Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA LAMA

Kitaaba Qulqulluu—Kitaaba Waaqayyo Biraa Dhufe

Kitaaba Qulqulluu—Kitaaba Waaqayyo Biraa Dhufe

1, 2. Kitaabni Qulqulluun kennaa dinqisiisaa Waaqayyo namootaaf kenne dha kan jennu maaliifi?

MICHUUN kee tokko utuu ati hin yaadin kennaa utuu sii kennee maaltu sitti dhagaʼama? Kennaa kana bantee ilaaluudhaaf baayʼee hawwita; michuun kee sii yaaduu isaattis ni gammadda. Kennaa sanaaf isa galateeffatta.

2 Kitaabni Qulqulluun kennaa Waaqayyo namootaaf kenne dha. Odeeffannoo eessaa iyyuu argachuu hin dandeenye nuu kenna. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo samii fi lafa, akkasumas dhiiraa fi durba jalqabaa akka uume nutti hima. Dhugaawwan buʼuuraa yeroo rakkinni nu mudatutti nu gargaaruu dandaʼanis qabateera. Kitaaba Qulqulluu irraa Waaqayyo kaayyoo lafa iddoo mijataa gochuudhaaf qabu akkamitti akka galmaan gaʼu baranna. Dhuguma iyyuu, Kitaabni Qulqulluun kennaa dinqisiisaa dha!

3. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee yommuu itti fuftu maal baratta?

3 Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee yommuu itti fuftu, Waaqayyo michuu isaa akka taatu akka barbaadu hubatta. Waaʼee isaa caalaatti yeroo barachaa deemtu, michummaan isaa wajjin qabdu ni cima.

4. Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee wanti si dinqisiisu maali dha?

4 Kitaabni Qulqulluun afaan 2,600 taʼuun kan hiikame siʼa taʼu, koppiiwwan biliyoonaan lakkaaʼamaniin maxxanfameera. Uummata addunyaa keessaa dhibbeentaa 90 ol kan taʼan Kitaaba Qulqulluu qooqa isaaniitiin argachuu ni dandaʼu. Torban torbaniin namoonni miliyoona tokkoo ol taʼan Kitaaba Qulqulluu ni argatu! Eeyyee, kitaabni akka Kitaaba Qulqulluu matumaa hin jiru!

5. Kitaabni Qulqulluun ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame’ kan jennu maaliifi?

5 Kitaabni Qulqulluun ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame.’ (2 Ximotewos 3:16 dubbisi.) Haa taʼu malee namoonni tokko tokko, ‘Kitaabni Qulqulluun namootaan kan barreeffame erga taʼee, akkamitti Waaqayyo biraa dhufuu dandaʼa?’ jedhanii gaafatu. Kitaabni Qulqulluun, “Namoonni Waaqayyo biraa ergaman hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii dubbatan” jechuudhaan deebii kenna. (2 Pheexiros 1:21) Kun hogganaa barreessituun isaa xalayaa akka barreessituuf ishiitti himuu wajjin wal fakkaata. Yaadni xalayaa kana irra jiru kan eenyuu ti? Kan hoggantichaa ti malee, kan barreessituu isaa miti. Haaluma wal fakkaatuun, yaadni Kitaaba Qulqulluu keessa jiru kan Waaqayyoo ti malee, kan namoota inni barreessisuuf itti fayyadame sanaa miti. Waaqayyo isaan geggeessuudhaan yaada isaa akka barreessan godheera. Dhuguma iyyuu, Kitaabni Qulqulluun “dubbii Waaqayyoo ti.”—1 Tasalonqee 2:13; Ibsa Dabalataa 2 ilaali.

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaan hedduudhaan argama

YAADNI KITAABA QULQULLUU SIRRII DHA

6, 7. Kitaabni Qulqulluun wal sima kan jennu maaliifi?

6 Kitaaba Qulqulluu barreessuuf waggaa 1,600 ol fudhateera. Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo adda addaatti kan jiraatani dha. Tokko tokko namoota baratan siʼa taʼan, kaan garuu hin baranne. Fakkeenyaaf, isaan keessaa tokko ogeessa fayyaa ture. Kaan immoo qonnaan bultoota, qurxummii qabdoota, tiksitoota, raajota, abboota firdii fi mootota turan. Kitaaba Qulqulluu kan barreessan namoota adda addaa taʼanis, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu hundi kan wal simani dha. Boqonnaa tokko keessatti wanta tokko dubbatee, boqonnaa biraa keessatti immoo wanta faallaa isaa taʼe hin dubbatu. *

7 Boqonnaawwan jalqabaa Kitaaba Qulqulluu rakkoowwan addunyaa akkamitti akka jalqaban kan ibsan siʼa taʼan, boqonnaawwan xumuraa immoo Waaqayyo lafa jannata gochuudhaan rakkoowwan kanaaf akkamitti furmaata akka kennu nutti himu. Kitaabni Qulqulluun seenaa ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaaʼamanii kan qabate siʼa taʼu, kaayyoon Waaqayyoo yeroo hunda fiixaan akka baʼu ibsa.

8. Fakkeenyota Kitaabni Qulqulluun gama saayinsiitiin sirrii taʼuu isaa argisiisan dubbadhu.

8 Kitaabni Qulqulluun kan barreeffame saayinsii barsiisuuf ykn kitaaba mana barumsaa akka taʼuuf miti; taʼus saayinsii ilaalchisee wanti inni dubbatu yeroo hunda sirrii dha. Kun kitaaba Waaqayyo biraa dhufe irraa kan eegamu dha. Fakkeenyaaf, kitaabni Lewwootaa, karaawwan dhukkubni akka hin daddarbine gochuu itti dandaʼan ilaalchisee qajeelfama Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne qabateera. Kun kan barreeffame namoonni baakteeriyaa fi vaayirasiin akkamitti akka dhukkuba fidan beekuu isaanii yeroo dheeraa dura ture. Akkasumas, Kitaabni Qulqulluun lafti homtuu utuu jala hin jiraatin rarraafamte akka jirtu kan barsiisu siʼa taʼu, yaadni kun sirrii dha. (Iyoob 26:7) Namoonni baayʼeen lafti diriirtuu akka taate yeroo amanaa turanitti, Kitaabni Qulqulluun lafti geengoo taʼuu ishii dubbata ture.—Isaayaas 40:22, NW.

9. Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu dhugaa jiru hunda barreessuun isaanii maal hubachuuf nu gargaara?

9 Kitaabni Qulqulluun seenaa ilaalchisee wanti inni dubbatu yeroo hunda sirrii dha. Haa taʼu malee barreessitoonni seenaa, dhugaa jiru hunda waan hin barreessineef, kitaabonni seenaa baayʼeen wanta sirrii hin taanes qabu. Fakkeenyaaf, yeroo itti sabni isaanii waraana irratti injifatame kan isaan barreessan yeroo hunda miti. Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu garuu yeroo itti sabni Israaʼel injifatame illee dhugaa isaa barreessaniiru. Dogoggora ofii isaaniitii raawwatanis barreessaniiru. Fakkeenyaaf, Museen kitaaba Lakkoobsaa keessatti cubbuu cimaa akka hojjetee fi kanaan kaʼes Waaqayyo akka isa adabe barreesseera. (Lakkoobsa 20:2-12) Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu dhugaa jiru hunda barreessuun isaanii, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo biraa dhufuu isaa argisiisa. Kanaaf, Kitaaba Qulqulluu irratti amantii qabaachuu ni dandeenya.

KITAABA GORSA GAARII QABATE

10. Gorsi Kitaaba Qulqulluu yeroo harʼaatti nu fayyada kan jennu maaliifi?

10 Kitaabni Qulqulluun “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame siʼa taʼu barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf ni fayyada.” (2 Ximotewos 3:16) Eeyyee, gorsi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu yeroo harʼaattis nu fayyada. Yihowaan akkaataa itti uumamne waan beekuuf, akkamitti akka yaadnuu fi miira keenya ni hubata. Waaʼee keenya nu caalaa beeka; gammadoo akka taanus ni barbaada. Wanta nu fayyaduu fi wanta nu miidhu beeka.

11, 12. (a) Yesuus Maatewos boqonnaa 5 hanga 7 irratti gorsa gaarii akkamii kenne? (b) Kitaaba Qulqulluu irraa barumsa dabalataa akkamii barachuu dandeenya?

11 Maatewos boqonnaa 5 hanga 7 irratti, Yesuus akkamitti gammachuu argachuu fi namootaa wajjin nagaadhaan jiraachuu akka dandeenyu, akkasumas akkamitti kadhachuu akka qabnuu fi qarshiidhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu ilaalchisee gorsa gaarii kenneera. Gorsa kana kan kenne waggaa 2,000 dura taʼus, yeroo harʼaattis jireenya namootaa kan jijjiiruu fi faayidaa guddaa kan qabu dha.

12 Kana malees Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti, dhugaawwan buʼuuraa maatii gammachuu qabu qabaachuuf, hojjettoota gaarii taʼuu fi namoota kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuuf nu gargaaran nu barsiisa. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu namoota akkamii iyyuu yoo taane, iddoo kam iyyuu yoo jiraanne ykn rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate yeroo hunda nu gargaaru.—Isaayaas 48:17 dubbisi; Ibsa Dabalataa 3 ilaali.

RAAJII KITAABA QULQULLUU AMANUU NI DANDEESSA

Isaayaas inni kutaa Kitaaba Qulqulluu barreesse Baabilon akka injifatamtu raajii dubbatee ture

13. Isaayaas magaalaa Baabilon irra maaltu akka gaʼu dubbatee ture?

13 Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hedduun raawwatamaniiru. Fakkeenyaaf, Isaayaas Baabilon akka balleeffamtu raajii dubbatee ture. (Isaayaas 13:19) Magaalattiin akkamitti akka injifatamtu tokko tokkoon ibseera. Magaalattiin karra guguddaa kan qabduu fi lagaan kan marfamte turte. Taʼus, Isaayaas lagichi akka goguu fi karrawwan banaa taʼanii akka dhiisaman raajii dubbate. Weerartoonni waraana malee magaalattii qabatu. Isaayaas Baabiloniin kan injifatu nama Qiiros jedhamu akka taʼe illee dubbatee ture.—Isaayaas 44:27–45:2 dubbisi; Ibsa Dabalataa 4 ilaali.

14, 15. Raajiin Isaayaas kan raawwatame akkamitti?

14 Raajichi barreeffamee waggaa 200 booda, loltoonni Baabiloniin weeraruuf dhufan. Humna waraanaa sana geggeessaa kan ture eenyu? Akkuma raajiidhaan dubbatamee ture, Qiiros mootii Faares ture. Wantoonni raajicha irratti dubbataman kaan hundis raawwatamaniiru.

15 Halkan weerarri kun raawwatametti, warri Baabilon afeerraa irra turan. Dallaawwan guguddaa fi lagaan marfamanii waan turaniif, balaan waan isaan irra gaʼu isaanitti hin fakkaanne. Magaalattiidhaa alatti Qiirosii fi loltoonni isaa bishaan lagichaa hirʼisuuf boʼoo qotaa turan. Lagichi hamma loltoonni Faares miillaan ceʼuu dandaʼanitti hirʼate. Haa taʼu malee, loltoonni kun dallaawwan Baabilon akkamitti darbu laata? Akkuma raajicha irratti dubbatamee ture, karrawwan magaalatti banaa dhiisamanii waan turaniif, loltoonni kun waraana malee magaalatti qabatan.

16. (a) Isaayaas wanta Baabiloniin mudatu ilaalchisee raajii akkamii dubbate? (b) Raajiin Isaayaas dubbate raawwatamuu isaa akkamitti beekna?

16 Isaayaas yeroo booda namni tokko iyyuu Baabilon keessa akka hin jiraanne raajii dubbatee ture. “Bara baraan namni ishee keessa hin jiraatu, dhalootaa hamma dhalootaattis ishee keessa hin taaʼu” jedhee barreesseera. (Isaayaas 13:20) Maarree kun raawwatameeraa? Bakka Baabilon dur turte, jechuunis magaalaa Iraaq, Baagdaad irraa kallattii kibbaatiin gara kiiloo meetira 80 fagaatee, jijjigaa magaalatti qofatu argama. Yeroo harʼaatti illee namni tokko iyyuu bakka sana hin jiraatu. Yihowaan ‘harataadhaan haree ishee balleesseera.’—Isaayaas 14:22, 23. *

Jijjigaa Baabilon

17. Waadaa Waaqayyo seene hunda amanuu kan dandeenyu maaliifi?

17 Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hedduun kan raawwataman taʼuun isaanii, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu akka amannu nu gargaara. Yihowaan waadaa lafa jannata gochuudhaaf seene akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Lakkoobsa 23:19 dubbisi.) Eeyyee, abdii “jireenya bara baraa isa Waaqayyo inni sobuu hin dandeenye bara dheeraa dura abdachiise” qabna.—Tiitoo 1:2. *

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA KEE JIJJIIRUU NI DANDAʼA

18. Phaawulos “dubbii Waaqayyoo” ilaalchisee maal jedhe?

18 Kitaabni akka Kitaaba Qulqulluu kan biraan akka hin jirre baranneerra. Kitaabni kun kan wal simu dha; saayinsii fi seenaa ilaalchisee wanti inni dubbatus yeroo hunda sirrii dha. Kana malees, gorsa gaggaarii fi raajiiwwan kanaan dura raawwataman hedduu qabateera. Kitaabni Qulqulluun faayidaa guddaas qaba. Phaawulos ergamaan, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha” jedhee barreesseera. Kun maal jechuu dha?—Ibroota 4:12 dubbisi.

19, 20. (a) Kitaabni Qulqulluun eenyummaa kee beekuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? (b) Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu sii kennuu isaatiif akka isa galateeffattu akkamitti argisiisuu dandeessa?

19 Kitaabni Qulqulluun jireenya kee jijjiiruu ni dandaʼa. Nama akkamii akka taate beekuuf si gargaara. Yaada kee fi miira kee hubachuufis si gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Waaqayyoon ni jaallanna jennee yaadna taʼa. Akka isa jaallannu mirkaneessuuf garuu, barumsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu qabna.

20 Dhuguma iyyuu Kitaabni Qulqulluun kitaaba Waaqayyo biraa dhufe dha. Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu akka dubbistu, akka qoʼattuu fi akka jaallattu barbaada. Kennaa kana argachuu keetti galateeffadhu; qoʼachuu kees itti fufi. Akkas yoo goote kaayyoo Waaqayyo namootaaf qabu ni hubatta. Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee kaayyoo kanaa caalaatti baranna.

^ KEY. 6 Namoonni tokko tokko Kitaabni Qulqulluun wal faallessa kan jedhan taʼanis, yaadni kun dhugaa miti. Kitaaba Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ti moo kan Namaa ti? (Amaariffa) jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 7 ilaali.

^ KEY. 16 Waaʼee raajii Kitaaba Qulqulluu caalaatti beekuu yoo barbaadde, Birooshura Kitaaba Namoota Hundaaf Taʼu (Amaariffa) jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe fuula 27-29 ilaali.

^ KEY. 17 Badiisni Baabilon raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwataman hedduu keessaa tokko qofa dha. Raajiiwwan waaʼee Yesuus Kiristoos dubbataman ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Ibsa Dabalataa 5 ilaali.