Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kaayyoon Waaqayyo Nuuf Qabu Maali Dha?

Kaayyoon Waaqayyo Nuuf Qabu Maali Dha?

GAAZEXAA yommuu dubbistu, televizyiinii yommuu ilaaltu ykn raadiyoonii yommuu dhaggeeffattu, wanti dubbistus taʼe wanti ilaaltu ykn wanti dhaggeeffattu caalaan isaa yakka, waraanaa fi shororkeessitummaa wajjin kan wal qabate dha. Tarii dhukkubaan ykn nama jaallattu duʼaan dhabuu keetiin gaddi guddaan si irra gaʼeera taʼa.

Akkana jedhii of gaafadhu:

  • Kaayyoon Waaqayyo anaafis taʼe maatii kootiif qabu kanaa?

  • Rakkoowwan koo damdamachuuf eessaan gargaarsa argadha?

  • Dhugumaan yeroo nagaan itti dagaagu ni dhufaa?

Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa kenna.

KITAABNI QULQULLUUN WAAQAYYO LAFA IRRATTI WANTOOTA DINQISIISOO AKKA RAAWWATU IBSA.

WANTA KITAABNI QULQULLUUN BARSIISU IRRAA FAAYIDAA ARGADHU

Yaadawwan fuulawwan jalqabaa kitaaba kanaa irratti ibsaman, abjuu sitti fakkaachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Waaqayyo dhiheenyatti wantoota kana akka raawwatu waadaa kan gale siʼa taʼu, Kitaabni Qulqulluunis Waaqayyo abdiiwwan kana akkamitti akka raawwatu ibsa.

Kana malees, Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti illee jireenya gammachuu qabu jiraachuuf maal gochuu akka qabnu nu barsiisa. Mee yeroo muraasaaf waaʼee wantoota si yaaddessanii yaadi. Tarii wantoonni kun qarshii, maatii, fayyaa ykn nama jaallattu duʼaan dhabuu wajjin kan wal qabatan taʼuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti rakkoowwan kana akka damdamattu si gargaaruu isaa irra iyyuu, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kennuudhaan si jajjabeessuu dandaʼa:

Kitaaba kana dubbisuu jalqabuun kee iyyuu wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuu akka barbaaddu argisiisa. Kitaabni kunis si gargaara. Keeyyata hundaaf gaaffiin qophaaʼeera; isaanis Kitaaba Qulqulluu caalaatti hubachuuf si gargaaru. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuun isaanii isaan fayyadeera. Atis akka faayidaa argattu ni abdanna. Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuuf yommuu carraaqxu eebbi Waaqayyoo si wajjin haa taʼu!