Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA AFUR

Yesuus Kiristoos Eenyu?

Yesuus Kiristoos Eenyu?

1, 2. (a) Nama beekamaa maqaa isaa qofa beektu tokko sirriitti beekta jechuun ni dandaʼamaa? Ibsi. (b) Namoonni waaʼee Yesuus maal jedhanii amanu?

ADDUNYAA kana irra namoota beekamoo taʼan hedduutu jira. Maqaa nama beekamaa taʼe tokkoo beekta taʼa. Maqaa isaa beekta jechuun garuu sirriitti isa beekta ykn waaʼee jireenya isaa fi eenyummaa isaa guutummaatti beekta jechuu miti.

2 Yesuus Kiristoos lafa irra kan jiraate gara waggaa 2,000 dura taʼus, waaʼee isaa dhageesseetta taʼa. Namoonni baayʼeen garuu Yesuus nama akkamii akka ture hin beekan. Namoonni tokko tokko nama gaarii ture jedhu; tokko tokko raajii ture jedhu; kaan immoo inni Waaqa akka taʼe amanu. Ati hoo maal jetta?—Ibsa Dabalataa 12 ilaali.

3. Waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus Kiristoos beekuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

3 Waaʼee Yesuus dhugaa isaa beekuun kee baayʼee barbaachisaa dha. Maaliif? Kitaabni Qulqulluun, “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu” jedha. (Yohaannis 17:3) Eeyyee, waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus dhugaa isaa yoo beekte, lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu dandeessa. (Yohaannis 14:6) Kana malees, Yesuus akkaataa itti jiraachuu qabduu fi walitti dhufeenya namootaa wajjin qabaachuu qabdu ilaalchisee fakkeenya hunda caalu waan taʼeef waaʼee isaa beekuun si fayyada. (Yohaannis 13:34, 35) Boqonnaa 1 irratti, waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa baranneerra. Amma immoo, Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yesuus maal akka barsiisu baranna.

MASIIHICHA ARGANNEERRA!

4. Jechoonni “Masiihii” fi “Kiristoos” jedhan maal argisiisu?

4 Yesuus dhalachuu isaa waggoota hedduu dura, Yihowaan Masiihicha ykn Kiristoosiin akka ergu Kitaaba Qulqulluu keessatti waadaa galee ture. Jechi “Masiihii” jedhu afaan Ibrootaa irraa kan dhufe siʼa taʼu, jechi “Kiristoos” jedhu immoo afaan Giriikii irraa kan dhufe dha. Maqaan ulfinaa kun lamaanuu Waaqayyo Masiihicha abdachiifame filachuu isaa fi iddoo addaa isaaf kennuu isaa argisiisu. Masiihichi abdii Waaqayyo kenne hundi akka raawwatamu godha. Yesuus amma iyyuu si gargaaruu ni dandaʼa. Haa taʼu malee, Yesuus dhalachuu isaa dura, namoonni hedduun, ‘Masiihichi eenyu?’ jedhanii gaafachaa turan.

5. Barattoonni Yesuus, inni Masiihicha akka ture ni amanu turanii?

5 Barattoonni Yesuus, inni Masiihicha abdachiifame akka ture hin shakkine. (Yohaannis 1:41) Fakkeenyaaf, Simoon Pheexiros Yesuusiin ‘Ati Kiristoosi’ jedhee ture. (Maatewos 16:16) Nuti hoo Yesuus Masiihicha taʼuu isaa akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

6. Yihowaan namoonni garaa qajeelaa qaban Masiihicha akka beekan kan gargaare akkamitti?

6 Yesuus dhalachuu isaa yeroo dheeraa dura, raajonni Waaqayyoo wantoota namoonni Masiihicha akka beekan gargaaran hedduu barreessaniiru. Kun akkamitti isaan gargaaruu dandaʼa? Nama matumaa argitee hin beekne tokko buufata konkolaataa deemtee akka simattu gaafatamte haa jennu. Namni tokko nama sana ilaalchisee ibsa gaʼaa yoo siif kenne salphaatti isa argachuu dandeessa. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan karaa raajota isaa Masiihichi maal akka hojjetuu fi maaltu akka isa irra gaʼu nutti himeera. Raajiiwwan kun hundi raawwatamuun isaanii namoonni garaa qajeelaa qaban Yesuus Masiihicha taʼuu isaa akka beekan gargaaraniiru.

7. Raajiiwwan lamaan Yesuus Masiihicha taʼuu isaa mirkaneessan kam faʼi?

7 Raajiiwwan kanneen keessaa lama haa ilaallu. Tokkoffaa, Yesuus dhalachuu isaa waggaa 700 dura, Miikiyaas, Masiihichi magaalaa xinnoo Beetaliheem jedhamtu keessatti akka dhalatu raajii dubbate. (Miikiyaas 5:2) Yesuus akkuma jedhame achitti dhalate! (Maatewos 2:1, 3-9) Lammaffaa, Daaniʼel, Masiihichi Dh.K.B. bara 29tti akka mulʼatu raajii dubbate. (Daaniʼel 9:25) Raajiiwwan kun, raajii hedduu Yesuus Masiihicha abdachiifame taʼuu isaa ifatti mirkaneessan keessaa lama qofa dha.—Ibsa Dabalataa 13 ilaali.

Yesuus yeroo cuuphametti Masiihii ykn Kiristoos taʼeera

8, 9. Wantoonni yeroo Yesuus cuuphametti raawwatamanii fi inni Masiihii taʼuu isaa mirkaneessan kam faʼi?

8 Yihowaan, Yesuus Masiihicha taʼuu isaa ifa godheera. Waaqayyo mallattoo inni Masiihicha ittiin beeku akka isaaf kennu Yohaannis Cuuphaadhaaf waadaa galee ture. Yeroo Yesuus Dh.K.B. bara 29tti Laga Yordaanositti cuuphamuuf gara Yohaannis dhufetti, Yohaannis mallattoo sana argeera. Kitaabni Qulqulluun akkana jechuudhaan wanta raawwatame nutti hima: “Yesuus erga cuuphamee booda, battaluma sanatti bishaanicha keessaa baʼe; yeroo kanatti samiiwwan ni banaman; hafuurri Waaqayyoos akka gugeetti gad buʼee utuu isa irra qubatuu arge. Akkasumas sagaleen tokko samii irraa, ‘Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha’ jedhe.” (Maatewos 3:16, 17) Yohaannis yeroo mallattoo kana argee fi sagalicha dhagaʼetti, Yesuus Masiihicha taʼuu isaa hubateera. (Yohaannis 1:32-34) Guyyaa sana, yeroo Yihowaan hafuura isaa isa irratti dhangalaasetti Yesuus Masiihicha taʼe. Inni isa Waaqayyo dura buutuu ykn Geggeessaa fi Mootii akka taʼu filatee ture sana dha.—Isaayaas 55:4.

9 Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu, wanta Yihowaan dubbatee fi mallattoo Inni yeroo Yesuus cuuphametti kenne Yesuus Masiihicha taʼuu isaa mirkaneessu. Haa taʼu malee, Yesuus eessaa dhufe? Nama akkamii ture? Mee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu haa ilaallu.

YESUUS EESSAA DHUFE?

10. Kitaabni Qulqulluun jireenya Yesuus isa utuu gara lafaa hin dhufin dura ture ilaalchisee maal barsiisa?

10 Kitaabni Qulqulluun Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura, yeroo dheeraadhaaf samii keessa jiraachaa akka ture barsiisa. Miikiyaas, Masiihichi “kan bara durii durii” taʼuu isaa dubbateera. (Miikiyaas 5:2) Yesuusumti iyyuu nama taʼee dhalachuu isaa dura samii keessa akka jiraachaa ture yeroo baayʼee dubbateera. (Yohaannis 3:13; 6:38, 62; 17:4, 5 dubbisi.) Yesuus utuu gara lafaa hin dhufin dura iyyuu, Yihowaa waliin walitti dhufeenya adda taʼe qaba ture.

11. Yihowaan Yesuusiin baayʼee kan jaallatu maaliifi?

11 Yihowaan Yesuusiin baayʼee jaallata. Maaliif? Waaqayyo wanta ykn qaama kam iyyuu utuu hin uumin dura waan isa uumeefi dha. Kanaaf Yesuus, “hangafa uumama hundaa” jedhameera. * (Qolosaayis 1:15) Kana malees, Yihowaan kallattiidhaan kan uume isa qofa waan taʼeef baayʼee isa jaallata. “Ilma isaa isa tokkicha” jedhamee kan waamames kanaafi dha. (Yohaannis 3:16) Akkasumas Yihowaan wantoota kan biraa hunda uumuuf Yesuus qofatti fayyadame. (Qolosaayis 1:16) ‘Dubbicha’ jedhamee kan waamames Yesuus qofa siʼa taʼu, akkana kan jedhame Yihowaan maleekotaafis taʼe namootaaf ergaa fi qajeelfama dabarsuuf waan isatti fayyadameefi dha.—Yohaannis 1:14.

12. Yesuusii fi Waaqayyo tokko akka hin taane akkamitti beekuu dandeenya?

12 Namoonni tokko tokko Yesuusii fi Waaqayyo tokko dha jedhanii amanu. Kun garuu barumsa Kitaaba Qulqulluu miti. Kitaabni Qulqulluun Yesuus akka uumame dubbata; kana jechuun immoo Yesuus jalqaba qaba jechuu dha. Yihowaa inni waan hundumaa uume garuu jalqaba hin qabu. (Faarfannaa 90:2) Yesuus, Ilma Waaqayyoo waan taʼeef Waaqa taʼuuf yaalee hin beeku. Kitaabni Qulqulluun Abbaan Ilma akka caalu ifatti barsiisa. (Yohaannis 14:28 dubbisi; 1 Qorontos 11:3.) “Waaqayyo isa hundumaa dandaʼu” kan jedhame Yihowaa qofa dha. (Uumama 17:1) Inni uumama cufa keessatti hundumaa kan caaluu fi humni isaa daangaa kan hin qabne dha.—Ibsa Dabalataa 14 ilaali.

13. Kitaabni Qulqulluun Yesuusiin “fakkaattii Waaqayyoo isa ijaan hin argamnee” kan jedhu maaliifi?

13 Yihowaa fi Ilmi isaa Yesuus, utuu samii fi lafti hin uumamin dura waggoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif waliin hojjechaa turaniiru. Kanaaf baayʼee akka wal jaallatan tilmaamuun ni dandaʼama! (Yohaannis 3:35; 14:31) Yesuus amalawwan abbaa isaa akka gaariitti calaqisiiseera; kanaaf Kitaabni Qulqulluun, “fakkaattii Waaqayyoo isa ijaan hin argamnee” jedhee isa waama.—Qolosaayis 1:15.

14. Ilmi Yihowaa inni jaallatamaan nama taʼee kan dhalate akkamiitti?

14 Ilmi Yihowaa inni jaallatamaan samii dhiisee dhufuu fi nama taʼee lafa irratti dhalachuuf fedhii qabaateera. Kun akkamitti taʼuu dandaʼe? Yihowaan dinqiidhaan jireenya Ilma isaa samii irraa gara gadameessa durba Maariyaam jedhamtuutti dabarse. Kanaaf, Yesuus namni karaa foonii abbaa isaaf taʼu isa hin barbaachisne. Haala kanaan Maariyaam ilma mudaa hin qabne deesse; maqaa isaas Yesuus jettee moggaaste.—Luqaas 1:30-35.

YESUUS NAMA AKKAMII TURE?

15. Yihowaa caalaatti beekuu kan dandeessu akkamitti?

15 Kitaabota Kitaaba Qulqulluu Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis dubbisuudhaan waaʼee jireenya Yesuus fi amalawwan isaa wanta baayʼee barachuu dandeessa. Kitaabonni kun Wangeelota jedhamu. Yesuus Abbaa isaa waan fakkaatuuf, wantoonni ati dubbistu kun Yihowaas caalaatti beekuu akka dandeessu si gargaaru. Yesuus, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jechuu kan dandaʼe kanaafi.—Yohaannis 14:9.

16. Yesuus maal barsiise? Barumsi Yesuus barsiise eenyu biraa dhufe?

16 Namoonni baayʼeen Yesuusiin “Barsiisaa” jedhanii waamu turan. (Yohaannis 1:38; 13:13) Wantoota barbaachisoo inni barsiisaa ture keessaa inni guddaan “misiraachoo Mootummichaa” ti. Mootummaan kun maali dha? Bulchiinsa Waaqayyoo samii irraa guutummaa lafaa bulchuu fi namoota Waaqayyoof ajajamaniif eebba argamsiisu dha. (Maatewos 4:23) Wantoonni Yesuus barsiise hundi Yihowaa biraa kan dhufani dha. Yesuus, “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti” jedheera. (Yohaannis 7:16) Yesuus, Yihowaan namoonni waaʼee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo isa guutummaa lafaa bulchuu akka dhagaʼan kan barbaadu taʼuu isaa beeka ture.

17. Yesuus eessatti barsiisaa ture? Namoota barsiisuu irratti cimee kan hojjete maaliifi?

17 Yesuus eessatti barsiisaa ture? Iddoo namoota arge hundatti barsiiseera. Baadiyyaa, magaalaa, gandoota, iddoowwan gabaa, iddoowwan waaqeffannaa fi manneen namootaatti barsiiseera. Namoonni gara isaa akka dhufan hin eegne. Yeroo baayʼee ofii isaatii gara isaanii deema ture. (Maarqos 6:56; Luqaas 19:5, 6) Yesuus cimee hojjechaa kan ture siʼa taʼuu, yeroo fi humna isaa hedduu namoota barsiisuuf itti fayyadameera. Maaliif? Waaqayyo wanta kana akka hojjetu akka isa irraa barbaadu waan beekuu fi yeroo hunda Abbaa isaatiif waan ajajamuufi dha. (Yohaannis 8:28, 29) Kana malees, Yesuus namootaaf kan lallabe garaa waan isaaniif laafuufi dha. (Maatewos 9:35, 36 dubbisi.) Geggeessitoonni amantii waaʼee Waaqayyoo fi waaʼee Mootummaa isaa dhugaa akka hin barsiisne hubatee ture. Kanaaf, hamma dandaʼame namoonni hedduun misiraachoo akka dhagaʼan gargaaruu barbaada ture.

18. Amalawwan Yesuus keessaa kan baayʼee jaallattu isa kami?

18 Yesuus nama namoota jaallatuu fi isaaniif yaadu ture. Inni nama gaarii fi itti dubbachuuf kan namatti hin ulfaanne ture. Ijoolleen illee isaa wajjin taʼuu ni jaallatu turan. (Maarqos 10:13-16) Yesuus haqa qabeessa ture. Malaanmaltummaa, akkasumas haqni yeroo jalʼatu ni jibba ture. (Maatewos 21:12, 13) Bara Yesuusitti dubartoonni mirga baayʼee hin qaban, akkasumas hin kabajaman turan. Yesuus garuu yeroo hunda dubartoota ni kabaja ture. (Yohaannis 4:9, 27) Kana malees, Yesuus kan gad of qabu ture. Fakkeenyaaf, gaaf tokko galgala miilla ergamoota isaa dhiqeera; hojiin kun yeroo baayʼee tajaajilaadhaan hojjetama ture.—Yohaannis 13:2-5, 12-17.

Yesuus bakka namoota argate hundatti lallabeera

19. Fakkeenyi, Yesuus wantoota dhugumaan namoota barbaachisan akka beekuu fi namoota gargaaruu akka barbaadu argisiisu kami?

19 Yesuus wantoota dhugumaan namoota barbaachisan beeka ture; isaan gargaaruus ni barbaada ture. Kunis yeroo Yesuus humna Waaqayyootti fayyadamee dinqiidhaan namoota fayyisetti ifatti mulʼateera. (Maatewos 14:14) Fakkeenyaaf, namni dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko gara Yesuus dhufee, “Yoo fedha kee taʼe, na fayyisuu dandeessa” isaan jedhee ture. Yesuus dhukkubni fi dhiphinni nama kanaa baayʼee isatti dhagaʼame. Baayʼee waan isaaf gaddeef isa gargaaruu barbaade. Kanaaf Yesuus harka isaa hiixatee namicha qaqqabuudhaan, “Nan fedha! Fayyi!” jedheen. Namichi sunis ni fayye! (Maarqos 1:40-42) Miira namicha sanatti dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa?

YEROO HUNDA ABBAA ISAATIIF AMANAMAA DHA

20, 21. Yesuus, Waaqayyoof ajajamuu irratti fakkeenya gaarii kan nuu taʼu maaliifi?

20 Yesuus Waaqayyoof ajajamuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya gaarii taʼa. Wanti akkamii iyyuu yoo isa mudates taʼe, diinonni isaa wanta akkamii iyyuu yoo isa irratti raawwatan inni Abbaa isaatiif amanamaa taʼeera. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo Seexanni isa qoruuf yaaletti cubbuu hin hojjenne. (Maatewos 4:1-11) Maatiin Yesuus tokko tokko iyyuu inni Masiihicha taʼuu isaa kan hin amanne siʼa taʼu, “Inni maraateera” isaan jedhanii turan; Yesuus garuu hojii Waaqayyoo hojjechuu isaa itti fufeera. (Maarqos 3:21) Yeroo diinonni isaa garaa itti jabaatanitti, Waaqayyoof amanamaa taʼuu isaa kan itti fufe siʼa taʼu, matumaa namoota sana miidhuuf hin yaalle.—1 Pheexiros 2:21-23.

21 Haala hammeenyaan guutamee fi dhukkubbii cimaa geessisuun yeroo ajjeefametti illee Yihowaadhaaf amanamaa taʼeera. (Filiphisiyus 2:8 dubbisi.) Guyyaa duʼa isaatti rakkina hammamii akka damdamate mee yaadi. Ni qabame; ragooliin sobaa Waaqayyoon arrabseera isaan jedhan; abbootiin seeraa jalʼoota taʼan isatti murteessan; mormitoonni isatti kolfan; loltoonni isa dhiphisan, akkasumas muka irratti isa fannisan. Yesuus yeroo duʼuuf jedhetti, “Ni raawwatame!” jedhee ture. (Yohaannis 19:30) Yesuus duʼee guyyaa sadii booda, Yihowaan duʼaa isa kaasee qaama hafuuraa isaaf kenne. (1 Pheexiros 3:18) Torban muraasa booda, Yesuus gara samiitti deebiʼee, ‘mirga Waaqayyoo taaʼee,’ yeroo itti Waaqayyo Mootii itti isa godhu eeggachaa ture.—Ibroota 10:12, 13.

22. Yesuus Abbaa isaatiif amanamaa taʼuun isaa carraa akkamii nu bane?

22 Yesuus Abbaa isaatiif amanamaa taʼuun isaa, lafa jannata taatu irra bara baraan jiraachuuf carraa nuu baneera; kunis kaayyoo Yihowaa ture. Boqonnaa itti aanu irratti, duuti Yesuus jireenya bara baraa argachuuf akkamitti akka karaa nuu bane ilaalla.

^ KEY. 11 Yihowaan Abbaa kan jedhame Uumaa waan taʼeefi dha. (Isaayaas 64:8) Yesuus Ilma Waaqayyoo kan jedhame Yihowaan waan isa uumeefi dha. Maleekonnii fi Addaamis, ilmaan Waaqayyoo jedhamanii waamamaniiru.—Iyoob 1:6; Luqaas 3:38.