Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fakkeenya Yesuus Hordofuuf Amalawwan Armaan Gadii Argisiisi

Fakkeenya Yesuus Hordofuuf Amalawwan Armaan Gadii Argisiisi

GARA LAAFINA

Yesuus nama mudaa hin qabne waan taʼeef, wantoonni ilmaan namootaa dhiphisanii fi yaaddessan kaan isa irra hin geenye. Taʼus, namootaaf garaadhaa akka yaadu argisiiseera. Wanta dandaʼe hunda, jechuunis wanta gochuun isa irraa eegamuu ol namootaaf gochuuf fedha qaba ture. Eeyyee, gara laafinni namoota gargaaruuf isa kakaaseera. Yaadawwan Boqonnaa 32, 37, 57 fi 99 irra jiran irratti xiinxali.

KAN ITTI DHIHAATAMU TAʼUU

Namoonni umurii garaa garaa keessa jiran, ijoolleenis taʼan maanguddoonni Yesuusitti dhihaachuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama ture. Sababiin isaas nama hojiin itti baayʼatuu fi bakki guddaan kennamuufii qabu of hin fakkeessu ture. Namoonni ilaalcha Yesuus isaaniif qabu waan beekaniif, inni isaan biratti argamuun isaa isaan hin dhiphisu ture. Kana hubachuuf Boqonnaa 25, 27 fi 95 ilaali.

KADHANNAATTI JABAACHUU

Yesuus dhuunfaatti, akkasumas waaqeffattoota dhugaa kaanii wajjin yeroo baayʼee gara Abbaa isaatti kadhannaa garaadhaa madde ni dhiheessa ture. Yeroo nyaataatti qofa utuu hin taʼin dhimma garaa garaatiif ni kadhata ture. Abbaa isaa galateeffachuuf, jajachuuf, akkasumas murtii cimaa gochuu isaa dura qajeelfama Yihowaa argachuuf kadhateera. Yaadawwan Boqonnaa 24, 34, 91, 122 fi 123 irra jiran ilaali.

OFITTUMMAA IRRAA FAGAACHUU

Yesuus, yeroo itti boqochuu fi bashannanuun isa barbaachisutti illee, warra kaaniif jedhee fedhii isaa aarsaa godheera. Fedhii isaatiif qofa dursa hin kennu ture. Gama kanaanis fakkeenya akka gaariitti hordofuu dandeenyu nuu kaaʼeera. Yaadni kun akkamitti akka ibsame Boqonnaa 19, 41 fi 52 irraa ilaali.

DHIIFAMA GOCHUU

Yesuus waaʼee dhiifama gochuu barsiisuu qofa utuu hin taʼin, barattoota isaa fi namoota kaaniif dhiifama godheera. Yaadawwan Boqonnaa 26, 40, 64, 85 fi 131 irra jiran irratti xiinxali.

HINAAFFAA ARGISIISUU

Yihudoonni hedduun Masiihichatti akka hin amannee fi diinonni isaa akka isa ajjeesan raajiidhaan dubbatamee ture. Kanaaf, Yesuus namootaaf waan muraasa qofa gochuu ni dandaʼa ture. Taʼus, waaqeffannaa dhugaa hinaaffaadhaan beeksiseera. Hinaaffaa argisiisuu ilaalchisee duuka buutota isaa warra namoota kaan biratti tuffatamanii fi mormiin isaan irra gaʼu hundaaf fakkeenya taʼeera. Boqonnaa 16, 72 fi 103 ilaali.

GAD OF QABUU

Yesuus karaa hedduudhaan, jechuunis beekumsaa fi ogummaadhaan ilmaan namootaa ni caala ture. Nama mudaa hin qabne taʼuun isaa dandeettii qaamaa fi sammuu namni kam iyyuu hin qabne akka qabaatu isa taasiseera. Taʼus gad of qabuudhaan namoota tajaajileera. Kana ilaalchisee, Boqonnaa 10, 62, 66, 94 fi 116 irraa barumsa ni argatta.

OBSA ARGISIISUU

Yesuus ergamoonni isaa, akkasumas namoonni kaan fakkeenya isaa hordofuu fi wanta inni barsiise hojii irra oolchuu yeroo dadhabanitti obsa isaanitti argisiiseera. Yihowaatti dhihaachuu akka dandaʼaniif barumsa isaan barbaachisu irra deddeebiʼee obsaan isaan barsiiseera. Obsa argisiisuu ilaalchisee fakkeenya Yesuus irratti xiinxaluuf Boqonnaa 74, 98, 118 fi 135 ilaali.