleedhaaf ilaalcha barattoota isaa irraa adda taʼe qaba. Maaliif?
BOQONNAA 96
Yesuus Gaggeessaa Sooressaa fi Dargaggeessa Taʼeef Deebii Kenne
Yesuus namni sooressi Mootummaa Waaqayyootti galuu mannaa, gaalli qaawwa lilmoo keessa hulluuquutu salphata kan jedhe maaliifi?
BOQONNAA 97
Fakkeenya Namoota Maasii Wayinii Keessa Hojjetanii
Warri duraa warra boodaa, warri boodaa immoo warra duraa kan taʼan akkamitti?
BOQONNAA 98
Ergamoonni Ammas Iddoo Guddaa Argachuu Barbaadan
Yaaqoobii fi Yohaannis Mootummicha keessatti iddoo guddaa argachuuf gaafatan, miirri akkasii kan itti dhagaʼame garuu isaan qofa miti.
BOQONNAA 99
Yesuus Qaro Dhabeeyyii Fayyise, Akkasumas Zakkewoosiin Gargaare
Seenaa Macaafa Qulqulluu Yesuus naannoo Yerikootti nama qaro dhabeessa akka fayyise dubbatuu fi kan wal faallessan fakkaatan wal simsiisuun kan dandaʼamu akkamitti?
BOQONNAA 100
Fakkeenya Inni Waaʼee Miinaa Kudhanii Dubbate
Yesuus, “Ani isiniin nan jedha, isa qabu hundaaf dabalataan ni kennama; isa hin qabne irraa garuu wanti inni qabu illee irraa fudhatama” yeroo jedhu maal jechuu isaa ti?